Sunday, December 27, 2015

Hoogganootni Wayyaanee Copha Dhiigaa Lammii Oromoo Dhangalaasaa Jiran Hundaaf Gaafatamoo dha !

                                                            asxaa_oromo
December 26, 2015 
(oromoliberationfront.org) — Falmaa Ummatni Oromoo mirga isaa kabajsiifatuu fi jireenya Sabummaa ofiitti iggitii gochuuf gaggeessaa jiru irratti duula diinummaa fi shoorarkeessummaa Mootummaa Wayyaaneetiin banamee jiruun wareegamni Ummatni keenya baasaa jiru akkaan ulfaataadha.
Lakkuma roorroo fi tuffiin Wayyaaneen Ummata Oromoof qabu daangaa dabraa fi duulli inni eenyummaa Sabichaa dhabamsiisuuf gaggeessu sadarkaan isaa guddachaa deemeen, Ummatni keenya obsa isaa fixatuu irraa guutuu Oromiyaa keessatti sagalee tokkoon ol ka’ee mormii isaa karaa nagaa dhageessifachuu irratti argama.
Mootummaan Wayyaanee gaaffii Ummatni keenya karaa nagaatiin dhiheeffachaa jiruf deebisaa sirrii fi naga-qabeessa kennuu irra akkuma amala isaa humna waraanaa weerara alagaa biyyattii irraa tiksuuf ijaarame, lammiilee nagaa fi meesha-maleyyii irratti bobbaasuudhaan mormii karaa nagaa kana dhaabuuf yaalaa jira. Ummatni garuu obsa isaa fixatee waan jiruuf bobbaa waraanaa kanaaf osoo hin jilbeenfanne Fincila isaa bifa adda addaan itti fufee jira.
Haala ni mul’ata jedhamee hin eegamnee fi hin yaadamneen mormii karaa nagaa akka galaana guutee dambali’uun Oromiyaa irra dhangala’e kanaan kan rifate mootummaan Wayyaanee tarkaanfii suukanneessaa fudhatuun mormii kana dhaamsuuf murteeffatee ajjeechaa gara jabinaa fi suukanneessaa raawwachaa jiruun hiriira shorarkeessota dhiiga lammiilee nagaa dhangalaasuudhaan kaayyoo ofii galmaan gahachuu barbaadanii seenuu isaa caalaatti mirkaneessaa jira.
Labsa lolaa Muddee 15, bara 2015 Ummata Oromoo irratti karaa midiyaa isaa ifatti labsee eeglee, gochaan inni Ummata Oromoo irratti raaw’achaa jiru mootummaan kun hangam ummata Oromoo akka diinomfatee jiru kanneen hanga ammaatti hin hubanne hubachiisee jira. Tarkaanfiin fudhataa jirus tarkaanfii shoorarkeessitootaan addummaa kan hin qabne tahuu mamii tokko malee mirkaneessa. Akkuma murnootni finxaaleyyii ummata nagaa anaan deggeri ykn fedhii kiyya guuti jechuudhaan dirqisiisuun kan isaaniin morme ykn fedha isaanii guutuu dadhabe gorra’an, Wayyaaneenis lammiilee Oromoo fayyaaleyyii ajjeessuun humnaan fedhii isaa guuttatuuf humna waraanaa qabuun lola Ummata Oromoo irratti baneen agarsiisaa jira.
Gartuuleen shoorarkeessotaa ummata amantiidhaan adda baasuun kan ofii mararfatuun kaan akka dhabamu ykn amantoota irratti tarkaanfii suukanneessaa fudhatuun akkuma beekaman, mootummaan Wayyaanes lammiilee Oromoo ummatoota kaan irraa Sabummaadhaan adda baasuun ajjeesuu, hidhuu fi biyya irraa ari’uu irratti argama. Shorarkessotni ummata meesha-maleeyyii fi isaan miidhuu hin dandeenye gara jabinaan akkuma fixan, mootummaan Wayyaanees, mootummaa haadha fi ilmoo wal irratti ajjeesu dha.
Skororkeessotni dhala namaaf kan kabajaa fi jaalala hin qabne tahuu irraa tarkaanfii suukanneessaa fi rifaasisaa fudhatuun akeeka isaanii fiixa baafatuuf akkuma yaalan, gartuun murna bicuu Wayyaanees ajjeesee reeffa dhala namaa haala kabajaa hin qabneen gatuu, akka eenyummaan isaa hin beekamnetti cicciranii ajjeessuu fi gubuu, awwaala dhorkatuun hammeenya bineensummaa irratti raawwatuun beekama.
Mootummaan Wayyaanee gochaa isaa kanneeniin hanga ammaatti lammiilee Oromoo 85 ol ajjeesuun mirkana. Kumootaan kan lakkaawaman rasaasaa fi reebichaan akka qaamaa gaaga’aman godhee jira. Kuma kudhanootaan ammo manneen hidhaa hin beekamnee fi beekamanitti guuree hiraarsaa jira.
Kana hundaan kan hin quufne gartuun murna bicuu Wayyaanee ummata Oromoo kessaa beekaa fi qaroo dhabsiisuu irratti kan qiyyaafate gochaa hammeenyaa hedduu raaw’achaa jira. Akkasumas, akka seera biyyattiitti kanneen karaa nagaa qabsaa’uuf waadaa seenan hogganoota jaarmayaa siyaasaa mormitootaa KFO tahan kanneen akka Obbo Baqqalaa Garbaa, Dajanee Xaafaa fi qondaalotaa fi miseensota sadarkaa adda addaa guutummaa Oromiyaa keessaa qabuun hidhaatti darbuudhaan dalagaa shorarkeessummaa bal’inaan itti fufee jira.
ABOn ajjeechaa, reebichaa fi hidhaa jimlaan ummata Oromoo irratti Wayyaaneedhaan raawwatamaa jiru kana cimsee balaaleffata. Lammiilee Oromoo kanneen seeraan alatti ajjeefamaniif kanneen ajaja farrummaa dabarsanii fi ajaja seeraan alaa kana hojii irra oolchan qaama walaba taheen akka qoratamus gaafata. Hawaasni addunyaa fi jaarmayootni mirga dhala namaaf falman hundi, mirga Sabummaa fi namoomaa Itophiyaa keessatti jimlaan cabsamaa jiru kanaaf kanneen gaafatamoo tahan murtii seeraatti dhiheessuu irratti qooda irraa eegamu akka gumaachan ABO gadi jabeessee yaadachiisa.
Injifannoo Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo
Muddee 26, 2015

No comments:

Post a Comment