Thursday, August 20, 2015

Qeerroon Bilisummaa Oromoo Waamichaa Birmatnaa Lammuummaa Uummta Oromoo Godinaalee Haraargee fi Akkasumaas Kutaalee Oromiyaa Garaagaraa Keessatti Balaa Beelaaf Saaxilamuun Lubbuun Wareegamaa Jiraniif Bakka Jirruu Hundaa Haa Birmatnu Jedhu Dabarse!!

logo-qeerroo-oromiyaa31.jpgMootummaan abbaa irree Wayyaanee Guddina dinagdee Diijiitii lamaan dabaallee jirraa jedhee utuu olola sobaa ofaa jiruu fi utuu qabsoo bilisummaa Oromoo dura dhaabbachuu fi maqaa diasporaa jedhuun olola afaan faajjii gaggeessa jiruu Uummatni Keenyaa Balaa beelaan dararamuun Lubbuun dhibbootaan lakkaa’amu Oromiyaa  godinaalee garaagaraa keessatti galaafatamaa jiraachuun ibsame jira.
Addatti immoo Uummatni keenyaa Godinaalee bahaa Harargee fi Dhihaa Harargee ,Karraayyuu, fi Walloo Kamisee balaa beelaa haala ulfaataa keessatti kufuun jumlaan lubbuun lafarraa dhumaa jiraachuutti gaadda guddaatu nutti dhagaa’ame jira. Uummaata qofaa utuu hin ta’iin beeladni kumootaan lakkaa’aman illee balaa beelaan lafarraa barbadeeffamaa jiru,  Ergaa balaan beelaa kun qabatamaan Godinaalee Harargee Lixaa fi Bahaa keessatti babaldhachuu eegalee ji’oota  sadii ol kan lakkoofsisee yoo ta’uu hangaa ammaatti qaamni mootuummaa abbaa Irree EPRDF/TPLF/OPDOs  ta’ee NGO addaa addaa illee birmannaa gochuu fi hanqachuun hedduu gaddisiisaa fi uummatichi mootummaa wabii isaaf dhaabbatu dhabuu irraa kan maddee ta’uun ifaadha. Dhabbooleen gargaarsaa akka uummata keenyaaf hin birmanneef mootummaan wayyaanee maqaa ‘’Guddina dinagdee biyyatti haala saffisiisaa ta’een dabalaa jirra, biyyattiin midhaan nyaataan of dandeesseetti jedheef dhaabbileen gargaarsaa Idil-Aaddunyaa uummata keenya cina dhaabbachuu irraa akka of qusachaa jiran hubatama jira.  Yeroo ammaa kanatti Wayitaa Uummatni Oromoo Harargee bahaa fi Lixaa, karrayyuu,Walloo Kamisee fi Oromiyaa bakkoota garaagaraa  balaa beelaan akka baalaa harcaafamaa jirutti Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee EPRDF/TPLF/OPDOn gurraa cuqqaallachuun Diasporaa dabbaalloota wayyaanee Waliin cidha qopheeffachuun Magaalaa finfinnee keessaa sirbaa jiraachuu fi bashannaanaa jiraachuutu muldhatee jira. 
Uummata Keenyaa haala rakkisaa keessatti kufee du’a eeggachaa jiruuf Uummatni Oromoo biyyaa keessaa fi Alaa yoo hin iyyaatiin uummatni keenyaa abdii dhabee balaa beelaan lafarraa barbadeeffamaa jira, haala gaddisiisaa kana hubachuun Uummatni Oromoo Qabsaa’otni oromoo, Jaarmiyaaleen Siyaasaa Oromoo fi beektootni Oromoo uummataa keenyaa balaa beelaan lafarraa dhumaa jiruuf dhaabbilee Mirga namoommaa Addunyaa, dhaabbataa Fannoo Diimaa Addunyaa fi jaarmiyaalee gargaarsa addunyaatti akka iyyannuuf  Qeerroo Bilisummaa Oromoo waamichaa guddaa dabarsee jira.
                            Injifannoon Uummata Oromoof!!
                             Gadaan Gadaa Bilisummaati!
                                       Hagayyaa 19/2015

No comments:

Post a Comment