Friday, January 17, 2014

GOOTUMMAA QOFAATU BILISUMMAA MIRKANEESSA !!!!


SEENAA Y.G (2005) | Amajji 17, 2014
Ummati Afriikaa Kibbaa Maandeellaaf kabajaa qabu sagalee tokkon kan mirkaneesseef, Gootummaa isaan ta’uun mamii hin qabu. Gootummaan Maandeellaa har’a Onnee tokkon tokko lammiilee Afriikaa Kibbaa keessa jiraachuu haasaa fi sochii dhaloota har’aa irraa hubachuun nama hin rakkisu. Gootummaa Maandeellaaf hundeedha kanan jedhu, Ejjannoo fi cichoomina isaati. Ejjaannoo fi cichoomiina isaaf bu’urri ykn Ejjannoo fi Cichoomiina isaaf bu’ura kan ta’e  waa lama dursee hubachuu fi murteeffachuu isaati. 1. Daandin Bilisummaatti nama geessu dheeraa ta’uu , 2. Appaartaayidii dhabmsiisuuf yeroo dheeraa ykn adeemsa dheeraa akka barbaadudha. Gaaffiin Ummata Afriikaa Kibbaa waan ifa jiruudha. Gaaffiin isaanii kun garuu deebii akka argatu taasisuuf, yaadi Maandeellaa kun lameen bu’uradha jedheen amana.
Ejjannoon isaa lameen kun, hanga lubbuun jirutti murannoon akka hojjatuu qabu isa akeeke. Kanaaf ammoo, cichoomina hin daddaaqamne, akka sibiilaa waa hundaa dandamatee akka tarkaanfatuuf isa gargaaru murteeffachuu isaatu kabajaa har’aa, Addunyaan itti hinaaftu isa goonfachiise. Nuutis Goota keenya irraa baratee Gootummaa addunyaatti mul’isu kana maaf deeffachuu dadhabne? jennee  keessa keenyatti akka of gaafannu nu taasise. Nurraa baratee jennee dubbachuuf nutti salphatu, qabatamaatti argisiisuuf nutti ulfaatu taane argamuun keenya, falmii seenaa dubbachuu keessatti nu hanbisee jira. Nuuti Gootummaa Abbootii keenyaa ni dubbanna. Garuu hin kabachiifne. Diinni nu bitu garuu, seenaa Bittaa abootii isaanii akka isaaniif ta’utti dabareen kabachiifataa jiran. Kun haqa. Maandeellaan Daandiin Bilisummaa dheerachuu fi Appaartaayidii dhabamsiisuuf yeroo gaafata kan jedhu kana ofitti fudhannee ilaaluun barbaachisaadha.
1. DAANDIIN BILISUMMAA DHEERAADHA  !!!!!!!!
Daandiin Bilisummaa dheeraa ta’utti amanuu dhabuun, laafachuu fi kaleessa kana dhaadatu , har’a kan Ummata ganu ykn nuffanii maraamartoo salphinaa keessatti nama gatu akka danda’u hin shakkisiisu. Dheerachuu daandii keessa waa hedduu jiraachuu akka malu nama akeeka. Daandii Bilisummaa keessa imaluu eegallaan, Miila lama qabaataniif muka lama hin yaabaniin akka dansaatti akka hojjatu hubachuu nama feesisa.sochiin Bilisummaaf taasifamu kan wal irraa hin cinne, miidhaan kamiyyuu yoo dhaqabe, cichoominaan keessa ba’uu akka barbaachisu nama akeeka. Kanaaf maandeellaa hidhaan waggaa 27 isa dhaabu dide. hidhamuun , ajjeefamuun, hiraarfamuun, wal ganuun, dabarsanii wal laachuun, gufachuun, beela’uun, namummaa keessa ba’uun kkf daandii bilisummaa dheeressuu ykn daandii Bilisummaa dheeraa kana keessa jiraachuu dursanii hubatanii , kana keessa dabruuf ammo cichoomiina barbaachisu gamanumaa itti amanuun murteessaa ta’uu nu hubchiisa. Murannoon kun Biyyoota hedduu ykn saboota addunyaa keenyaa hedduu Bilisummaa goonfachiisee jira. Gootummaan ejjannoo kana qabaachuu, Ummata isaanii biratti faarfamaa akka jiraatan isaan taasise. Gootummaan kun kan  wareegamees, kaayyoo bakkaan ga’uuf kan of kennes ni ilaallata.
