Saturday, December 28, 2013

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa aanaa Jaardagaa Jaartee magaala Aliiboo keessaa diddaa uumameen mootummaan wayyaanee jiraattotaa magaalaa fi hojjettoota mootummaa mana hidhaatti ukkaamse

Muddee 27,2013
Godina Horroo Guduruu aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti diddaa dargaggootaa dhalateen Mootummaan wayyaanee fi jala deemtotni mootummaa wayyaanee jiraattota magaala Aliiboo isintu qindeesse maqaa jedhuun mana hidhaatti Ukkaamse. Mootummaan wayyaanee yeroo hedduuf ilmaan Oromoo magaala Aliiboo keessaa funaanuun mana hidhaatti ukkaamsaa kan ture yoommuu tahu yeroo ammaa kanas duuba keessan ABOtu jira, Isin mootummaa warren falmudha jechuun mana hidhaatti ukkaamsuun darara irraan gahaa jira. Mootummaan wayyaanees yeroo ammaa kana shakkii keessa isaatti uumamaa dhufe irraa xiyyeeffannoon hojjettoota aanaa kanaa mana hidhaatti ukkaamsee jira. Ilmaan Oromoo mana hidhaatti ukkaamsaman keessaa
1. Obbo Takkaa Galataa Afayaaii aanaa Jaardagaa Jaartee
2. Obbo Fiqaaduu Namarraa Jiraataa magaala Aliiboo
3. Obbu Duushee Namarraa Jiraataa Ganda Akkayyuu
4. Obbo Nagarii Goobanaa Dura taaaa Boordii Filannoo Aanaa
5. Obbo Rattaa Taaddasaa Jiraataa Magaala Aliiboo
6. Obbo Mootummaa Filee Hojjetaa dargaggoo fi Ispoortii aanaa Jaardagaa Jaartee
Keessatti argamu. Mootumman wayyaanee shira kamuu dalagus qabsoon hanga bilisummaa duuba akka hin deebine qeerroon aanaa Jaartee addeessee jira.

No comments:

Post a Comment