Sunday, July 13, 2014

Diddaan Ummataa Kan Tufan Nama Arraabsisa!

                                                                  Diddaa Uummataa
                                          Diddaan Ummataa Kan Tufan Nama Arraabsisa!
                                                  Jiituu Lammii, Hagayya 13, 2014

 Waaqaa gaditti kan sodatamuu fi kan bara baraan jiraatu 
ummata. Ummanni kan jibbe ni buqqisa; kan 
jaalatemmoo jabeessee dhaaba. Kunuunsee magarfata. 
Kana hunda gochuuf humnaa fi ga’umsa of harkaa qaba. 
Ummanni humnoota jallinaa seenaa dhala namaa 
keessatti dhufanii darban hunda dabareen ofirraa 
godaanisisaa ofii bara baraan jiraata. Henry VIII ( 
England 1509 - 1547), Adolf Hitler (Germany 1933 -
1945), Augusto Pinochet ( Chile 1973 -1990), Benito 
Mussolini (Italy 1922 - 1943 ), Joseph Stalin (USSR 
1922 - 1953), Jean Bokassa (Central African Republic 
1966 –1976), Idi Amin Dada (Uganda 1971 - 1979.) 
Emperor Menilik, Mengistu Haile Mariam fi Meles 
Zenawi (Ethiopian Impair), hunduu bara isaanii keessatti 
hirree jabeeffatanii ummatarratti fokkuu dalaganiiru. 
Ajjeesaniiru. Ajjeesisaniirus. Isaaniin olitti Waaqayyollee 
jiraachuu dagataniiru. Haa ta’u malee Isaanis ta’e, 
akeekni isaanii bakkatti hafuu hin dandeenye. Ummanni 
garuu yaadannoo xuraawaa isaan dhiisanii darban faana 
isaaniirraa seenaa keessatti ilaalee yaadachaa bara baraan 
jiraata. 
Adoolessa 13, 2001 Oromoon “guyyaa gaddaa” jedhee 
yaadata. Guyyaa sirni wayyaanee miidhaa ummata 
Oromoorraan gahaa jiru daran jabeeffachhuun Labsii 
jallinaa itti dabarse ture. Finfinneen teessuma lafaatiinis 
 ta’e seenaa, aadaa fi duudhaadhaan Oromootti hidhata 
addaa qabdi. Diinni Oromoo dhugaa kana waan beekuuf 
erga Oromiyaa dhuunfatee eegalee Oromoo fi Finfinnee 
gargar kutuuf shira hanga hin qabne hojjachuu lakkisee 
hin beeku. Labsiin Adoolessaa kunis itti fufiinsa shira 
kanaa ti. “Finfinneen magaala guddittii Oromiyaa ti” 
jechuun maqumti isaatuu diinaaf dhukkubbii dha. 
Seenaa, Aadaa fi duudhaan Oromoo achitti deebi’ee 
biqiluu fi guddachuuf hiree argata. Oromoon baroota 
dheeraadhaaf waa hallerraa moggeeffamee ture carraa 
kanaan walitti dhufuun guddina eenyummaa isaa 
furgaasuuf haalatu aanja’a. Inni diinni Oromoo sodaatu 
isa kana waan ta’eef, golgaa teessoo OPDO geeddarra 
jedhuun Oromoo rukutuuf karoora baafatan. 
Kanaaf Oromoon murtii hamaa kana hadheeffatee 
mormuun warra murtii kana dabrsee fi murtii kana 
fudhaterratti gamtaan waldhaansoo eegale. 
Jalqaba bara 2004tti, waamicha hiriira mormii Waldaa 
Maccaa fi Tuulamaatiin qophaawerratti Oromoon xiyyoo 
lafaa hundarraa walitti dhaamee Finfinneetti fuula 
deeffate. Dambaliin ummataa fardaa fi lafoo 
magaalittiirra garagaggaluu kan arge diinni Oromoo, 
sodaadhaan humna waraanaa naannichaa qabu hunda 
ummata nagaan mirga isaa gaafachuuf bahetti bobbaase. 
Waraanni kun Maanguddoo fi dubartii otoo hin jenne 
diinummaa isaa mirkaneesse. Hooggantoonnii fi 
miseensonni Waldaa Maccaa fi Tuulamaa hidhaatti 
guuraman. Waajjirri waldichaa qabeenyi isaa saamamee 
akka cufamu ta’e. Barattoonni Oromoo Yunbarsiitii 
Finfinnee keessa baratan hundi barnootarraa hari’aman. 
Gariin calalamanii hidhaman. Isaan keessaa lama haala 
sukkanneessan mana hidhaa keessattii ajjeefaman. 
Kun hunduu walgahee diddaa ummataa jabeesse. 
Haariidhaan gamtaa ummataa ijaare. Dallansuun 
ummataa fincilatti geeddaramee gola Oromiyaa hunda 
keessaa dheekkamsa ho’aa kaase. FDG Oromoon 
gamtaa jabaan geggeesseen teessoon diinaa raafame. 
Warri labsii hammeenyaa labsan irriba dhaban. Ilmaan 
Oromoo haqa sabaaf jecha heddumminaan wareegaman. 

