Friday, January 17, 2014

Manni adabaa bakka yakkamaan itti amala isaarraa sirratu dhamoo,kan biraa?


Ittaanaa Guuttataa | Amajji 17, 2014 
Seenaa misooma impaayera itiyoophiyaa keessatti, erga mootummaan wayyaanee gara aangootti dhufe bara 1983 asitti jijjiiramni addaa ta’eera yoo jedhame ragaan kanaa firootaafi miseensota waayyaanee qofa. Qotee bulaan ooyiruusaarraa beebyaa tokko malee ijaarsi gamoowwanii, daandiiwwaniifi kkf dhugaatti saffiseera. Hireen qotee bultoota kanaas ilmaan isaanii waliin daandii bukkee ta’aanii harka isa ol darbuufi gad bu’uu ilaaluu, jecha dhaga’ee inbeenneen buusii kadhachuu, gaddee kofalchiisuu, rakkatee duuromsuu dha. Manneetiin barnootaa fi yaalaa, bu’araaleen misoomaafi wirtuuwwan hayyootniifi dargaggootni Oromoo masaanuuwwan wayyaanee akka korbeessa re’ee itti hidhaman manneetiin adabaa sadarkaa isaanii hineegganne haalaan baballataniiru. Abishaalichi mootummaa wayyaanee MB 1fi manneetii adabaa 2, kellaawwan fayyaa 2fi wirtuulee ilmi oromoo itti mirga namummaa isaa sarbamu baballisuun karooraa guddinaafi tiraanisfoormeeshinii keessatti xiyyeeffannaa addaa argateera. Odeeffaannoowwan garaagaraa akka eeranitti Impaayera Itiyoophiyaa kessatti kan hidhamee jiruu 86% Ilmaan oromoo ta’uun isaa kan isaaf falmuu tokko ille akka hin jirree ta’uusa ni ragaasiisa.
Hiikaan mana adabaa qondaaltota mootummaa wayyaaneefi sirriitti galeeraa kan jedhu deebii inqabu, jarri baruus infedhan, beekaa rafaniiru  akka hiikaa haaraatti, manni adabaa bakka cunqursaan, dararamni, salphinni, dhiittaaniifi ajjechi ilmaan oromoo boquu ol qabatanii gaaffii mirgaa gaafatan itti geggeeffamuudha yoo jenne raawwatee akka soba inqabne kan irra gahe martinuu ni beeka. Ragaa qabatamaa kan fedhu yoo jiraate, dararama ilmaan oromoo ijaan inargu jedhee baqa gara biyyaa ollaatti baqate, maqaa shororkeessummaan qabamee gara mana adabaa Imaapyerattii keessatti kan ajjeefame Inkiiner Tasfaahuun Camadaa, yaadannoo baatiiwwan dhihooti. Ahhhhhh…maal godhu garuu, kan du’e hingaluu ta’eeti malee imimmaan waa’ee isaatiif bu’e garba Indii ta’ee lubbusaa nuu deebisa ture. Kan qabeenyaa biyyattiifi lammiiwwanii saamee duurumu meeqaaf eegumsiifi kunuunsi addaatu godhama, isa mirga isaaf Kan lammii isaaf quqquuqamu, mirga dhalootan argate falmachuu irra callisuurra isa wuxifatu garuu manneetii adabaa sadarkaa garaagaraatu itti jijjiirama. Kan bofaa utuu jennuu jawween lolloqaa dhufee jedhe namichi. Kan Miniilik kaleessaa godaannisni isaa  utuu hin badin, ajjechi Eebbisaa Addunyaafaa kaleessaa utuu nu duraa hinhaqamin, madaan calii calanqoo dheengaddaatti utuu hinfayyin, imimmaanni keenya waa’ee Tasfaahuniifi kanneen biroo utuu nuunqoorin, abbaan torbanii, kan xoofoon isaa guutee, akka hoolaa faasikaa hidamee guyyaa isaafi halkansaa adda baafachuu dadhabee guyyaa du’a isaatii eggatu, ammas jira Gootichi Baqqalaa Garbaa, mirga uumaan ilmaan namootaa maraaf laatee mootummaa wayyaneen maaf inkabajamne jedhee gaafachuusaatiin yaakkamaa kan jedhame  garuu maaliif? Maaliifii? Mee maalumaafi? Ilmi namaa sammuu horiirra adda isa godhu qabaachuun isaa akka ittiin yaaduuf, yaada isaan ukkaamamuurra jedhee baafachuusaan maqaa garaa garaatiin mana adabaatti darbatamuun, gaaffii fi sababa ga’aa malee hamma du’aatti adabamuun, yakka malee qabamanii hattuufi lubbu baaftuu waliin, hayyoomanii, akka budaa namarraa adda ba’aanii dararamuun maalumaaf? Jaarraa qaroomaa keessatti akka baroota durii durii sana jiraachuuf dirqiifamuun ilmaan oromoo hamma yoom tti itti fufa? Duutii ooluu baatus, yeroo malee, karoora ofiifi sabaaf qaban galmaan utuu hinga’in, biliisummaa akka dheebotanitti, abjuu fi fedha ulfa’an da’uuf utuu cinninsifatanii lubbuun darbuu caalaa kan bara kana garaa nama raasuufi hamile qabsaa’otaa buusu injiru. Ta’us qabsaa’aa malee qaanqeen qabsoon yoomuu waan hindhabamneef, yaa mootummaa wayyaanee, manneetii adabaa yakkantoota itti sirreessuuf malee kana caalaa falmattoota mirgaa itti dhabamsiisuuf carraaquuniifi tarkaanfachuun qancara gowwaa si gochuurra waan sindeebisneef, qeesaariifi al-qeesaariin adda baafataa adeemuun abshaalummaa dha.

No comments:

Post a Comment