Tuesday, December 1, 2015

Deeggarsa Qeerroo Idila Addunyaa (International Qeerroo Support Group)

P. O. Box 55244 – Washington, DC 20040 – USA
Sadaasa 29, 2015
                            IQSG2015
Akkuma beekamu dhaabbanni Deeggarsi Qeerroo Idila Addunyaa, dhabbaata bu’aaf hin hojjanne (nonprofit organization) yoo ta’u, erga hundaa’ee woggaa tokko ta’eera. Kaayyoon hundeeffama dhaaba kanas falmii Qeerroo Oromoo mirga namummaa, dinagdee fi siyyaasa uummanni Oromoo jaarra tokkoo fi cinaa olif mulqamee miidhaa fi cunqursa alagaa hammaataa jalatti kufeef deeggarsa barbaachisaa gochuuf kan dhaabbaate dha. Koreen dhaaba kanaa wolgahii taasiseen haallan uummata Oromoo fi naannoo Oromiyaa keessa dhiittaan mirga namummaa ta’aa marii taasisuun ibsa ejjannoo armaan gadi kana baasuuf murteeseera.
1. Murtee Caffeen naannoo Oromiyaa waa’ee magaalota naannoo Finfinnee ilaalchisee murtee dabarse, haala aadaa fi dinagdee uummata Oromoo kan hin hubannee fi mirga uumata Oromoo kan cabsu ta’uu isaa fi akkasumas fedhii uummata Oromoo ala ta’uu isaa waan ta’ee murteen kun karaa kamiinuu hojiirra akka hin oolle in balaaleffanna.
2. Maastar Pilaanii Finfinnee ilaalchisee mootummaan biyyittii bulchaa jiru murtee dabarsee jiru, fedhii uummataa ala waan ta’eef; aadaa, qabeenya, dinagdee uummata Oromoo naannoo Finfinee jiruu fi akkasumas akka Oromiyaatti balaa guddaa fi gaaga’umsa guddaa uummata Oromoo irratti waan geessisuu danda’uuf murten kun hojii irra ooluu hinqabu. Kanaaf, Qeerroon Oromoo karaa kamiinuu mormii dhageessisaa jiruuf Dhaabni Deeggarsi Qeerroo Idla Addunyaa deeggarsa barbaachisaan akka akka walliin jiru mirkaneessina.
3. Bulchiisni naannoo Oromiyaa uummata Oromoof dhaabbanna jedhan gochaalee hamaa karaa qaamota adda addaan miidhaa ummata oromoo fi naannoo Oromiyaa irratti darbaa jiru kana hojii irra akka hin oolle gochuun itti gaafatama seenaa irraa akka of oolchan isaan gaafanna.
4. Sababa dhiitta mirga namaa irraa kan ka’e uummanni Oromoo karaa adda adda biyyoota ollaatti baqachaa akka jiran beekamadhaa. Haata’u iyyuu malee yeroo adda adda biyyoota olla akka Jibuutii, Somaliyaa fi Keeniyaa keessaa oroomota biyyaa dheessanii jiranii fi achi baqattummaan galmaayanii jiraachaa turan / jiran mootumaan Itiyoopiyaa yeroo adda addaati baqattoota kana uukkamsanii fudhachuun bakki buuteen isaanii kan dhabamaa jiran hedduudha. Biyyuma olla baqaan jirann keessatti lukkee mootummaa Itiyoopiyaan kan ajjeefaman hedduudha. Dhiyyeenyallee hundeessaa fi dura taa’aa dhaaba Argaa dhageettii kan ta’e maanguddoo Oromoo Obbo Dhaabasaa Guyyoo Kenyaa keessaa ukkamsamee bakki buuteen isaa hinbeekamu. Gochaa akkasii haalan balaaleffachaa qaamni ilaallatu hundi kan mirga dhala namaaf falmu haala maanguddoo kanaa akka qoratu in gaafanna.
5. Toorbee kanaa kaasee murtee Maastar Pilaanii Finfinnee mormuun mannneen barnootaa Oromiyaa keessatti kan qabsiifame mormii barattoota Oromoo itti fufee jrachuu isaa beekamaadha. Haata’uyuu malee, karaa mootummaa Oromiyaas ta’e, Itiyoopiyaa gaaffii barattoota Oromoof deebbii sirrii laachuu irra, humnaan iti deemuun miidha adda addaa barattootaa fi maatii isaanii irra miidhaa kana hinjedhamne gessisaa jiru. Gochaa akkasii miidhaa uummata oromoo irratti gahaa jiru kana guddaa balaaleffachaa, Qeroon barattoota oromoo ammallee mormoii isaanii akka itti fufan jenna.
6. Dumarratti, poolisootaa fi nagaa eegdota akkasumas Oromummaan kan isin quuqu, mirga lammii kessanii yeroo dhiitamu kan isin dhukkubu qaamni kamuu mormii barattootaa, kan Qeerron amma gaggeeffamaa jiru karaa barbaachisaa ta’een isaan waliin dhaabbachuun mirga saba keesanii akka kabachiiftan waamicha isinii goona.
Gadaan Gadaa Nagaa Haa Ta’u!
Koree Hojii Rawwaachiftuu Irraa

No comments:

Post a Comment