Sunday, December 15, 2013

Gatiin Dhiiga Goototaa Bilisummaa Biyyaati! – KUTAA 1ffaa


                                                     Jiituu Lammii- Unbarsiitii Finfinnee | Muddee 15, 2013
“….Nuti duunus du’uu baannus  akeekni   keenya  ilmaan ilmaan keenyaatiin galma gaha…!”   H/Maariyam  Gammadaa  1968 
Aadaa Oromoo keessatti sanyiin ooda. Sanyiin akkatti faca’u qaba. Yeroo faca’u qaba. Lafa isaaf ta’utu jira. Akeeka faca’uuf qaba. Margee akka calla gaarii kennu kunuunsa gaafata. Qonnaan bulaa gaariin kana hunnda beeka. Lafa sanyichi jaalatu  filatee qotee – bulleessee, dikee ittigatee -xaa’omsee facaasa. Simbirri hamtuun akka hinfunaanne, bineensi balaafamaan akka hinballeesine halkanii guyyaa eega. Biqilaan gosa biraa keessa makamee itticobee akka hinquucarsine irraa cira. Keessaa bubuqqisa. Yeroo gahu eegee walitti qaba. Calleessee galfata. Antuunniif daanawoon akka hinyaanne kuusaa keessattis eegumsa tolcha. Hagamuu rakkatullee  sanyiirraa hinyaatu. Qooqa bulee bara dhufuuf facaasa. Dhalootaaf sanyii dabarsa. Warri sanyii nyaate warra oodaati. Oyiruutu lafa baha. Maatiitu beela’a. Maatiin beela’e gaadidduudhaba. Ormaaf ergama. Qe’ee isaanii ormatu dhaala. Ijoolleen warra sanyii nyaatee gurmuu hinqaban. Abbaa argetu waldhaansoof kajeela – humna ittilaallata. Ulfina hinqaban. Fokkuun warra sanyii nyaatee himamee hindhumu.
Firoottan koo, maniin dubbii kiyyaa waa’ee sanyii midhaanii miti.   Sanyii sanyii caalu kan hundi keenya ittirakkachaa jirrutu dubbii kanaan wal fakkeenya qabaayyan akka kanaan dubbachuu barbaade malee. Saba mirga abbaa biyyummaa gonfachiisuuf; akkasumas biyyi biyya ta’ee birmadummaan akka jiraatu sammuu dhalootaa keessa sanyii sirrii facaasuu gaafata. Warri akkaataa kanaan jabaatee dhaloota ijaarrate har’a saba bilisa, biyya birmaduu qaba. Nuun kanatu nu hanqate. Kanaaf biyya dhabnee gaaga’amne. Dhaloota sanyii sirrii harkaa hinqabne beela qoonqoo otoo hintaane beela namoomaatu ajjeesa. Namummaa beela’nii du’uu caala wanti qaanii ta’u hinjiru.   Akka kanaan dhaloota maalummaa saba isaafi egeree biyyaa isaa hubatee horachuu baannaan gaaga’ama  sabaatu umrii dheerata.
Kanaaf sanyii kana  akkuma akka isaatti facaafnee dhalootaaf guduunfuu qabna. Kana gochuuf ammoo ofuma keenyaafuu sanyii dhugaa harkaa qabaachuu keenya mirkaneeffachuutu dursa. Kana gochuu hanqannee sanyiin kun harka dhalootaatti waakkii taanaan nutu warra sanyii nyaate ta’e. Salphinichis kanuma keenya. Dhugaa dubbachuuf har’a hundi keenya sanyii kana wal qixa harkaa hinqabnu. Gariin keenya sanyii kana nyaannee salphinatti hafnee namaaf ergamaa jirra ta’a. Gariin keenya ammoo sanyii kana ol-kaayaa balleessinee nu harkaa badeera ta’a. Yookanimmoo  hantuunniif daanawoon nu harkatti fixeera ta’a.  Gariin kenyaammoo lafa hintaanerra facaafnee, ykn. kunuunsa dhoowwannee sanyiin gosa biraa nu harkaa dhaale ta’a. tariimmoo sibmirroon diinaa funaantee, bineensi hamaan balleessee sanyii malee hafneerra ta’a. Kun hunduu badiidha. Bu’aan isaa dhalootatti waan hiixatan dhabanii, lafti ofii sanyii ormaa magarsee ilmaan ofii yoo ormi ittiroorrisu arguu ta’e.

