Monday, December 30, 2013

Gareen Qeerroo Bilisummaa Dhiha Oromiyaa Walitti Dhufuun Dhaamsa Guyyaa WBO fi Bara Haaraa Dabarfatan.

Muddee 29/2013 Hojii Gaggeesitoota Qeerroo Dhihaa Oromiyaa Godinalee Dhihaa Oromiyaa: Jimmaa, Iluu Abbaa Booraa, Shawaa dhihaa, Shawaa Kibba Dhihaa, Wallaggaa Lixaa, Wallagga Bahaa, Qeellam Wallaggaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa keessatti bara haraa jalbultii Amajjii tokko bara 2014 guyyaa WBO kabajachuu egaluu keenya ibsuun, dhaamsa bara haara dabarsinee jirra.
Dhamsaa Jalbultii Amajjii tokko Guyyaa WBO fi Bara haaraawa 2014. baga ittin isin ga’ee jechuu kan barbadnu:-
1. Hoggantoota Dhaaba keenya ABO,SHGS ABO, fi hoggantoota olaanoo ABO hundaaf.
2. Hayyuu Duree Dhaaba keenyaa ABO Jaal Dawud Ibsaaf,
3. Hogantotaa WBO sadarkaa garaagaraa irra jirtanii fi WBO hundaaf,
4. Qabsa’otaa Bilisummaa Oromoo biyyaa keessa fi Biyya Ambaatti qabsoo bilisummaa Oromoo galiin ga’uuf kuftanii ka’aa jirtan hundaaf,
5. Qeerroo dargaggoota Oromoo dhugaa saba isanii hubatanii qabsoo bilisummaa Oromoof biyyaa keessaatti diina fulduraa dhaabbachuun falmacha jirtan hundaaf,
6. Qindeesitotaa Sagalee Bilisummaa Oromoo(SBO) hundaaf!,
7. Qindeesitota marsalee wibsite Qeerroo,Gadaa.com, Anyyaantuu, marsaa Radio Afuura biyyaa, Sinbirtuu, TVGadaa, fi radio Sefenabalbal hundaaf,
8. Ummaataa Oromoo biyyaa Kessaa fi Biyyota hambaa garaagara keessa jirtan hundaaf,
Barri haaraan 2014 kun bara gammachuu, Tokkummaa, Jaalaalaa, kan abdii,  haamilee,milkii guddaan qabsoo saba keenyaa itti saffisifnu, bara itti Oromoon waldhaggeffachuun dhaaba tokkicha isaa ABO jalatti hiriiruun sagalee tokkoon abbaa irree wayyaanee itti of irra darbu, bara injifannoo fi bilisummaa isinif haa ta’uu jechaa dhaamsa keenya dabarsina.
Bara kanatti Uummaanni Oromoo hundii bakka jiruu hunda dammaqinsaa,siyaasaa, hawaasummaa, dinagdee, aadaa, fi Afaanii qabachuu qabna.
Keessattu uummata angoo qabutu waan hundaa murteeffachuu danda’a. Angoo abbaa biyyummaa keenya kabachiifachuuf dhugaan tarree qabsoo keessatti hiriiruun bilisummaa saba keenya fi walabummaa biyya keenya Oromiyaa mirkaneeffachuuf yeroon gamtan qabsa’ani fi gumacha qabsoo bilisummaa Oromoof gochuuf ABO fi sochii warraqsa bisilisumma Oromoo Qeerroo cina dhaabbachuun, addaatti deeggarsa barbachiisa gochuun yeroon humna waraana bilisummaa Oromoof(WBO)f itti dirmannuuf amma.
Bara kanatti Oromoon tokkummaa fi murannoo qabsoof qabu daran cimsee ijifannoo waaraa akka goonfatuuf bakka jirrutti kutannee ka’uun barbaachisaa dha jenna.
Nuti Qeerroo Bilisummaa qabsoo hayyoota,fi gootota ilmaan Oromootiin eegalamee as ga’ee fiixaan baasuuf Amajjii 1/1/2014 kabaja Guyyaa WBO amma eggallee jirruu irraa egaaluun waadaa keenya kan haromsinu ta’uu dhaamsaa keenya uummata Oromoo cufaaf dabarsina.
Injifannoon Ummata Oromoof!
Dhaamsa gaggeesitoota Qeerroo Bilisummaa
Jimmaa, Dhiha OromiyaaBiyyaa

No comments:

Post a Comment