 
Hidhamanii gaaga’aman. Ta’us gatiin dhiigaa – lubbuu 
isaanii lafatti hin banne. 
Waxabajjiin 10, 2005, seenaa addaatiin bari’e. Warri 
tuffiin labsii jal’inaa ummatarratti labse “…Finfinneen 
Magaala Guddittii Oromiyaa ta’uu akka qabdu 
qorannoon irra geenye…” jechuun labsii labsiin kaasuuf 
dirqaman. Fedhii ummataatiin ala deemuun eessaanuu 
akka nama hin geenye baruuf qorannoon hin barbaachisu 
ture. Boru hin-beekneen diinatti hidhattee “…Finfinnee 
keessatti yoo mana ijaarre hin mul'atu, Adaamaatti 
garuu ni mul'ata, ...Waldaan Maccaa fi Tuulamaa waa'ee 
Finfinnee haasa'uuf mooraalii maalii qaba..?.” jechuun 
afaan darbaa dubbattes har’a taajjabatti hafte. Yeroof 
fakkaata malee ummanni mo’amee hin beeku. 
Bubbulullee diddaan ummataa labsii labsiin nama 
kaasisa. Isa tufan nama arraabsisa. 
Isa kaleessaa akkanaan yaadanna. Har’as dubbii wal 
fakkaataatu gola Oromoo seenee jiraa kanaaf isatti 
fuulleffaana. Karoorri golgaa ‘magaalaa Finfinnee 
guddifna.’ jechuun si’a kana labsame itti fufa shira 
diinaa kan Finfinnee fi Oromoo walirraa kutuuf 
deemsifamaa turee ti. Tarii inni si’anaa Oromoo fi 
Finfinnee walirraa kutuu qofa otoo hin taane, Oromiyaa 
fi Oromiyaa gargar kutuuf kan akeekame murtii fokkisaa 
fi abaaramaa dha. Erga karoorri kun ifa ta’ee eegalee 
Oromiyaa keessatti diddaan ummataa jabaachuu namuu 
gurraa qaba. Oromoon akkuma kanaan duraa gatii 
lubbuutiin shira kana ofirraa debisuun ala furmaata 
dhibii harkarraa hin qabu. Kanammoo hojiin agarsiisaa 
jira. Mormii ummataa tuffachuun labsiin kun ragga’ee 
hojiirra oola taanaan, badii hanga hin qabnetu dhufuuf 
deema. Warri karoora kana raggaasisuuf olii gadi fiigaa 
jiran seenaa fokkuu hojjachuun dura waan boodarra 
dhufuuf malu otoo xiinxalanii isaaniif wayya. Sana 
gochuu hanqatanii tuffii agarsiisuu fi fedhii ummataan 
ala bahuu isaaniitiin adda dureen gatii baasu. Seenaarraa 
baruu dadhabuun doofummaa dha. Afaan qawweetiin 
fedhii ofii ummata fudhachiisuuf carraaquun booddeen 
isaa salphina ta’uu kan darbe yaadachuu feesisa. Gaafa 
tuffiin akka kanaa diinarraa dhiibee dhufe, Oromoon 
hundi waliif humna. Humna halkan tokkoon labsii labsiin 
geeddarsiisu harkaa qaba. Akkuma kaleessa agarre, 
har’as laaluuf jirru, diddaan ummataa isa tufan nama 
arraabsisa. 
Gadaan Gadaa Bilisummaati!! 

No comments:

Post a Comment