Thursday, December 19, 2013

MINILIK WARRA HABASHAA – HITLER AFRIKAA-TI


Taammanaa Bitimaa iraa | Mudde 19, 2013
DURAANDURSA
Dubbiftoota mandhee tanaa jaalatamoo fi kabajamoo, mee kunoo hardha immoo waayee dubbii mataduree kanaa irrattin waa isiinii dhiyeessa. Akkan kana irratti waa jedhu kan na kakaase, waggaa dhibbaffaa du’aatii Minilik faashistichaa sababeeffachuun: duula ginni-bittee, iliitoonni fi jalaa-jaleewwan warra Habashaa keessumaa kan warra Amaaraa uummata Oromoo irratti adeemsisaa jirani. Hubaddhaa barri amma keessa jurru kun bardhibbee 21-ffaa dhaa! Dirreen duula warreen kanaa inni hangafni kan irratti tahaa jiru Oromiyaa dhaa! Jarri duula hamaa fi fokkisaa kana uummata, sabaa fi biyya Oromoo irratti oofaa jiran kun: “tokko taanetoo Toopphiyaa warra Wayyaanee harkaa baafnee ijaarranna” nuun jedhuu!
Yaa Oromoo, yaa uummatoota Kibbaa, yaa addunyaa dubbii akkanaa kana maal jenneetoo himna? Maal jenneetoo barreessina? Waan hundaafuu, dursinee seenaa faashisticha warra Amaaraa, seenaa Hitler Afrikaa kana keessaa hamma tokko wajjumaan mee haa ilaallu!
SEENAA OLLUMMAA OROMOO FI WARRA HABASHAA
Iliitonnii fi barreessitoonni gita-bittee Habashaa seenaa ofii akka fedhanitti dhiyeeffachuu dandayu. Garuu, seenaan isaanii garri irra caalu kan sobaa fi dharaan laaqame. Isaan sobuufis, seenaa ofii sobaan lallaaqufis “mirga qabu“. Garuu, seenaa sobaan lallaaqame kana nutti fe’uuf mirga wayiituu hin qabani. Seenaa Habashaa isa ifumatti sobaan lallaaqamee keessaa inni tokko, Minilik Lammaffaan isaanii kun “Toopphiyaa tokkoomse” kan jedhu. Minilik Biyya Habashaa tokkoomsun, kunis isa Teediroosi fi Yohaannis faa jalqaban fiixaan-baasuun isaa dhugaa dha. “Toopphiyaa tokkoomsuun” isa soba. Ammoo, impaayera Toopphiyaa jedhamtu saba Oromoo fi uummatoota Kibbaa: Afaar, Kafichoo, Kuulloo-Kontaa, Walaayitaa, Hadiyyaa, Sidaama, Gedewoo, Koonsoo, Moochaa, Gimiraa fi warreen hafan hedduu humna meeshaa waraanatiin qabatee koloneeffachuun empaayera Toopphiyaa jedhamtu ijaaruuun isaa mirkana.
Sana dura guruu, uummanni Habashaa (Amaaraa-Tigree) fi uummanni Oromoo akka uummatoota ollaalee tahaniitti bardhibbee hedduu wal-cinaa jiraatanii jiru. Wal-cinaa jiraachuun kunillee kan lolaa fi nagaan walmake ture. Bardhibbee fi jaarraawwan hedduu uummanni Oromoo Habashoota daangaa isaa cabsanii itti-dhufan ofirraa ittisaa ture. Ofirraa ittisuu kanaaf garuu, inni ollaalee isaa irraayyis tahee, baargama cewuun meeshaa waraanaa fi loltuu alagaa barbaacha hin dhamaane. Isaan garuu, baargama cewuun kan biraa hafee, bardhibbee 17-ffaa faa keessallee loltuuwwan Porchugaal dhibba danuu of-cinaa hiriirsaa turani. Haatahu malee, uummata Oromoo jilbeeffachiisuu fi dachee Oromiyaa taakkuu takkallee qabachuu hin dandeenye. Garuu, walakkeessa jaarraa 19-ffaa irraa kaasee maqaa Kiristaanummaa isaanitiin humnoota Oroppaa oggaa sanii: Biritaaniyaa Guddoo, Faransaa, Ixaaliyaa fi Rusiyaa irraa meeshaa waraanaa fi loltuuwwan argachuun waraana waggaalee 31 (1868 – 1899) fudhate booda Oromiyaa dagabaafachuu (koloneeffachuu) dandayanii jiru.
