Sunday, December 13, 2015

DIRAAMAA WAYYAANEETIIN FINCILLI SABA BAL’AA HIN GUFATU, HIN DHAABBATUUS!!


(Kutaa 2ffaa.)
Barreessaan: Saphaloo Kadiir
2312Wayyaanee/OPDO’n diraamaan golga godhattee obboleeyyan ittiin wal shakkisuufi ilmaan abbaa tokkoo duugdaa garaa walitti goodhuun fincila ilmaan oromoo fashaleessuuf yaaddu keessaa kan biraa amantiidha. Tooftaa amantiitiin Diraamaa wayyaaneen soba dhugaa fakkeessitee ummataan burjaajeessuuf yaaltu keessaa tokko yoo laalle, amantaa muslimaati. Kanumaan wal qabatee dokmantii Tv isaanii irratti bara 2011 mata duree ‘Aqildaamaa’ jedhuunifi bara 2013 ammoo mata duree “Jihadawi Harakat” jedhuun fakkeessanii dhiheessaa turan yaadachuun gahaadha. Filmiin lamaan kun akka wayyaaneen yaaddetti bu’aa galmeessisuufi hin dandeenye. Wayyaaneen akka waan muslimni mootummaa islaamaa biyyattii keessatti ijaaruuf deemuu, akka waan muslimni biyyatti tana akka Iraaq, Israa’el fi Filisxeem’fatti uuda ibiddaa taasisuuf deemuu fakkeessuun, akka waan muslimni itoophiyaa akeekaafi kaayyoo akka alshabab, alqaa’idaa, Bokko Haraamiifi kkf qabanii godhuun akka waan biyyattiin hawaasa muslimaatiin shoorarkooytee garba dhiigaa tahuuf deemtuu fakkeessee filmii sodaachisaafi buttuu (horor) hojjachuun qalbii ummataa shakkii addaa keessa galchuun if bir’achiisee umrii isaa dheerachuuf yaale. Ummata muslimaafi hawaasa amantii biraa hordofaniis walitti gufachiisuuf yaalaa ture. Hin milkooyneef. Ammallee diraamaa biraa fidee masgiida Anuwaar guddaa finfinneetti ibidda qabsiise. Garuu mootummaa shoorarkeessaa dachiin marteen, gita bittaan mootummaa wayyaaneen kun yoomillee diraamaan akkanaa akka fiinxa hin baaneef osoo beekuu maaliif akka if dararee ummatallee shoorarkeessu namaaf hin galu. Lubbuu namaa galaafachuun, qabeenya hawaasaa barbadeessuun, ummata walitti buusuun umrii aangoo dheereeyfachuuf tattaafachuun isii kun maraatuu yoo tahe malee hiikkaa biraa hin qabu.
Wayyaaneen amma diraama isii gara amantii naanneeffachuu mallattoolee nuuf mirkaneessan keessaa kaleessa gaafa mudde 11, 2015 masjiida Anuwaar irratti boombii darbuu isaati. Sanuu wayyaaneen ifumaaf masjiidicha gubuun qaama yakka raawwate barbaadaan jira jechuun kijibuu jalqabe. Guyyaa kaleessa gaafa Mudde 11, salaata jum’aa booda masjiida Anawaar guddicha Finfinnee irratti boombiin darbatamee qabeenyaafi namarrattiis miidhaa cimaan gahuun beekkamaadha. Namni 16 madaawanii hofpitaala jiraachuu himama. Eenyuutu gube? Wayyaaneetu gube. Wayyaaneen ammoo shorarkeessitoota, finciltoota oromoo dhiheenya kanaa waliin walitti hidhee, ‘oromoon gaaffiin isaani finfinnee waliin wal qabata waan taheef isaaniitu gube ja’ee cubbuu dubbachuuf if qopheesfaa jiraachuun isaa waan shakkii qabuu miti. Diraamaa isaa kan dharaa saniin yrroo gabaabatti qopheessee ummataan xaxuun ifaa hafan qabu. Garuu dhugaan jiru nuti oromoon osoo carraan argamee wanti handhura finfinnee keessaa gubnu fi fonqolchinu hangafni siidaa Minilik’faadha malee masjiidaa miti. Oromoon amantii tokko irraallee dhiba hin qabu. Finciltoonni oromoo siyaasaa biyyattii irraa aarii qaba malee amantaa miti. 
