Sunday, December 20, 2015

Oduu Tarkaanfii WBO

Gootichi Humna Addaa WBO Godina Kibba Bahaa Loltoota Wayyaanee Warraaqsa Ummata Oromoo Belbelaa Jiru Dhaamsuuf Daangaa Somaalee Irraa Gara Giddu Galeessa Oromiyaatti Socho’aa Turan Irratti Tarkaanfilee Gara Garaa Fudhateen 91 Ol Hojiin Ala Godhe.
wbo20150925(SBO – MUDDE 19, 2015) Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Kibba Bahaa Godina Baalee keessa sossohu gartuun Humna Addaa, Mudde 13 fi 16,2015 Baalee Ona Haroo Dibbee keessaa bakkoota gara garaatti tarkaanfii haxxe…e fi tarkaanfii miinoo (fanjii) farra konkolaataa loltoota wayyaanee konkolaataa ORALiin guutamanii gara giddu galeessa Oromiyaa fi naannicha keessatti bobba’uun ummataa fi barattoota Oromoo warraaqsa bilisummaa finiinsaa jiran irratti yakka waraanaa raawwachuuf sossohaa turan irratti fudhateen loltoota diinaa 91 ol hojiin ala gochuun qawwee AKM. 7 hidhannoo guutuu waliin booji’uu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa beeksiseera.
Haaluma kanaan gartuun Humna Addaa WBO Mudde 13,2015 Godina Baalee Ona Haroo Dibbee bakka Kaarra Jibriitti ganama keessaa sa’aa 8:00 irratti waraana wayyaanee FDG dhaamsuuf bobbahaa ture haxii itti hidhee tarkaanfii irratti fudhateen 7 ajjeesee, 9 ol madeessuu fi qawwee AKM 7 hidhannoo guutuu waliin booji’ee dantaa QBOf oolchuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa ifa godheera. Lolli kun daqiiqaa 40 oliif akka geggeeffames gabaafameera.
Mudde 16,2015ttis Gartuun Humna Addaa WBO Godina Baalee waraana wayyaanee daangaa Somaalee Doolloo irraa fe’amee Cirrattii keessa qaxxaamuruun gara giddu galeessa Oromiyaatti ummata Oromoo fi ilmaan isaa barattoota irratti ajjechaa raawwachuuf ORALII 4n socho’aa ture akkuma magaalaa Cirrattii irraa km.30 fagaateen bakka Kullaa Kootichaa jedhamutti ganama keessaa sa’aa 9:00 gubbaatti miinoo/fanjii farra konkolaataa kiyyeessuufiin ORALII 2 loltoota diinaa 50 ta’an, hidhannoo qaban waliin guutummaatti daaressuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa dabalee beeksiseera.
Waytuma kana gartuun Humna Addaa WBO Godina Baalee kun loltoota wayyaanee ORALII 2n boodarraan dhufaa turanitti haxii hidhuudhaan tarkaanfii irratti fudhateen 10 iraa ajjeesuu fi 15 ol ammoo haalaan madeessuu Ajaji WBO Godina Kibba Bahaa dabalee addeesseera. Lolli kunis daqiiqaa 20 oliif akka adeemsifame ibsameera.
Walumaagalatti tarkaanfii Humni Addaa WBO Godina Baalee Mudde 13 fi 16,2015 waraana wayyaanee irratti fudhate kanaan loltootni diinaa 91 ol ta’an du’aa fi madoo ta’anii, ORALIIN 2 guutummaatti oggaa daareffamu, qawween AKMn 7 ammoo hidhannoo guutuu waliin booji’amaniiru

No comments:

Post a Comment