Karaa biraatiin, Warri sanyii dhufaa darbaan diroo lakkaayee isaan qaqqaberratti cichanii bineensa hamaafi shimbirroo diinaa irraa faccisanii, gatii jabaan, waldhaansoo guddaan  dhaloottatti diroo dabarsaa jiran yaadachuu qabna. Hunda caalammoo sanyii kana wal harkaa fuunee dhalootatti dabarsuun sabatti- abdii, biyyatti- ulfina horuuf sammuu dhalootaa keessa sanyii kana facaasuu, isa faca’e kunuunfachuun hojii keenya ta’uu qaba. Kanaaf,  faana warri sanyii kana nuun gahe keessa darbe akeekkachuufi dhaamsa sagalee isaanii kuusaa seenaa keessaa barbaadanii qalbeeffachuun hojii kanatti human hora.
Kanaaf jecha akkaataatti dhaloonni baroota  keessatti walfuree, seena wal harkaa fuudhee sanyii kan nuuf dabarse  hubachuuf  taateewaan tokko tokko gumbii seenaa keessaa fuunee akka waliin yaadannun hawwee – turtii gaarii.

1966, Arsii –Dheeraa.
Barri kun bara Waldaan Walgargaarsa Maccaafi Tuulamaa golee Oromiyaa hunda keessatti karra diinni cufe saaquun Oromoo wal agarsiisuuf  sochii jabaa ittijalqabe ture. Guyyaaan armaan olii kunimmoo guyyaa saba wal yaadachiisee miirri tokkummaafi abbaa biyyummaa ittihaarome, Oromoof guyyaa addaa ture. Oromoon, guyyicha  haala kanaan dura argameefi dhagahamee hinbeekamneen uggura diinaa cabsee kumaatamaan gaaddisa tokko jalatti bakka kanatti wal gahe. “….burqituun walitti yaatee galaana taati. Akkuma kana dhalli namaas [Oromoonis] wal gahee biyyaafi saba guddaa ta’a!” jedhan namguddoo beekamoon tokko haala uumamaa jiru qalbiin erga xiinxalanii booda  saba kana gargar ittisuun diinatti qormaata jabaa akka ta’uu danda’u tilmaamaa. Tilmaamni isaanii otoo xinnoo hinturree human nafxannyootaa akkuma dur ittifakkaatee saba guddaa kana walirraa ittisuuf ergametti baallee kolfaa kaayee har’uun dhugoomuu jalqabe. Sanyichi yeroo isaaf malutti bakka isaaf ta’utti faca’era. Amma wanti ittaanu sanyii kana simbirroon diinaa akka hinfunaanne jabaatanii eeggachuu ture. Kanaaf ammo warri sanyicha facaasan hanga mil’uu ijaallee otoo hindagatanii  “…ani  kan garaa koo garaatti deeffadheera! Kana booda waan fiddan fidaa…!”  jechuun Sanyii dabarsanii bineensatti kennuurra  lubbuu ofii kennuu akka filatan  dhugoomsan. Sana booda sagaleefi raawwiin  lammii garaa ciibsu qe’ee Oromoo keessaa burquu eegale. “ …hojiin nuti jalqabne hanga bofa garaa seeneeti. Gadis harkifamu, keessattis dhiifamu summii isaa facaaseera waan ta’eef bu’an isaa tokkuma. Nuti duunus du’uu baannus akeekni keenya  ilmaan ilmaan keenyaatiin galma gaha…” jechuun sanyiin facaasan  dhaloota keessatti biqilee Oromoof furmaata,  diinaafimmoo summii bara baraa akka ta’u raagan.

No comments:

Post a Comment