Friday, July 4, 2014

Guyyaa Har’aa Jiraattoti Aanaa Anfilloo,Wallaggaa 6 Uummata FDG Qindeessitan Sababaa Jedhuun Waraana Wayyaaneen Qabamanii Hidhaatti Darbaman.


Qeerroo bilisummaaGuyyoota muraasa dura abbootii qabeenyaa Qellem Anfilloo irra baajata baasuudhaan sochii Qeerroo deggeranii fi waggoota hedduu mana hidhaa keessa kan turan deebisee shakkuu irraanis hidhaatti guuraa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Ammas akka gabaasni Qeerroo Qellem har’a Adoolessa 06,2014 ammaan dura Oromoo jiraatota naannichaa kan ta’an deggertoota ABO jechuudhaan waggoota 10 mana hidhaa Wayyaanee Qaallittii fi Maa’ikelaawwii dararrii gurguddaan irra gahamaa turee bahanii maatii waliin iraatan,aLoltooti Wayyaanee ammos irra deebi’uun shakkii maqaa ABOtiin qabamanii gara dhabsiisuun bakka buuteen isaanii akka dhabaman gabaasni Qeerroo nu gahe addeessa.Namoota muraasa maqaan isaanii nu dhaqqabe keessaa:
1.Fekkedee Shibashii-Namni kuni umurii isaa mana hidhaa Wayyaanee Qaallittii fi Maa’ikelaawwii keessatti kan xumuree fi miidhaan hedduun isa qaqqabee jiru akkasuma walitti qabaa uummataa fi uummanni oromoo aanichaallee mootummaa wayyaneef akka hin jilbeeffanne kaka’umsa guddaa hamma jirutti kan raawwachaa jiruudha. Daldalaa mana hucuu kan qabu magaalaa Anfilloo ganda Muggii 01ti.
2.Raaggaa Gabbisaa-maanguddoo umurii 60 oliiti.Qote bulaa jiraataa Anfilloo ganda Eenecheeti.
3.Abiraham Fayisaa-Qote bulaa
4.Yaasin Sayid-Daldalaa bunaa Anfilloo magaalaa Muggiiti.
5.Azaddiin Yaasin-Jiraataa Anfilloo magaalaa Muggii gaba kamisaati.Qote bulaadha.
6.Phaawuloos Tolasaa jedhamu Anfilloo ganda Eenechee keessa kan jiraatu namni kunis yeroo dheeraa mana hidhaa Qaallittii keessatti dararamaa kan ture
Akka gabaasi qeerroo addeessutti Oromooti hidhamanii jiran kanneen kana qofa osoo hin taane torbaan kana keessa gara nama 97 ta’uun beekama. Gara biraan manneen uumfataa fi jiraatota naannichaa hanga har’aatti waraana Wayyaaneen sakatta’amaa jiraachuun beekame.
Adoolessa 6,2014 Anfilloo

No comments:

Post a Comment