LAFARRAA DUGUUGGII MINILIK UUMMATA OROMOO IRRATTI ADEEMSISE
Barreessitoonni Habashaa sobaa fi dharaan waayee Minilik “Toopphiyaa Tokkoomsuu” faa nutti odeessuu dandayu. Garuu, dhugaa fi dhugoon lafa jiru inni hojii fi gocha Hitler naazichaa Oromoo irratti adeemsisuu isaati. Mee duguuggii warraanni isaa, abbootiin duulbantiiwwan (“Raasonni“) isaa Oromoota: Walloo, Darraa, Salaalee, Gullallee, Aabbuu, Galaan, Gimbichuu, Ada’aa, Bachoo, Sooddoo, Walisoo, Ammayyaa, Kuttaayee, Caboo, Noonnoo, Caliyaa, Daannoo, Iluu Galaan, Gaamoo Jibaat, Jimma Raaree, Iluubbaa Booraa faa irratti oofan maqaa dhoofnetuma, gara waraana inni mataan isaa bantii waraanaa tahuun gaggeesseetti haa ceenu. Kanas lamaan tokko callaa: isa kan Oromoo Arsii fi Oromoo Barentuu gabaabinaan haa ilaallu!
Waggaalee torba guutuu waraanni Minilik kan gariin isaa isuma Minilikiin durfame, Oromoota Arsii irratti oofe. Ammoo, gichilloonni Oromoo Arsii akka nama tokkootti hiriiruun ofirraa faccisuun ofirraa deebisaa turani. Waraana kana garii isaa irratti Minilik mataan isaa yeroo xiqqoof boojiyamuu jalaa baye. Ammoo, duula isa bara 1886 irratti waraanni Minilikii fi wasiila isaa Raas Dargeen durfame, meeshaa waraanaa isa ammayyaa Oroppaa irraa argateen itti-dhufe. Oromoon Arsii “Amaarris Amaaara duraanii miti! Meeshaan waraana isaaniis isa duranii miti!” kan jedhe: Minilik meeshaa waraanaa kan Oroppaa rifeensa mataa isaa irraa hamma qeensa miila isaatti hidhate, kaarta-qartuu fi riqicha-tolchituu Oroppaa, leenjiftuu fi gorsituu waraanaa isaan Faranjii, phaaphasii Habashaa taabota bachisee fannoo rarraafatee Minilik cinaa gaangee irra taa’etoo dhumaatii Oromoo kana eebbisu duraa-dubaan of-cinaa qaba ture. Oromoon Arsii garuu, meeshaa waraanaa isa kan Oromoo fi kutannoo biyya ofiiti fi bilisummaa ofiitii du’uu san malee, wanni inni qabu hin turre.
Waraana fokkisaa fi jibbisiisaa kana irratti Oromoonni Arsii, leenconni sanyii leencaa akka okaatti haamamani. Isaan waraana irratti dhumuu irraa hafanii boojiyaman, Raas Dargeen tarree galchisiisee guyyaa tokko duwwaa namoota 12 000 harka isaanii irraa cirsiisuun morma isaaniitti rarraasise. Kana kan barreessee nutti dabarse Oromoos miti; Faranjiis miti. Seena-tarreessituu Minilik kan Gabra-Sillaasee jedhamu, isa Minilik duukaa-deemee waa barreessu san ture. Hubaddhaa harka-muraan kun isa booda bowwaa Aannoleetti tahee mitii! Gara boodaa immoo Oromoota “silaa duulli raawwatee“, “silaa biyyi keenya qabamee” jedhanii erga gara qeyee ofiitti deebiyuun bubbulanii, warri Minilik ganda gandaan waamsisanii, afaan qawwee itti-qabuun gayyaasanii Aannoleetti dubartoota kuma sadii ol (3 000) tahan irraa harma, akkanuma dhiirota kuma hedduun lakkaawaman irraa harka-mumursiisani. Kun mee isa Hitler naazichi uummata Yuudaa irratti adeemsise sanaa gadii mitii! Isa akkanaa kana Waaqatti, uummatoota Afrikaa fi addunyaatti iyyachuu malee, akka kun deebiyee nutti hin dhufneef, tokkummaa keenyaaa fi qabsoo bilisummaa keenyaa sonaan jabeeffachuu malee maal goona?