Gama kanaan yoo of ilaalle, seenaa hedduu keessa dabarree jirra. Ummati Afriikaa Kibbbaa ijoollee hanga jaarsaa fi dhiiraa dhalaan kan muratanii ka’anii gootummaa raawwatan, cichoomiina Maandeellaa kana irraa barachuu fi kan keessa dabran irraa barachuun, dhaabbatanii deemuun namummaa mitii !!!!!!!!!jedhanii murteeffachuu isaaniitu kabajaa har’aan isaan ga’e. Maandeellaa fi jaalleewwan isaa “Daandiin Bilisummaa dheeraadha” jechuun isaanii maaliif akka ta’e huabchuun cichoomiinaan wareegama barbaachisu gootummaan kafaluutu , Bilisummaa isaanii mirkaneesse. Hunda irra akeeka Maandeellaa faa’aa, dhalooti manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa keessa jiran illee hubatanii, Gootummaan ala, Bilisummaan akka hin jirre qalbeeffatanii , daandiin kun dheerattus, cichoomiinaan keessa baana jechuun, Fincila wal irraa hin cinnee fi keessa deebii hin qabne qabsiisuun diina Afuura kutanii haqa isaanii fudahchiisanii , humna Ingilizii addunyaan harka jiruu cabsan. Kun gootummaa ol aanaadha. Seenaa gootummaa Barattoota Afriikaa kibbaa kana addunyaan irraa hin dubbanne. Warra abbaa dhimmaa qofaatu dubbata. Addunyaan dantaa ofiif fiigdu seenaa nama boonsu kana maaliif akka hin dhaadhessine, warra Gabrummaa keessa jiruutu hubata.seenaan sun Fiilmii lamaa fi sadii irraa hojjatanii kan dhaaban hin turre.
Daandii Bilisummaa kan dheeressu, diina waliin falmiinu qofaa odoo hin taane,shariikoonni isaanii gaffii Ummata tokko ukkaamsanii yeroo dheeressuu keeaa harka qaban. Addunyaan kan humna qabuuti. Maandeellaanis Ummati isaa hanga humna ta’ee asi ba’utti daandiin Bilisummaa dheerachuu akka malu illee ni hubata. Humnoonni dantaaf dhaabbatan, shariikummaa Ingiliziif jedhanii, Qabsoon Afriikaa Kibbaa Maandeellaan durfamu, kan Ashabbaarii jedhanii qoqqobbii addaa irraan ga’aa turan. Kun Bilisummaa achi dhiiba.nuutis wayyaaneen akkasuma jedhamaa jirra. Addunyaan maandeellaan Ashabbaarii jettee ajjeesisuuf itti duulaa turte, har’a akkas isa dhaadheessuun isaanii yennaa ilaallu, warri dhihaa kun haqa jiru odoo huabtanii akka nama qabanii fi yeroo barbaadanitti michuu akka nama taasifataniidha.
Kun nuuf barnoota ta’uu qaba. Daandiin Bilisummaa dheerachuu hubachuu dhabuu irraa waan miidhamne hin qabnuu ? qabna . Daandiin kun dheerachuun kan hin hafne ega ta’ee, kan kaleessaa irraa barannee adeemsa keenyaa fi waan diina irratti yaannu wal irraa akka hin cinnee taasisuuf hojjachaa jirraa ? dhalooti har’aa Biyya keessaa wayyaanee waan danda’een dura dhaabbataa jiru, kana irraa maal barachuu qabu ? warra daandii dheeraa qaxxaa muranii Ummata isaanii Bilisummaa goonfachiisan irraa maal baranna? Keenya maaf takkaa ho’ee , deebi’ee qabbanaa’a ? Maaf waggootaaf itti fufu dadhabe ? Ashabbaarii wayyaaneen nu irratti holaltu soda meeqan keenyatu mataa gadi qabatee jiraachaa jira ? yoo jenne, deebiin isaa Daandiin Bilisummaa dheerachuu huabtanii kan fagoo fi dhihoo adda baasanii qophaa’uu dhabuutti nu geessa.
