Monday, July 21, 2014

Tokkoomuu ABO fi Qaama Ce'umsaa ABO Irratti Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname

                        Qeerroo Edit                           
                                               Adoolessa 19,2014
Nuti gareen hoggana Qeerroon Bilisummaa Oromoo labsa tokkoomuu ABO fi Qaama Cee'umsaa ABO 
gidduutti mirkanaa'ee jiru yeroo dhageenyutti gammachuu guddaatu nutti dhagaa'ame. Ammaan dura
waggoota muraasaaf wal hubatnoo dhaba ABO gidduutti mudatee turetti gaddaa kan turre, yeroo ammaa 
rakkoon jiru karaa nagaa furamee tokkummaan ABO jabaatee waliigalteen tokkummaa mallatteeffamuun 
hoggansii ABO qaama tokko jalatti deebii'uun milkii guddaa fi injifannoo boonsaa ta'uu Qeerroon 
dinqisiifachuun ibsa armaan gadii dabarsee jira.
1. Bakka buutonni Qeerroo bilisummaa Oromoo Godina Oromiyaa bakkoota gara garaa keessatti 
FDG bifa qindaa'een qabsiisuun abbaa irree Wayyaanee waawwachisa yeroo jirrutti ibsa 
tokkoomuu ABO fi qaama cee'umsaa ABO yeroo dhageenyu hedduu gammadne.ABO'n gaachana 
uummata Oromooti. Uummanni Oromoos dhaaba kana ni jaalata, ni kabaja, yeroo ammaa kanatti 
uumata Oromoo Oromiyaa keessa jiru biratti ABO jechuun mallattoo eenyummaan Oromoo fi 
Oromiyaa itti beekamu ta’uu irraan ummati Oromoo akka eenyummaa isaatti ilaala.ABO'n 
uummatni Oromoo gita bittaa kam jalaa iyyuu ba'ee mirgii namoommaa fi mirgii dimookiraasii 
kabajameefii mirgi abbaa biyyummaa uummata Oromoo mirkanaa'ee Oromoo fi Oromiyaan akka 
wal simatan dhaaba uummata Oromoo fedhii uummata Oromootiin hundeeffame jarmiyaa ulfina 
qabeessa Oromoon itti amanudha. Kanaaf rakkinni hogganoota dhaaba kana gidduutti mudatee 
ture karaa nagaan furamuun jijjiramni siyaasaa fi wal danda'uu guddaan dhaabicha giddutti 
uumamuun jijjirama siyaasa Oromoo waan ta'eef labsa tokkomuu ABO kana dachaan kan 
deeggaru ta'uu hoogganni Qeerroo bilisummaa Oromoo gammachuu itti dhaga'amee jiru ibsata.
2. Jijjiiramni siyaasaa ABO keessatti yeroo amma mallatteeffamee jirutti ija gochuuf Qeerroon 
Bilisummaa Oromoo wareegamaa barbaachisuu itti fufinsaan kanfaluuf qophii ta'uu ibsuun nuti 
Qeerroon bilisummaa Oromoo qabsoo eegallee jirru daran jabeessuun kan itti fufnu ta'uu 
ejjeennoo keenya sochiin kan mul'ifnu ta'uu ni hubachiifna.
3. Hogganootni ABO yeroo amma garaa garummaa uumaamee jiru akka sirrii hin taanee hubachuun 
rakkoon waggoota muraasaaf mul'atee ture dogoggora ta'uu hubachuun, tokkummaa ABO 
dhugoomsanii jiran hedduu dinqisiifanna. Mooraa qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun 
jabeessuun bilisummaa uummata keenya gonfachiisuuf dhugaa kana hojiitti jijjiruun kutannoo fi 
muratnoon qabsoon bilisummaa Oromoo galii isaa akka ga'uuf qaamootni kunii fi nuti Qeerroon 
bilisummaa Oromoo dirqama addaa qabaachuu keenya ni hubachiifna.
4. Uummaatni Oromoo akeeka eebbifamaa kana hubachuun tokkummaa isaa jabeeffachuun 
murnoota siyaasaa Oromoo qabatanii qabsoo bilisummaa Oromoof sochoona kanneen jedhan 
illee gara dirree waliigaltee kanatti fiduun waliigaltee araaraa itti fufinsa qabu gadi dhaabuun 
bilisummaa uummata keenya galiin ga'uuf Oromoon hundinuu dirqama lammummaa ba'uu 
qabna.
5. Uummaatni Oromoo hundi farreen Qabsoo bilisummaa Oromoo karaa ilmaan habashaa fi karaa 
ilmaan Oromoo diinaaf meeshaa ta'uuf fiiganii dura dhaabbachuun fashaluun yeroon gamtaan 
qabsaa'an amma.
6. FDG baatii Ebla 11,2014 irraa eegaluun biyaa keessatti bifa qinda'een gaggeessaa jirruuf ilmaan 
Oromoo biyyoota ambaa garaagaraa fi biyya keessa dirmannaa nuuf gochuun sochii kana 
keessatti ga'ee keessan baahatanii fi ba'aa jirtan galatni keessan bilisummaa uummata Oromoo 
haata'u jechaa; Hoggansii Qeerroo Bilisummaa Oromoo godina Oromiyaa adda addaa biyyaa 
keessatti FDG bifa qindaa'een qabsiisuun mootummaa abbaa irree akka nama bishaan nyaatee 
hoomachaa qabachuu dadhabee gochaa waan jirruuf, FDG gaggeessa jirruutti ilmaan Oromoo 
waan dandeessan cufaan dirmannaa akka nuuf gootanii FDG kun itti fufiinsaan gaggeeffamuuf 
ga'ee keessan akka baataniif waamicha keenya dabarsinee jirra.
7. Walumaa galatti labsi tokkomuu ABO kun uummata Oromoof gammachuu guddaa fi jijjiraama 
siyaasaa guddaa ta'uu Oromoon hubachuun bifa qindaa'ee fi qajeelfama Warraaqsaa qabsoo 
bilisummaa Oromoof dabarfamuu hordofuun uummaatni Oromoo hundi yeroon gamtaan qabsaa'u 
amma jechuun Qeerroon labsa tookkomuu ABO gammachuu guddaa keessa seenee utuu jiruu 
uummata Oromoof waamicha itti fufinsaa FDG jabeessa jiraachuu gareen hoggana Qeerroo
Bilisummaa Oromoo Oromiyaa fi gareen qindeessituu FDG labsa tokkoomuu ABO ilaalchisuun 
ibsa baase kanaan hubachiisa.
Injifannoon Uummata Oromoof!.
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo .
Adoolessa 19,2014

No comments:

Post a Comment