Thursday, March 20, 2014

Mormiin Sirna Mootummaa Wayyaanee Qabsiifame Gootota Barattoota Oromoo Yuuniversitii Jimmaan Itti Fufe Jira.


OromiaALutaContinua2011FDGBitootessaa 16/2014 Adeemsi FDG fi warraaqsi qabsoo bilisummaa Oromoo haala jajjabeessaa ta’een Qeerroo gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaatiin gagggeeffamaa jiru yeroo irra gara yerootti jabachaa jiraachuun ibsamera. Goototni Qeerroo baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa aadaa, seenaa fi gootummaa gotota qabsoo bilisummaa Oromoof wareegamanii tiksuu fi galmaan ga’uuf kan akeekkatan yoo ta’uu, Bitootessaa 15/2017 Qeerroon goototni baratootni oromoo kun gumii guddinaa fi dagaagina seenaa aadaa fi Afaan Oromoo keessatti hirmachuun qophii baay’ee ajaa’ibsiisa ta’ee mini Studeum mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti qopheeffachuun waleelee warraqsan barnoota guddaa wal barsiisan, eenyummaa Oromoos ifatti mul’isuun
farsan, Walleelee warraqsaa kan dhiyeenyaa kana artistootni Oromoo lama sirban, kan Artist Shukurii ” Miniliik nuf diinaa yaa Teedii maal baacaa” jechuun sirbee fi kan artisti Qamar Yosuuf wallisee” Miniliiki binensa” jechuun wallisee Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa keessa nanna’uun dhiichisanii sirbuun uummataaf barnoota guddaa dabarsuun, diinota Oromoo fi habashaa miniliikiin dhaadattutti eenyummaa dargaggoota Oromoo fi uummata Oromoo ifatti diinatti soda tokkoo malee agarsiisan. Goototni ilmaan Oromoo kun lafeen lammiiwwaan koo bakka jirtuu iyyitee jechuun habashaan nurratti hin dhiichiiftuu, kanaan boodaa abbaan irree nu hin bulchituu, minilikii nuf diinaa gocha isaa ni beekna, hashaan habadhuma, Oromoon lamuu hin gowwominaa jechuun diina garaa guban, sochii sabboontota Qeerroo dargaggoota Oromoo kanatti wayyaaneen rifachuun humna poolisaa humna ol halkaniin
doorsisaaf mooraa yuunivarsiitiitti ol haa galchu iyyuu malee goototni baratootni Oromoo sodaa tokkoo malee Oromummaa , sabboonummaa fi eenyummaa Oromoo dabaree dabaree walleewwaan kanneen farsuun diinatti mul’isan.
Sochiin kun Bitootessaa 16/2014 jabaachuun itti fufee; guyyaa kana immoo sabboontotni fi Goototni Qeerroo baratootaa Oromoo Ayyaanaa Dhangalaasaa kan hordoftootnif Leelliftootni fi deeggartootni amantaa waaqeffaanna qopheessan irratti uuffata aadaa Oromoo godinaalee Oromiyaa garaagaraa uffachuun eenyummaa, fi aadaa isaanitti boonuun eenyummaa uummata Oromoo diinatti argisiisan. sagantaa kanaa booda Qeerroon baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa wal qindeessuun magaalaa Jimmaa fi Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa hunda keessa nanna’uun wallee warraaqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo fi adeemsaa FDG argisiisuu sirbuun uummataa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa keessatti argamuu garaa raasuun barnoota guddaa uummataaf dabarsan.
Haaluma kanaan uummaanni gariin baratootatti makamuun walleen warraqsaa itti fufe. yeroo kanatti walleen warraaqsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo gootota baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa fi Uummataan qabsiifamee addatti ABO fi WBO kan faarsuudha. qeerroon ” sirraa hin ollee WBO koo nan ture malee” jedhuu fi Ballammii yaa gurraacha garbuu WBO ABO beektaa qeerransa kutee bira darbuu” jechuun sabboonummaa fi gootummaa qabsoo bilisummaa oromoof qaban ifatti mul’ifatan addattis ABO faarsatan.Adeemsa warraqsaa qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun waraana wayyaanee marsee gootota baratoota oromoo eegaa oluuf illee sodaa tokko akka hin qabneef argisiisan.
Mootummaan Wayyaanee haala kana irraa sodaa guddaa keessa
seenuun humna waraanaa qabuu fi poolisoota qabu magaalaa Jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti bobbaasuun eeggicha cimaa taasisaa jira.
gabaasa qeerroo yuuniversitii jimmaa bitootiessa 17,2014

No comments:

Post a Comment