Waraanni Habashaa kan Minilikii fi phaapphasii Habashaatiin durfame, inni meeshaa waraanaa ammayyaa hidhatee loltuu 20 000 hidhachiise, Oromoo Barentuu kan Carcar irraa hanga gooroo Meettaa Calanqootti deemu haleelaa ture san ofirraa ittisaa Calanqoo dhaqqabe. Oromoonni Afran Qalloo akka nama tokkootti hiriiruun Calanqootti biyya isaanitiif, lubbuu isaanii takkittii san kennuuf yaa’ani. Kana biraa kuteeyyuu obbolummaa fi walmararfannoof jecha, uummata Adaree kan amiira isaanitiin durafamee fi obbolaa Oromoo Sumaalota keessaa garii of-cinaa hiriirsanii gayyaa’ani. Hubadhaa waraanni Oromoo kun meeshaa Oromoo kan duudhaa: eeboo, shootala, furrisa, gaachana, hablee fi mancaa faa malee homaa hin qabu turee! Tahus qeerransoonni Afran Qalloo, qeerransoonni sanyii qeerransaa biyya abbaa gadaa fi biyya haadha siiqqeef jecha, guyyaa guutuu waraana Minilik isa meeshaa Oroppaa hidhate san dura dhaabatanii kan dhume dhumee, kan hafe boojiyame. Gooroon Calanqoo sun dhiiga Oromootiin lafa goggogaa mitii haroo fi hara fakkaate. Minilik naazichi Afrikaa asittis akkuma Arsiitti godhe san harka bojiyamtoota Oromoo mumursiise. Itti-dabaluun funyaani fi gurra namoota irraa cirsiise. Phaaphasiin Habashaa sunis: “maqaa abbaatiin, maqaa ilmaatiin, maqaa hafuura qulqulluutiin!”, jechaa akkuma isa bowwaa Aannolee eebbisee sana isa gooroo Calanqoo kanas eebbise.
Sana booda Oromoon Barentuu, Arsii, Tuulamaa, Walloo, Gujii, Maccaa fi kaan lafni lafee isaa tahe irraa fudhatamee gabbaarii tahe. Kaan qabamee gabaa biyya keessaa fi biyyoota alaatti gurgurame. Kana hojii fi gochi Minilik warra Amaaraa, kana gochi naazicha Afrikaa kan Minilik jedhamuu! Namicha akkanaa kana, bineessicha garaan bineessaa kana, naazicha sammuu fi hojiin naazii kana kunoo amma iliitonni Amaaraa: “inni goota keessanii fudhaddhaa” nuun jedhu. Raajii dha; akkamitti dhaloonni fi barri gara duubaatti deema?
LAFARRAA DUGUUGGII MINILIK UUMMATOOTA KIBBAA IRRATTI ADEEMSISE
Uummanni Oromoo duris kophaa isaa dagabaafattoota Habashaatiin hin gabroomfamne. Hardhas kophaa isaa mitii manneen hidhaa impaayerittii keessatti kan argamu. Saboota, sablammiiwwanii fi uummatoota Kibbaa kanneen lakkoofsaan baay’ee tahan wajjin dirree waraanatti cabe. Ammallee isaan wajjin Karchalleewwan impaayerittii keessa jira. Lafarraa duguuggiin suukkaneessaan Minilik bineensichi garaan bineensaa Oromoo irratti adeemsise uummatoota obbolaa Oromoo isaan Kibbaa hedduu isaanii irrattis adeemsifamee jira. Waraana Minilikii fi dhibee namaa-sa’aa kan isaan wajjin Oromiyaa seeneen uummanni Oromoo kumaa-kitilaan dhumee, lakkoofsa uummatichaa kitila kudhan irraa gara kitila shaniitti gadi-bu’ullee, humna heddummina lakkoofsa isaatitiin kunoo ammallee numa jira. Garuu, uummatoonni Kibbaa gariin isaanii dhumaatii sana irraa hafuu hin dandeenye. Kan waa hafanillee hardha lakkoofsi isaanii daran xiqqaa dha. Mee amma dubbii keenya gabaabsachuuf jecha, waayee uummatoota obbolaa Oromoo keessaa kan sadan isaanii callaa akka fakkeenyaatti waa haa mildhannu!
