Tuesday, February 18, 2014

Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa Keessatti Barruuleen Warraaqsaa Uummataaf Bittinfame.

Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaatti Barruu Warraaqsa FDG Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummataaf bittineesseen walqabatee mootummaan abbaa irree uummata goola jira. Gaafa Gurraandhaala 13,2014 galgala barruun warraaqsaa waamicha FDG magaalaa Jimmaa fi Yuunivarsiitii Jimmaa keessatti uummataaf sirriitti bittineeffamuun akka namni hundi hubachuun dhimma bilisummaa isaf ofiin ka’ee gamtaan falmatuuf waamichi godhame uummata qaqabee jiraachuun isa mirkana’era.
Mootummaan abbaa irree Wyyaanee EPRDF FI TPLF’n durfamu sochii warraaqsaa FDG Qeerroon bilisummaa Oromoo gaggeessuuf jirutti barraaguun namoota manneen kompiteraa fi Copy Magaalaa Jimmaa keessa qaban maqaa qorannoo jedhuun qabee waajjira poolisaa magaalaa Jimmaatti guuree darara jiraachuun beejamee jira.Keessaattu ilmaan Oromoo manneen Compitera magaalaa Jimmaa keessaa qaban waraqaan FDG isin biratti baay’ifamee bittineeffamee jira, computer keessaan waraana nurraatti labsa jira jechuun manneen kompitera hedduun humna poolisaan sakkata’amaa jiru. manneen komputera nannoo Yuunivarsiitii Jimmaatti argaman kanneen cufaama jirachuunis hubatamera.
Kana malees gama biraan uummaannii Oromoo jirattootni magaalaa Jimmaa hedduun konkolaataa poolisaan qabamanii mana hidhaa waajjira poolisaamagaalaa jimmaa galfamaa jiraachuu odeessii sa’a kanatti nu qaqqaba jiru saaxilee jira. Mootummaan Wayyaanee sochii uummataatti rifachuun tajajiloota akka Network fi ibsaa elektirikaa balleessa jirti. Maqaa namoota qabamanii ammatti waan nu hin geenyeef amma qorannee kan gabaasnu ta’uu ni hubachiifna.
Gaafa  Guraandhala 14/2014

No comments:

Post a Comment