Wednesday, March 5, 2014

Lixa Shawaa Geedoo Irraa Barattootni Oromoo 5n Tikoota Wayyaaneen Ukkaamfaman.


WandimuGabaasaa Qeerroo Shawaa Lixaa Geedoo irraa;Bitootessa 05,mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo mana hidhaatti guuruu irraa boodatti jechaa akka hin jirre gabaasota yeroodhaa gara yerootti dhiyaataa jiran irraa kan hubatamuudha. Akka gabaasaa Qeerroo ibsutti yaadannoo barataa kanaan dura Wayyaanee dhaan ajjeefame barataa Wandimmuu Daammanaa jedhamu yaadannoo isaaf barattootni mana barumsaa Geeddoo sadarkaa 2ffaa keessatti taasisaniin barattootni 5n tikoota Wayyaaneen qabamanii ukkaanfamanii jiru,kunis yaadannooma barataa due kanaaf godhameen achi keessatti haaloo bahuudhaaf walitti dhuftan,ejjennoo keessan cimsachuudha kan jedhuun mootummaan Wayyaanee barattoota adda duree dha jechuun qabaman maqaan isaanii kanaa gaditti kan ibsame:
1. Darejjee Baqqalaa-barataa kutaa 10ffaa
2. Namarraa Galataa-barataa kutaa 10ffaa
3. Tolasaa Guutaa-barataa kutaa 10ffaa
4. Mokonnin Xuwwii-barataa kutaa 12ffaa
5. Jamaal Abdii-barataa kutaa 12ffaa.
Barattootni kun yakka tokko malee yaadannooma barataa kanaaf godhameen tikoota wayyaaneetiin hara Bitootessa 05 qabamanii ukkaanfamanii jiru jedha Qeerroon magaalaa Geedoo irra.
bitootessa 05,2014 geedoo

No comments:

Post a Comment