2. APPAARTAAYIDII DHABAMSIISUUF ADEEMSA DHEERAA GAAFATA :
Maandeellaan, diinni Ummata isaa gabroomsaa jiru , miidhaa maalii irraan ga’aa akka jiru hubachuun , jecha dhalooti wal harkaa fuudhee irratti hojjachuu qabu akeekeera. Appaartaayidii akka sirnaatti kuffisuun waa tokko.waan inni awwaalee dabre ammoo Hawaasa keessaa dhabamsiisuun waa biraati. Dhaamsi kun bara qabsoo keessa jiranis ta’ee , Bilisummaan booda maal irratti hojjachuuf akka akeekkatan nama hubachiisa. Ingilizoonni yennaa nama gabroomsan humnaan nama cabsuu qofaa miti. Eenyummaa fi maalummaa Ummata tokko harkaa gatanii , akka isaaniin irreeffate bulu taasisu. Keessattu dhaloota giddutti qaawwaa hin duudne uumanii nama qilleensa irra jiraatu yk of wallaalee dhiiguma isaa dabarsee kannu uuamanii , walii isaanii akka wal-nyaatan taasisaa ofii aara galfatanii jiraachuu akka yaadan kan hubate maandeellaan, Qabsoo yeroo sanatti gaggeeffamu cinaan, waan Bilisummaan booda hojjatan karoorfachaa turu isaanii nu ibsa.
Afriikaan Kibbaa har’a dhaloota Biyya dhaalu ummachaa jiraachuun alatti ,aadaa ormaa,  jiruu fi jireenya ormaa gabrummaa keessa itti dhufe dhaloota irraa kutuuf hojjachaa jiraachuun ni dubbatama. Akeeki maandeellaa inni guddaan, Haawaasa Appaartaayidi buburreesse dhaabuuf, tarkaanfiin inni guddaan, dhaloota Appaartaayidi hin xuxuqne ummachuudhaa jedhanii irratti hojjachuutu dubbatama. Kanaan mikaa’uun ni himama. Ta’us ammllee duulli Bara Qabsoo eegalame, itti fufee jiraachuu lammiileen Biyyatti bifa gara garaan ibsaa jiran. Ingilizoonni summiin Ummata Afriikaa Kibbaa keessatti facaasan kan dafee dhabamuu miti. bifa sirbaan, shubbisaan, Amantiin, jireenya hawaasummaan, Fiilmiin, Viidiyoon sammuu lammiilee xureessuuf,kkf shirri irratti hojjatame kan dubbatame dhumu miti.
Deezmoon Tuuttuun kana ilaalchisanii kan dubbatan yoomillee kan dagatamu miti. Deezimoon Tuuttun Luba Amntii Addunyaan kabajduudha . garuu waan Amantiin qabsiifamee Ummata isaanii irratti hojjatamaa ture , ibsa gabaabaan addunyaaf ibsan. Akkas jedhan, “Ol jedhaa waaqa kadhaa ! nuun jedhan. ol jennee waaqa yennaa kadhannu, isaan gadi jedhanii Lafa keenya fudhatan ”jedhan. Akeeka maandeellaa bara qabsoo sanaas haala qabatamaa Biyyattii keessan ibsuun ni danda’ama. Yeroo Maandeellaan hiikamu,Maarshi Baandiin Afriikaa Kibbaa gurraacha tokkon alatti hundi isaanii warra adii turan. Har’a garuu adiin keessa jiraachuu waaqatu beeka. waa tokko fageessanii yaadanii irratti hojjachuun yeroo dheeraaf diina injifachuuf nama gargaara.
Qabxiilee, Daandiin Bilisummaa dheeraadhaa jedhuu fi Appaartaayidi dhabamsiisuuf adeemsa dheeraa gaafataa, kana keessaa maal baranna ? qabxiilee lamaan kun akkamiin nu ibsan ? maal nu qeeqanii maal nu barsiisan? Waan wal irraa citu hin qabne yoo cite miidhaa maalii qaba ? Biyyoonni Arbaa kaaba Afriikaa fi giddu galeessa bahaa waggaa lama dura eegalame fi adeemsa Maandeellaa kanaan akkamiin wal fakkaatan ? waan wal irraa hin cinnee akka Gibtsootaa gaggeessinee, furmaatatti butachuu maaf dadhabne ? gidduu kana Biyyi Gidduu gala Afriikaa a jedhmtu keessatti kan ta’e maal nu akeeka ? waan addunyaa irratti ta’u kana hanga yoomitti odoo akkas taanee jennee hawwina ?  dhugaan tokko Maddi hawwii kana hundaa Gootummaan Taaddasaa faa’aa MAANDEELLAA kabajaa goonfachiise,   nu keessaa dhibuudhaa laata?
kutaa 2ffaan itti fufa.

No comments:

Post a Comment