Monday, February 17, 2014

Diddaa Sirna Mootummaa Wayyaanee Magaalaa Bishooftutti Qabate.

OromiaALutaContinua2011FDG diddaa mooraa yuuniversitii Bishooftuu keessatti qabateen uummanni oromoo magaalaa Bishooftuus dammaqummaadhaan gaaffii barattoota deggeruun guyyaa keessaa saa 12:00 PM bakka waaqeffannaa uummanni itti wal argutti waraqaa qabachuudhaan bobbahanii jiru. Madda gabaasaa Qeerroo magaalaa Bishooftuu irraa dubbatuun barattoota mooraa yuuniversitii Bishooftuu irratti waraqaaleen bittimfamuu irraan diddaan deggertoota qabsoo oromoo qaama hojjetoota mootummaa wayyaanee waliin hiriiruudhaan Guraadhala 15 guyyaa keessaa saa 2:00 AM irraa keessee adeemfame,mootummaa wayyaaneef gonkumaa hin bitamnu, barattoota qayyabatan doormii keessa yaasuudhaan kan eegale bulee hara uummata kan qaqqabate yoo tahu hidhattppta wayyaanee bakka lamatti kan qoode diddaan kun tahuu isaa gabaasaan addeessa,hitaan wayyaanee kan wayyaaneef ajajamee jiraatu ykn bitamee buluuf gama tokko yoo tahu hidhattootni wayyaanee oromoo taan kan sabboonummaa qaban gaaffii barattootaa deggeruudhaan diddaa kanatti hirmaatanii jiru. Hidhattoootni wayyaanee diddaa kanatto hirmaatan uummataaf humna tahuudhaan uummanni waamichi kun bira gahee fi diddaa keessatti hirmaatan bakka tokkotti wal gahuudhaan hanga oromiyaa guutuutti adeemsisuuf adda duree taanii kan jiranii fi guyyaama kana galgala keessaa saa 7:30 AM irratti mootummaan wayyaanee humna darbatamaa bakka biroo irraa konkolaadhaan feee magaalaa Bishooftuu buufachiisee jiraachuu isaa maddi gabaasicha addeessa. Galgala kana irraa kaasee halkan kana guutuu caasaa mootummaa irraas dhaamsi miseensota Qeerroo magaalaa kana jiran qaqqabaa jiru jabaadha kan jedhu dha. Uummatas tae barataa akkasuma hidhattoota wayyaanee keessa kanneen diddaa kana irratti hirmaatan yeroodhaaf kan riphan yoo tahu itti fufee akka gaggeeffamu dhaamsa dhaamu,yoomiyyuu boodatti hin jedhamu jabaadhaa jedhun Qeerroo yuuniversitii biraa irra jiruuf gahaa jiru. Fincilli gama kanaan jiru itti fufa!
Guraandhala 16/2014

No comments:

Post a Comment