Thursday, August 6, 2015

Naannawaa Shaggar Aanaa Sulultaa Magaala Caancoo Keessatti Qondaaloti Wayyaanee Uummata Samaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase

11817258_508038342693839_71411907612129102_n
(Qeerroo) — Wayyaanee fi ergamtooti sirnichaa qabeenya uummataa saamuun uummata gooluu itti fufan! Akkuma beekamu naannawa Shaggar aanaa Sulultaa magaala Caancoo keessatti qotee bulaa lafa irraa buqqisuun saamicha lafaa gaggessaa kan turanii fi sochii dargaggoonni naannichaa irraa ka’uun dabballoota lafa saamtan jedhaman
Itti gaafatamaa mana qopheessa magaala Caancoo nama Salamoon Dabbabaa jedhamuu fi mahandisoota magaala nama 3 dabalatee gaaffii fi sochii dargaggoo fuulduradhaabachuuf mana hidhaa kan galchan ta’uu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Yeroo ammaa kana Wayaanee fi kaadiroonni ishee saamicha qabeenya uummataa irratti bobba’anii sochii uummataan saaxilamanii uummata goolaa jiru. Haaluma kanaan bulchaa aanaa Sulultaa kan turee fi yeroo ammaa godina addaatti waajjira barnootaa keessa kan hojjatu namni Tashoomaa Hurrisaa jedhamu maallaqa uummataa qarshii miliyoona 1.5 gara dabarsuu isaa sochii uummataan ifatti saaxilamuu isaa irraan kan ka’e saamtonnii fi hattooti mootummaa Wayyaanee naannawa kanatti argaman uummanni nurratti sochii eegale jechuun raafama keessa galanii jiru. Kanumarraa ka’uun nama qabeenya uummataa saame seeratti siniif dhiyeessina jechuun uummata keessa naanna’uun uummata hololuuf yaalanis dargaggoo fi uummanni naannawa kanaa waliin tahuun hattuun seeratti dhiyaatus murtiin itti laatamaa hin jiru isin nu sobdu nu saamaa nu miidhaa jirtu jechuu holola isaanii dura dhaabachaa jiru.

No comments:

Post a Comment