Garuu wayyaaneen jibba hamaa amantii muslimaa irraa qabdu qofa osoo hin taane, adeemsaafi muuxannoo gochoota hamaa akkanaarratti qabduus beekuun salphaa dha. Wayyaaneen jibba amantii muslimaa qabaachuu qofaaf osoo hin taane, umrii aangoo isii dheereeffachuufiis muslimootuma jiddutti qondoo jibbaa habaqaaltee akka isaan waliif hin galle taasisuufi. Mootummaan wayyaanee humnaafi murannoo hawaasa muslimaa waan beekuuf yeroo garii hawaasuma muslimaa maqaa adda addaatiin diigee walitti buusuun akka shoorarkaawan taasisuu fedha. Gaafa garii ammoo hawaasa amantii muslimaa hordofan kan amantii biraa qaban waliin walitti dallansiisuuf warraaqa. Muuxannoo gochoota hamaa wayyaaneen masjiidaafi naannoo masjiidaatti uumuun hawwii dharaa dhugoomfachuuf qabdu keessaa tokko yoo kan yaadannu tahe, shoorarkaa bara 2005’ni (1987 A.L.H) yaadachuun gahaadha.
Bara 2005 mootummaan wayyaanee masjiida Anuwaaritti walitti bu’iinsa uumuun ulamaa muslimaa, abbootii amantaa, sheekoota, dargaggeeyyii muslimaa, imaamoota masjiidaafi hordoftoota amantaa hedduu hidhuun, reebuuniifi gocha suukanneessaa meeqa irratti raawwachuun isaanii yaadannoo seenaa yeroo dhihooti. Gaafasii jalqabee dubbi barbaad mootummaan wayyaanee imaamoota masjiidaallee ifiif hawaasaaf filuu qofa osoo hin taane amantaan tanaafi tanaatu sirriidha tana hordofaa jechuun, amala anaatu siif beekaa isaatiin hawaasa muslimaa zaliil godhaa ture. Hawaasni muslimaa ammoo kan fudhatu hin taane. Kanaafiis sababa barbaadee hawaasa muslimaa shoorarkeessuuf akka saree maraattee olii gad fiigaa ture. Qabsoo hawaasni muslimaa karaa nagayaatiin godhu kallattii jijjiiree ummata nagayaa humnaan macalaasuuf hedduu tattaafatuus, garuu osoo akka hawwe hin milkaa’in karooraafi wixiineen isaa tan cubbuu jalaa fashalooytee hafte. Kana boodaas dadhabe ja’ee abdii muree hin teenye. Basaasa, dabballeefi tikoota isaa danuu koofiyaafi imaamata biteefi mudawwar itti kaayee kara masgiidaa dhangalaasuu jalqabe. Masgiida qofa osoo hin tahin gara awwaliyaatiis erguun akka basaasaniifi walitti bu’iinsa uuman taasisuuf harka naqachuu yaaluus koreewwan hawaasa muslimaatiin qaanqeen shira isaa jalaa dhaamte. Kana booda ammaas mala biraa diriirfachuu jalqabe, mootummaan wayyaanee kan akka gaararraatti torba if jijjiiru. 
