Sunday, February 16, 2014

Barattooti Oromoo Yuuniversitii Adaamaa FDG Kaasan.Barruulee Warraaqsaas Tamsaasan


Akkuma beekamu buufata yuuniveritii oromiyaa keessatti argamu irratti FDG adeemsifamaa akka jiru hubatamaadha. Mootummaan Wayyaanee  dhagahus dhaga’uu baatus gocha isaa balaaleffachuudhaan uummanni oromoo bakka jirutti falmii isaa mootummaa wayyaanee waliin gageessuu isaa jabaatee itti fufee jira. Guraan dhala 12 irraa kaasee waraqaalee waamichaa FDG bakkeewwan adda addaa yuuniversitiilee keessatti faffaca’aa jira,kunis akka yuuniversitii Adaamaatti Guraandhala 13 irraa kaasee waraqaaleen waamichaa fi dadammaqiinsaa sa’atiidha sa’atiittii mooraa keessatti bittimfamuu fi maxxanfamaa jira,hanga guyyaa har’aa Guraandhala 15tti. Waraqaaleen faca’uu fi maxxanfamuu irraan lukkuuleen wayyaanee mooraa yuuniversitii Adaamaa hanga har’aatti wareeruudhaan barattoota oromoo mooraadhaa gadi ari’aa jiru,doormiidhaa doormiitti sakatta’iinsa jabaan gaggeeffamaa jira,hojjetootni kaaffee fi waajiraalee yuuniversitichaa sodaa irraan mooraa gadi dhiisanii jiru,poolisii naannoo,poolisii oromiyaa fi miseensota OPDO kan ta’an akkasuma barattoota habashaa irraa kan hafe mooratti an hafan hin jiran sodaa irraan kan ka’e nyaatni sirnaan gaggeeffamaa hin jiru kunis gar jabina fincilaatti geessaa jira,walgayiin  presedaantii oromiyaatiin magaalaa Adaamaa irratti gaggeeffamaa jiru kanneen walgayii san irratti argaman bulchitoota magaalaa fi kantiboota magaalawwanii waraqaalee waamichaa FDG mooraa keessatti bittimfame kana jaleewwan isaanii irraa waan dhagayaniif sodaadhaan humna waraanaa magaalaa sanatti ajajanii eegsisaa jiru.Barataan oromoo ammas waraqaan bifa addaatiin qophayaa waan jiruuf hanga magaalatti bittimsuuf qophii irra jiru,gabrummaa jalatti barumsa hin barannu,maatii keenya fi lammii keenya mirgi isaa sarbame sammuun keenya barumsaaf qophii miti jedhuunn ammallee itti fufanii dhaamsa barattoota koollejjiilee fi manneen barumsaa sadarkaa gadiitiif dhaamaa jiru.Fincilli mooraa keenya  Adaamaatti fufee jira wayyaanen yeroo lolli itti baayatu humna dabalata nuti barattootni oromoo mooraa yuuniversitii Adaamaa jirru FDG kaasne kanaaf jiraattootni oromoo bakka hundaa irraa tokko taanee mirga keenya haa falmannu dhaamsa dhaammanna. FDG itti fufa!Guraandhala 15,2014 Adaamaa

No comments:

Post a Comment