Akkuma Minilik mataan isaa phaaphasii Habashaa of-dukaa buusuun Oromoo Arsii fi Oromoo Barentuutti duule san, inni waraana Habashaa gaggeessuun uummata Walaayitaatti duule. Uummanni Walaayitaa keenyaa inni boonaa fi seenaa boonsisaa qabu kun, biyya isaa guutuu irratti waltahuun waraana warra Habashaa isa ibidda tufaa namaa-sa’aa, lafaa-marga gubaa deemuu san dura gore. Torban sadii guutuu waraana faashistootaa kana ofirraa ittise. Gandeen Walaayitaa barbadaawanii, uummanni Walaayitaa biyya isaa guutuu irratti akka dullacha masqalaatti gorra’ame. Mootiin Walaayitaa seena-qabeessichi sun, Xoonaan: “silaa nu fixanii, mee sanyumaafillee namni kiyya waa haa-hafu” jechuun harka kennate. Minilik, phaaphasiin Habashaa fi jeneraalonni Habashaa: sabbata, shaashii fi uffata baaqqee faa funyaan ofiitti marachuun hamma daangaa Walaayitaa dabranitti adeemaa turani. Foolii reeffa uummata obbolaa keenyaa isa akka hoolotaatti qalamuun torban lamaa faa ture sanitu Habashoota dabarsuu dide. Yaa uummata Afrikaa, yaa uummata Afro-Ameerikaa kanaan maal jetta? Kan hunda caala nama dhibu, waraanni Minilikiin durfame sun inni bowwaa Aannoleetti Oromoota irratti harma-muraa fi harka-muraa adeemsise sun, inni gooroo Calanqootti dhiiga Oromootiin dacheen haroo akka taatu godhe sun, uummata Walaayitaa isa ajjeese fi isa madayee lafa ciisu san gadi-jedheetoo dhiiga isaa xuuxxachuu sani! Mee yaa Waaq, Minilik faa uumaa ilmoo namaa irraayyi gara bineessa daggalaatti of-geeddaran moo? Kun hojii fi gocha Hitler naazichaa kan hin taane, maaltu taharee?
Waraana warra Minilik bara dheeraa ofirraa-ittisaa uummatoota turan keessaa inni tokko uummata Kafichoo ti. Ofirraa-ittisa kana irraa kan ka’een uummanni obbolaa Oromoo kun, Kaficho sonaan lafarraa duguugame. Warri Minilik uummata Kafichoo dhibbayyaa 65 (“65%”) akka fixan nu Oromootanii mitii, obbolaa keenya Kafichootanii mitii, barreessitoota Biyya Faranjii-tiin (Oroppaatiin) galmeeffameeti jira. Akkanuma uummanni Diimee dhibbayyaan 70 lafarraa duguugameeti jira. Kana irraa kan ka’een hardha lakkoofsi uummata Kafichoo keenyaa 400 000 callaa yoo tahu, kan Diimee immoo 800 (dhibba saddeet) callaa dha. Kana irratti lafa uummatoota Kibbaa fi Oromoo dhibbayyaa 70 irraa fudhachuun uummatoota bilisaa fi birmada turan kana gabbaarii fi gabra taasifatani. Lafa uummatoota Kibbaa fi kan Oromoo isa fudhatame kana keessaa dhibbayyaan 30 bataskaana isaanii, kan Ortodoksiitiif kenname. Kanaaf, bataskaanni Habashaa akkuma Raas Daargee fi Raas Masfiin faa abbaa-lafaa isa olaanaa ture.
