Monday, March 10, 2014

Amsterdam: Dubbartootni Oromoo biyya Netherlands guyyaa dubartoota addunyaa kabajani


 Madda: HONL, 09-03-2014 
Gadaa.com
  Dubartoota Oromoo wayita kabajan. Madda : hawaasa Oromoo biyya NL
Waggaan dhibbaffaa (100ffaa) Ayyaaneffaa Guyyaa Dubartoota Addunyaa, Dubartoota Hawaasa Oromoo Netherlandiin Bitootessa 8 bara 2014 magaalaa Amsterdam Netherlands keessatti kabajamee oole.
Sagantaan kun eebba maanguddotaa tiin eegalme. Eebba Maanguddoo kana wanti adda godhu Obbo Awwal Abbaa Bulguu bifa faarfannaa tiin eebba dhiyeessuu isaani ti.
Eebbaa maanguddootaa tti ansuu dhaan Itti gaafatamtuun Dhimma Dubartoota Hawaasa Oromoo Netherlands Aaddee Aliimaa Usmaan hirmaatotaaf ibsa kennanii jiru. Ibsa kennan kana keessatti;-
“Dhiibban adda addaa wanna tureef Mirgi dubartootaa akka kabajamuuf jecha sochii fi wal-ga’iin addaa addaa biyyoota garaa garaa keessatti dubartootaan taasifamaa ture. Dhuma’rrattis bara 1914 kaasee Bitooteessi 8 Guyyaa Dubartootaa Addunyaa ta’ee sadarkaa guutuu addunyaa tti, waggaa waggaan ayyaaneffamaa jira. Keessattuu bara 1977 Mootummoota Gamtoomaan jechuun “United Nation” biyyota miseensota isaa ta’an affeeruu dhaan “Bitootessi 8 Guyyaa Mootummoota Gamtoomanii mirga dubartootaa fi nageenya addunyaa tiif” labsa jedhu erga dabarsee kaasee ayyaaneffaan guyyaa kanaa hubannoo cimaan gaggeeffamaa jira.
Gadaa.com
Dubartoonni Oromoo biyya adda addaa keessa jiran guyyaa Dubartoota Addunyaa haga tokko kabajaa turaniiru. Akka Dubartoota Oromoo Netherlaand tti’mmoo yeroo calqabaaf guyyaa hardhaa kana Bitootessa 8, bara 2014 ayyaaneffamuu calqabe.
Yeroo Sabni Oromoo sirna Gadaa tiin wal-bulchaa ture, Dubartoonni Oromoo seera Siinqee tiin wal-quba qabaachaa turaniiru. Galmi maatii jiraachisu Utubaa dhaan jabaatee dhaabbata. Jiruu fi jireenyi dhala namaa’mmoo dubartii dhaan utubama. Bakka dubartiin jirtu miidhagina, gammachuu, jaalala, kabaja, quufa, gootummaa fi tokkummaatu jira. Bakka dubartiin hin jirre waanti martinuu hirdhuu dha. Jiruu fi jireenya dhala namaa keessatti waanti dubartii qooda hin fudhachiifne hanga ittoo soogidda hin qabnee tti.
Dhugaan jiru kana ta’ee otoo jiruu dhiibbaan adda addaa Dubartoota’rra gahaa tureera. Ammallee taanaan dhimmoota akka diinagdee, sochii siyaasa fi hawaasummaa keessatti qoonni dubartooti Oromoo qaban gahaa miti. Qooda fudhannaan dubrtootaa Oromoo maaf muraasa ta’e jennee yoo dhugaa xiinxallee ilaalle aadaa, amantii fi seera biyyaa tti wanti quba nama qabsiisu hin jiru. Garuuseerri Abbaa manaa mirga dubartii’rratti dhiibbaa gochaa akka jiru hubachuun nama hin dhibu.
Kanaafuu Tokkummaa Hawaasa Oromoo cimsuuf, akkasumas abbaa biyyummaa Oromoo mirkaneessuuf hirmaannaa dubartootaa daran jabeessuun heddu barbaachisaa dha. Akka Koree Dubartoota Hawaasa Oromoo Nederland tti waanti isin maratti dhaammannu dubartoota ykn shamarran beektan kanneen Netherlands keessa jiraatan akka ijaarsa kanatti makaman taasisuuf tattaaffii guddaa isini’rraa eegganna. Ofuma’rraa ykn manuma ofii’rraa eegaluun karaa sirrii akka ta’ellee akka hin dagatamne isini tti dhaammanna”, jechuu dhaan itti gaafatamtuun Dhimma Dubartoota Hawaasa Oromoo Netherlands Aaddee Aliimaa Usmaan dhaamsa ijaarsa Dubartootaa jabeessu dabarsanii jiru.

No comments:

Post a Comment