Tuesday, July 1, 2014

Wallagga Anfilloo Keessaa Daldaltooti Oromoo 5 FDG Qindeessummaan Yakkamanii Waraana Wayyaaneen Qabamuun Hidhaman.

Gaafa Waxabajjii 30 bara 2014 Mootummaan Wayyaanee sabboontota Oromoo 5 badii tokkoon malee mana jireenyaa isaanii irraa qabuun hidhaatti akka darbee jiru gabaasi Qeerroo magaala Dambi Doolloo irraa nu gahe addeessa.FDG guutuu Oromiyaa keessatti qabateen wal qabatee aanaa Anfilloo fi Ashii jedhaman keessa hanga guyyaa har’aatti wal falmiin uummata Oromoo fi humna waraana Wayyaanee jidduu deemaa jiru daran hammaatee jiraattotaa fi hojjettoota Oromoo ta’anii naannoo san jiraatan maqaa miseensummaa ABO fi maadhee ABO ti jedhuun yakkee dararaa akka jiru gabaasi ifa godha.Kanneen Waxabajjii 30,2014 qabaman keessaa:-
  1. Yooseef Dingataa-Ganda Yatti-Koonqii jedhamtu irraa, qote bulaa fi daldalaa bunaa kan ta’e
  2. Haaj Yaasin Ispaaraa-Muggii Ganda 01 suuqii huccuu kan qabuu fi daldalaa bunaa
  3. Azaddiin Alii-Muggii gaba kamisaa-daldalaa bunaa
  4. Qannaa Araggaa-Muggii gabaa kamisaa-daldalaa bunaa fi mi’oota garagaraa
  5. Mikaa’el-muggii 01 Suuqii huccuu kan qabu.
Yeroo ta’an hanga ammaa falmiin hidhamtoota gadhiisisuus itti fufee jiraachuun beekamee jira.
adoolessa 1,2014 d.dolloo

No comments:

Post a Comment