Kana bira dabree uummatoonni kun akka bineeyyii dagalaatti adamsamuun qabamanii gabaa biyya keessaa fi biyyoota alaatti heddumminaan gurguramaa turani. Minilik mataan isaa abbaa-gabraa fi daldaltuu gabraa isa olaanaa ture. Ennaa uummata Walaayitaa gabroomfatee qeyee isaatti deebiyu, Walaayitoota akka gabraatti qabate 3 000 ooffatee gale. Kan biraa hafee loltuun warra Habashaa inni dassiibnillee (“common soldier“) Walaayitoota lamaa-sadii gabra godhachuun fudhatee biyya ofiitti deebiye.Uggum yaa Waaq! Minilik abbaa-gabraa fi daldaltuu gabraa kanatu, Minilik harma-mursiisaa fi harka-muriisaa kanatu, Minilik dhiiga ilmoo namaa dhugsiisaa kanatu, Minilik lafarraa duguugaa fi duguugsisaa uummata Diimee fi Kafichoo fayitu “jagnaa fi goota” nuuf tahuun, ayyaanni waggaa dhibba isaa kabajamuuf deema jechaa dha. Abadan ammas warri Habashaa lafarraayyi nu duguugu malee, otoo nuti jirruu kun dachee Oromoo irratti hin tahu!
XUMURA DUBBII
Yaa Oromoota alaa-manaa jaalatamoo fi kabajamoo, kunoo ergan kanaa olitti hamma tokko waa isiniif dhiyeessee mee ammammoo kanaa gadittan waan nu Oromoota, ee nu Oromoota harmi akaakileewwan teenyaa fi harki abaabileewwan keenyaa mummuramee, maal-maal faa gochuun akka nu irraa eegamu waa lafa-kaayuuf yaala. Raajii Waaqaa, safuu namaa akkamitti namni mataan isaa fayyaalessa tahe, namni sammuun isaa waa yaadu, nama harma harmee teetii fi harka abbilee keetii mummure san: “inni jagna keetii fudhaddhu” siin jedha? Akka amma dhagayaa jirruutti iliitonni Amaaraa waayee kanaa irratti, jechuun waayee du’iisa Minilik kan waggaa dhibbaa ayyaaneffchuu irratti alaayyis, biyyaayyis dibbee rukuchaa jiru. Kunoo jara kanatti erga waggaa sadiyiitii asii, oddokabreen isaanii sun itti-ka’uun lafaan isaan dhaddhayaa jira. Keessa kutaniituu nuti oddokabree isaanii kana hoo’isuun, akka isaan waliin finfina (“xabala“) dhaqnu fedhu. Nuti harkatu nu hanqate malee, silaa akka amantii Waaqeffannaatti “dhalli namaa marti” obboleessa ofiitii, jarreen maraatan kana finfina Finfinnee faa mitii gara hospitaala Qarree Kolfee (“Amaanu’eel“) sana isaan geessinaayyu!
Jibbi hamaan daangaa hin qabnee fi maqa-xureessiin hamaan isaan amman tana uummata Oromoo fi saba Oromoo irratti oofaa jiran, isaantu hin beekne malee, Oromoota alaa-manaa tokko taasisaa, Oromummaa fi adeemsa walabummaa Oromiyaa kana caala akka cimsatan gochaa jira. Xurree qalloo hamma qaajjisa rifeensaa geessu, kan isaan wajjin walqixxummaan bulluuf waa jirtu wayiillee amma kunoo akkuma jirutti jirma sibiilatiin cufaa jiru. Kanaaf, nuti Oromoonni waltaanee Oromummaa keenya daran cimsachaa, karaa bilisummaa keenyaa daran qulqulleeffachaa Oromiyaa boruu ishii walaboomte san, hardhuma gadameessa impaayerittii isaanii keessatti akka daran jabeeffannu nu taasisaa jiru. Kana irratti “hayyee itti-cimaatii itti-fufaa” jechuu malee, wanni biraa kan isaaniin jennu hin jiru. Otoo hin beekin bilisummaa fi walabummaa keenyaaf nu kakaasaa akka jiran ganamumaan beekuu qabuuyyu. Waan hundaafuu, mee armaan gadittan dubbii cimtuu tana jala harriquuf wanneen tokko tokko isiniif tarreessa:
  1. Dhalawwan Oromoo dhiiraa-dubartiin, jaarsaa-jaartiin, gayeessaa-gayeettiin, shamaraa-dargaggeessi hundi alaa-manaa waltahuun tokkummaa ofii isa ammaa caala cimsatanii tarkaanfachuu qabu! Walmararfachuu fi walii-nahuun, waldhagawuu fi walgargaaruun, walii-iyyuu fi walii-birmachuun, waljajjabeessuu fi gamtaan hojjachuun amma yeroon isaa! Hardhuma waamichi isaa!
