Monday, July 21, 2014

Mana Hidhaa Maa’ikelaawwii Keessatti Barataa Sabboonaa Bilisummaa Daammanaa Reebichaan Rakkina Hamaa Keessa Jira

Photo0249Gabaasa Qeerroo Adoolessa 19,2014 Finfinnee Barataa sabboonticha Bilisummaa Daammanaa jedhamu mooraa Adaamaa Yuuniversitii irraa kan baratuu fi baree baranaa kan xumuruun eebbifamu yoo tahu Ebla 29/2014 guyyaa FDG mooraa Yuuniversitii Adaamatti tokkummaa barattoota Oromoo moorichaan mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachuudhaan gaggeessaniin tikoota Wayyaaneen hiriyoottan sabboontota Oromoo nama 40 ol tahan waliin qabamanii torbanoota lamaa oliif bakka buuteen isaanii dhabamee ture irraa kaasee bakka tursan tursanii gara mana hidhaa Maa’ikelaawwii keessatti sabboonaa beekamaa fi itti gaafatamaa dargaggoota ykn Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa kan tahe,akkasuma dursaa maadhewwan mooraa fi magaalaa Adaamaa kan tahe Addnuyaa Keessoo waliin rakkina guddaa fi gocha suukkanneessaa waraana Wayyaaneetiin mana hidhaa Maa’ikelaawwii keessatti irratti raawwachaa tureera.Ammas gara jabinaan waan dhala namaa irratti hin raawwanne barataa Bilisummaa Daammanaa jedhamu kana irratti ammas irratti raawwacha jiru du’aa fi jireenya gidduutti argamuu isaa gabaasi qeerroo addeessa.

No comments:

Post a Comment