Sunday, February 16, 2014

Diddaan Barattoota Oromoo Bakkoota Adda Addaatti Itti Fufuun Yuuniversitiin Amboo FDG Qabsiisan.

Barattootni Oromoo gaaffiiwwan mirgaa abbaa biyyummaa finiinsaa as gahan. Qabsoo Oromoo keessattis qooda olaanaa bahachaa kan turan barattootni Oromoo yeroo ammaa kanas daran jabeessuun diddaa walii galaa gaggeessuu irratti argamu. Yuunivarsiitii Amboo keessatti barattootni Oromoo nyaata lagachuun diddaa sirna mootummaa Wayyaanee irratti gaggeessaa kan jiran yoommuu tahu mootummaan wayyaanee haala kanaan kan baarage waraana hedduumminaan booraa seensisuun barattoota gamtaan dhaabbatan diiguu kaan ammoo mana hidhaatti ukkaamsuu irratti argamti. Barattootni Oromoo mooraa Yuunivarsiitii Amboo manni barnootaa mooraa waraanaa miti jechuun poolisootni akka mooraa gadhiisan yoommuu gaafatan poolisootni doorsisuu fi reebuu irratti argamu. Barattootni Oromoo
1.       Solomon Tsaggaayee Daadhii dhalootaan Gindabarat kan tahe
2.       Shamarree Lalisee Mokonnin barattuu kutaa 12ffaa
3.       Barataa Geetuu Dalasaa Agriculture waggaa sadaffaa kan tahe
Yeroo ammaa qabamuun bakka mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti kan ukkaamsaman yoommuu tahu wayyaaneen shira kamuu dalagdu jabaannee mootummaa wayyaanee akka xumura itti goonu jechuun dhaamsa Orummaa dhaammatanii jiran.

No comments:

Post a Comment