  2. Hayyoonni Oromoo alaa-manaa dhugaa fi dhugoo seenaa keessaa gaggaragalchuun, wanneen Minilik naazichi Afrikaa uummata Oromoo fi uummatoota Kibbaa irratti adeemsise Afrikaa teenyaa fi addunyaaf dhiyeessuu qabu! Isaanis, Oromoonni biroos mammaaksa Oromoo isa: “abbaan iyyu malee, ollaan namaa hin birmatu“, jedhu san sa’aa takkoofillee dagachuu hin qabani!
  3. Dureewwan Oromoo tokkoomanii uummata Oromiyaa galaana Abbayyaa kana karaa hundumaan: kakaasuu, ijaaruu, gurmeessuu, walitti-qindeessuu fi karaa maraan hindachiisuu qabu! Kana immoo seenaa keenya keessaa dureewwan Oromoo warra Waladaa Maccaa-Tuulamaa isaan bara Hayila-Sillaasee san irraa akka fakkeenyyaatti fudhachuutu mishaa taha.
  4. Otoo lubbuun teenya jirtuu ayyaanni Minilik faashistichaa kun dachee teenya irratti hin kabajamu! Warri gocha Minilik isa kaleessaa faarsuu fi kabajuuf kurfaawu kun boru gocha Minilik bowwaa Aannolee, gooroo Calanqoo, baddaa Gullallee, Biyya Walaayitaa fi Biyya Kafichoo faa irratti adeemsise san deebisee gochuuf waan irraa deebiyuu mitii, uummanni Oromoo kana fashalsuuf karaa maraan of-qoppheessuutu kan nama baasu taha!
  5. Siidaan Minilik naazichaa fi kanneen biroo kan Teediroosi fi kan weerartoota kaanii magaalaawwan Oromiyaa keessaa bubuqqifamuu dha qabu! Akkanuma manneen barumsaa, hospitaalonnii fi daandiiwwan maqaalee yakkamtoota Habashaa kanaan waamaman jijjiiramuu qabu! Dursee Minilik sangaa fardaa Oromoo irraa boojiyate san yaabbatee wiirtuu Shaggarii fi wiirtuu Oromiyaa kan tahe, Birbirsa keessa (“Piyaassaa“) dhaabatu sun hatattamaan buqqifamuu qaba! Kun waamicha dubartoota Oromoo Aannoleetti harmi irraa cicciramee fi waamicha dhiirota Oromoo Aannolee fi Calanqootti harki irraa mummuramee ti!
  6. Walii-tumsuu fi walirratti du’uun sun: ee onneen Ilaansoo Halloo fi Abbishee Garbaa, kan Firrisaa Abbaa-Foggii fi Leenjisaa Diigaa faa, kan Biiftuu Amoosaa fi Tufaa Munaa faa kan deebitee nu keessatti cimtu kunoo amma! Yaa Oromoo koo nuti onnee fi seexaa: Elemoo Qilxuu fi Jaarraa Abbaa-Gadaa, Waaqoo Guutuu fi Magarsaa Barii, Nadhii Gammadaa fi Guutamaa Awaas, Hayila-Maaram Gammadaa fi Taaddoo Birruu, Alamuu Qixxeessaa fi Maammoo Mazammir, Jaatanii Alii fi Baaroo Tumsaa faa, kan Saartuu Yusuufi fi Raggaatuu Roobaa, Leelliftuu Leellisaa fi Lalisee Nadhii faa qabnawoo, ekeraalee isaanitu nu bira ijaajjuun nu jajjabeessaa jirawoo wanni duubatti deebinuuf tokkollee hin jiru. Yaa Oromoo amma gayeen gayee-dhaa karaa hundaan cimnee walchimsuun garuma fuulduraatti haa tarkaanfannu! Ilaa, lafarraayyi duguugamnee dhumna malee

No comments:

Post a Comment