Thursday, March 20, 2014

UMMATA OROMOO MANA HIDHAA WAYYAANNEE ADDA ADDAA KEESSATTI RAKKACHAA JIRAN AKKAMITTI CALLIFNNEE LAALLA????


Akkam nagaa jirtanii yaa ummata oromoo baka jirtan maratti warri biyya keessa jirtanis warri biyya alaa jirtanis,Guyyaa har’a maalifan waan kana barreessuf ka’e yoo naan jettan ummata keenyaa ummata oromoo biyya isaa keessa jiraatuu dadhabee cinaan du’ee,cinaan biyyaa bahee biyya ormaa(baqarratti) rakkachaa jira,kan hafe immoo biyyuma ofii keessatti mana hidhaa adda adda kan beekkamoo ta’aniif kan hin beekkamne keessatti rakkinni adda addaa hanga du’aatti irratti raawwachaa jira.
Anis kanaafan waa’ee ummata keenyaa mana hidhaa adda adda keestti wayyaannefi ergamtootni wayyannee itti taphachaa jiran kana waa xiqqoo jedhuuf,
Linkii kana”list-of-political-prisoners-amharic”jedhu kana kopi gootanii yoo laaltani,hagam tokko akka nama ajaa’ibu argitan.Namoota achiiratti maqaan isaanii xuqamee keessaa meeqa isaanii oromoo akka ta’an achirattuu argitan.kun kan ta’e mana hidhaa beekamoo Afur(4) qofa keessatti.Garuu mee yeroo tokko dhaabadhatoo xinxalaamee,manoota hidhaa meeqattu naannoo oromiyaa keessa jira?Ganda irraa jalqabee,Aanaa jedhee godina jedhee,hanga naannoo fi motummaa federalattii, akkasumas kampii waraana fi bakkoota dhokataa ta’an meeqatu jira??bakkoota kana mara keessatti kan rakkachaa,ajjeefamaa,toorchii godhamaa,du’aa,reebamaa,dhukkubsataa,arrabsamaa fi tufatamaa jiru:manguddoo,barataa,dubartii,ijoollee,jarsa fi walitti qabaa ummata oromoo maratu mootummaa abbaa irree wayyaanetin irraatti ademsifama jira.
ummanni oromoo rakkachaa jiru kun oboleewwan,abbootti,ijoollee fi haawwotii keenya.Nu marti keenyaa osoo ilmi keenya yookan obboleessi keenya yookaa abbaan keenyaa mana hidhaa wayyaannee keessatti nu jalaa du’ee akkamitti gadinna???ammas kan illaaluu qabnu akka obboleessa wajjin dhalaneetii yookin akka mucaa nu dhalleetti madaan isaa nutti dhagahamuu qaba.fakkeenyaf kan isin martuu beektan obboleessi keenya Inginer Tasfahuun Camadaa biyya ollaatii dabarsamee kennamee mana hidhaa keessati akkamitti akka du’e nu martuu ni beekna.Baratee biyya ofii irratti hojachuu dadhabee biyya alattis baqatu basaasttonni wayyaanee biyya ollaa irraa qabanii hidhan.
Wanti nu beekuu qabnu sabaa fi sablamoonni biyya san keessa jiraatan yoo sabni isaanii namni lamaa hidhame ganamaaf galgala iyyan.Nu’i hanga yoomitti callifnaa??mee kan darbe dhiifnee harka wal qabannee,namummaan nutti dhagahamee garaa kutannoodhan haa kanu.
Injifannoo Ummata Oromootiif!!!
Bitootessa 20, 2014

No comments:

Post a Comment