Kanaan milkaa’uu dhabnaan ammaas tooftaa jijjiiratee naannoo unmanni muslimaa sagalee isaa dhageessisuuf itti walitti qabamu maratti qaamuma isaatiin konkolaataa gubuu, alaabaa gubuufi kkf fayyadamuun muslimootaatu kana godhe jechuun tarkaanfi hadhaawaa fudhachuuf yaalii godhaa ture. Ummanni muslimaa jallina mootummaan wayyaane hojjatu waan beekuuf of eggannoo sirrii godhaa waan tureef osoo hin milkaa’in hafuu danda’ee ture. Osoo kun kanaan jiruu shoorarkaa waggaa afur dura basaastuufi dabbaloonni isaa muslima fakkaachuun ‘goolii gurraacha’ uumaniin lubbuun dargaggoota danuu baduun, kumaatamni mana hidhaatti darbamuufi gochoonni baayyeen muslimoota irratti raawwatamaa turuun ni beekkama. Dhiheenya kana ammoo hawaasa muslimaa sababa adda addaa itti barbaade ‘xalayaa shoorarkeessummaatu sibiratti argame’, goolii uumuuf sossoo’aa jiraachuu kee ragaatu sibiratti mul’ateefi kkf jechuun hidhuu dabalatee tarkaanfii adda addaa irratti fudhachuun daran hammaatee jiraachuu odeeffannoon ni ibsiti. Keessattuu torbaan kana keessa eega fincilli ummata oromoon finiinuu jalqabe kana poolisoonni xiyyeeffannoo addaa naannoo masjiida Anwaariifi masjiida Nuur’itti godhuu akka jalqaban ragaatu ifoomsa. Ragaa kana maraafi muuxannoo diraamaa mootummaan wayyaanee hojjatuus yoo xinxallu tarkaanfiin masjiida Anuwaar irratti fudhatamees hojii wayyaanee tahuun ifa galeessa. Kan gara goru dhabe afaanfajjawaan mootummaa wayyaanee fincila mormii hawaasa oromootiin malli harkaa baduun mata duree diraamaa isaa gara amantiitti jijjiiruuf yaade masjiida irratti gocha cubbuu raawwatee jira. Eeyyee! Raawwatee jira. Kun waan nama mormisiisuu miti. Hawaasni muslimaas tahee barattoonni fincila kaasaa jiran boombii eessaa fidanree? Kan ibidda guutuu harkaa qabu wayyaanee qofa. Kanaaf isa malee eenyulleen gocha akkasii hin raawwatu.
Eegaa kabajamtoota keenya asirratti wanni beekuu qabnu guddaan fincilli keenya kan duraan deemaa jiru daran finiinee itti fufuu qaba malee qabbanaa’uufi dhaabbachuu hin qabu. Inumaatuu kana booda hawaasa muslimaatiiniis tumsi dabalamee daran humna dabalachuu qaba. Mootummaan wayyaanee hoongoo namaafi sa’aaf hin tolle tahuu daa’imni barana dhalateehu himana malee beeka. Gadaan isaa dhumatee kan jiru tahuu ifaafi ifatti mallattoowwan mul’isan danuudha. Haatahuu malee namni galaanni fuudhe hoomacha qaqqabata akkuma ja’amu san mootummaan wayyaaneetiis galaanni fincila ilmaan oromoo isa fuudhuu waan beekeef gubaatii Anuwaar masjiid kanaan wal qabsiisee gara keenya quba as laachuun hin oolamu. Nuti garuu dhimma akkanaatiif gurra hin qabnu. Hawaasni muslimaas kana sirritti beeka. Nama waan nyaatu beekan waan hagu hin gaafatan ja’a oromoon. Akkasiitii oromoos tahee hawaasni muslimaa idil itoophiyaa waan wayyaaneen taate tolchanii beekan. Walumaagalatti, ilmaan oromoo ololaafi soba diraamaa wayyaaneetiin gufachuu osoo hin taane, bifa haareyaan mormii isaanii hanga ummata bal’aatti gad buusuun qaanqee xiqqoo daandi bilisummaa ibsuuf billiq jatte tana daran bobeeysuun akka dachii guutuun walaq jattu taasisuuf if qopheessuu qaban jechuuniin ergaa koo xumura.
Galatoomaa!!
Oromiyaan ni bilisoomti, gadaan kan bilisummaati!!

No comments:

Post a Comment