Sunday, February 16, 2014

Magaalaa Buraayyuu keessatti diddaa Uummataa ka’een wal qabate Poolisootni dhalootaan Oromoo tahanis gaafii Uummataa deeggaran


OromiaALutaContinua2011FDGMootummaan Wayyaanee diddaa Uummataa dura dhaabbachuuf waraana dhimma bahaa kan ture magaala Buraayyuu fi Sabbataa keessatti Poolisootni dhalootaan Oromoo tahan gaaffiin Uummataa sirrii tahuu mirkansuun sirna mootummaa wayyaanee waliin waldhabdeen Uumame. Magaala Buraayyuu keessatti waamicha Uummata maraaf godhameen Uummatni gamtaan gaaffii mirgaa wayita eegalu mootummaan wayyaanee poolisoota Oromiyaa fi federaalaan bittinsuuf bobbaasus poolisootni dhalootaan Oromoo tahan gaaffiin Uummataa deebuu qaba jechuun uummata deeggaran. Dargaggootni gamtaan hojii dhabdummaa fi qaalainsi jireenyaa haa dhaabbatu jechuun bulchinsa kan gaafatan yoo tahu wayyaaneen garuu diddaa kana dura dhaabbachuuf fala yeroo waan hin qabneef barreeffamaan akka galchitan jechuun tasgabbeessaa jirti. Humna dargaggootaa bittinsuuf malee wayyaaneen barreeffamaanis yoo tahe gaaffii Uummataa deebisuuf akka hin jirre hubachuun dargaggootni gaaffii abbaa biyyummaa jabaatee akka itti fufu qeerroon jabeessee dhaama.
Magaala Sabbataa keessattis waamicha Uummataaf taasifameen Sabboontotni Oromoo nyaata lagachuun diddaa mootummaa wayyaanee irratti dhageessisaa jiran. Uummatni marti gamtaan mirga isaa falmachuuf akka waliin hiriirus jabeessinee dhaammanna.

No comments:

Post a Comment