Thursday, March 6, 2014

Oduu Gaddaa: Obbo Alamaayyoo Atoomsaa Du'ani.


Photo
      Suurraa: Alamaayyoo Atoomsaa. madda: Facebook isaanii
I/G Dh.D.U.O fi president Oromiyaa kan turan obbo Alamaayyoo Atoomsaa sababa dhibeen du'ani. Obbo Alamaayyoon bara 2011 akkuma aangoo qabataniin dhukkubsatanii biyya Thailand keessatti yaalamaa bahani.
Obbo Alamaayyoon dhalatanii umurii ganna 45tti  gaafa Biitootessa 5, 2014 lubbuun isaanii bahuu sabaa-himaan mootummaa beeksise. Obbo Alamaayyoon barri bulchiinsi isaanii tasgabbina kan qabuu fi malaanmaltummaa fi lafa gurguruu saammicha irratti duula bananiin yaadatamu jedhu namootni hedduun.
Baatii Guraandhala keessa obbo Alamaayyo Atoomsaa sababa dhibeen dirqama bahuu akka hin dandeenye xalayaa dhaaba isaanitti dhiheeffatanii , Dh.D.U.Os dhimmicha harkaa fuudhuunsaa beekamaa dha.
 Bakka obbo Alamaayyoo amma I/G OPDO kan ta'ee jiru obbo Muktar Kadir dha.
3/6/2014

No comments:

Post a Comment