Monday, August 10, 2015

Hojiin Miidiyaalee Oromoo Harka Tokkoon Ijaaraa Harka Kaaniin Diiguu Akka Hin Taane! (Miidiyaalee Oromoo Hundaaf)

Malkaa Caffee irraa
oromia-knwoledge-and-social-media-sourcesCarraa guddinni ‘technology’ yeroo ammaa argamsiise irraa Miidiyaaleen Oromoo muraasni kan dhimma Oromoo tajaajiluu irratti hundeeffaman horatamuun waan nama gammachiisaa ti. Isaan kun hundi akka tokkotti firii Qabsoon Bilisummaa Oromoo argamsiise tahuunis hin falamsiisu. Kan ummatni Oromoo isaan irraa eeguu fi kan isaan himatanis galma gahiinsa QBO milkeessuutti waan gumaachu hojjechuu dha. Dhimma kana irratti jabinaa fi hanqina jiru qalbii guutuudhaan hordofanii jabinni jiru akka daran guddachaa deemuu fi hanqinni mul’atu akka guutamaa fi wayyaawaa deemuuf yaada kennuudhaan haa tahu akka danda’ame hundatti qooda gama ofii bahachuun dirqama sab-boontota Oromoo maraa ti. Miidiyaalee keenya nuutu guddifata amantii jedhu irratti hundaawuudhaanin yaada kiyya kan dhimma kana ilaalu akka armaan gadiitti gabaabsee dhiheessa.
Miidiyaan tokko waan hojjetu hunda irrattuu safuu fi ulaagaa ittiin hojjetu qabaachuun barbaachisaa dha. Safuu fi ulaagaan Miidiyaaleen Oromoo ittiin masakamuu qaban ammoo kan dantaa Oromummaa tiksuu fi jajjabeessuu irratti hundaawe tahuu qaba. Akkumaan olitti jedhe kan ummatni Oromoo isaan irraa eeguu fi isaanis himatan galma gahiinsa QBO milkeessuun kaayyoo hundeeffama isaanii tahuu waanin abdadhufin kana jedha.
Namootni miidiyaalee Oromoo hundeessanii fi taligan miidiyaalee kanaan dhimma QBO, dhimma Dhaabota Siyaasaa Oromoo fi waliigala dhimma Oromummaa irratti hojjechuuf, hidhannoon haalaan murteessaa tahe kan jalqaba irratti guuttachuu isaan barbaachisu beekumsa duubbee seenaa wantichaa fi odeeffannoo gahaa dhimma kana ilaalchisee qabaachuu dha. Yoo akkas hin taane waanuma of duratti arganii fi dhagahan hunda (osoo dharaa-dhugaa fi fafaa fi mishooma isaa addaan hin gilgaalle) ijaagurra ummataan gahuutu mudata. Sun ammoo harka tokkoon ijaaraa harka kaaniin diiguutti geessa. Gahoomina sadarkaa qulqullinaa ykn. standard miidiyaa tokko miidiyaa jechisiisan dhabsiiseetis akka owwaattuu (echo) fakkaachuu muda.
QBO ilaalchisee seenaa dalagamee dabres haa tahu waan amma dalagamaa jiru (kan dhugaan turee fi jiru kan ragaa gahaa qabu) ijaa fi gurra Ummataaf dhiheessuun waanuma miidiyaalee Oromoo irraa eegamuu dha. Kan arguu fi dhagahu irraa barata. Madda jabinaa fi bakka rakkinni/hanqinni jiru addaan baafatanii bu’aa-bahii qabsoo nama afoo jirtu milkiidhaan keessa qaxxaamuruufis gargaara. Kanaaf yeroo miidiyaaleen Oromoo QBO ilaalchisee waan dhugaa fi qabatamaa taheen dhihaatan sab-boontota Oromoo hundaatu itti gammada. Miidiyaaleen Oromoo hedduun yeroo ammaa gama kanaan hojii boonsaa fi nama jajjabeessu hojjechaa jiru. Haa tahu malee miidiyaaleen gariin osuma hojii boonsaa akkanaatis hojjetanii gama kaaniin ammoo waan isa kana busheessus yeroo hojjetan deddeebi’ee mul’ata.
Fakkeenyaaf, namoota ofii taa’anii dhimma jireenya dhuunfaa ofii gaggeeffachaa afaan qofaan akka nama QBOf dhimmamee fi itti hirmaachaa jiruutti of dhiheessuudhaan qabsaawota hojiidhaan QBOf jecha wareegama bifaa fi sadarkaa gara garaa baasaa jiran irratti dhagaa darbataniif waltajjii banuudhaan olola diigaa QBOf fafa malee mishooma hin qabne ijaa fi gurra ummataan gahuun ijaaruu moo diiguu dha? Har’a namni Oromoo dhugumaan sab-boonummaa qabuu fi dhimma QBO hordofu kamuu eenyu akka dhugumaan daandii qabsoo bilisummaa Oromoo irratti hiriiree QBO galmaan gahuuf wareegama barbaachisu baasaa jiru sadarkaa Dhaabaa fi murnaattii mitii sadarkaa nam-tokkeettuu addaan baasee beeka yoo jenne soba hin tahu. Eenyufaatu bakka itti tolte taa’ee jireenya ofii ow’ifachaa afaaniin akka qabsaawaatti of dhiheessaa jiraanis waan namuu beekuu dha.
Jaalalti Dhaabni ABO Oromoo biratti horate bareedina maqaa Dhaabichaa irraa kan madde miti. Bu’aa wareegama ilmaan Oromoo Addichatti hiriiruudhaan baasanii fi galata injifannoolee gurguddoo Oromoon hanga har’aatti ittiin gonfatee ti malee. Oromoon jaalala ABOf qabu oggaa ibsatu namoota ABO hoogganan ykn. miseensota abaluu fi abalu jedhaman osoo hin taane dhiiga ilmaan isaa QBO ABO.dhaan hogganamu irratti dhangala’ee fi bu’aa wareegama sanaan argametu ija isaa dura dhufa. Waa’een ABO fi waa’een QBO waa’ee jireenya Sabummaa Oromoo ti. Dubbii ulfaattuu lubbuun gootowwanii fi hayyoota Oromoo lakkoofsaan tilmaamuun hin salphanne irratti kitimamee fi har’a illee itti fufee wareegamni ulfaataan itti baafamaa jiruu dha. Waan taheef nam-tokkees tahe qaamni ykn. murni Oromummaa himatuu fi dantaa Oromummaafin hojjedha jedhu tokko yeroo dhimma ABO fi QBO kaasu wareegamni Oromummaaf baafamee fi baafamaa jiru kun itti dhagahamuu qaba. Itti gaafatamni lammummaa fi Safuun Oromummaa isa daangessuu qaba.
Miidiyaan Oromoon dantaa sabummaa kiyya naaf tajaajila jedhee abdii fi amantii guddaa irra kaa’achuudhaan jaalalaa fi deggersa isaa arjoomuuf tokko har’a gadi deebi’ee gaaffii qaanfachiistuu yeroon itti dabarte “ABO isa kam?…….jechuu fi dhiisuu gidduutti rakkanne” oggaa jedhu dhagahuun dhuguma miidiyaan kun dantaa Oromummaa tarkaanfachiisuu kaayyoo jedhu sana garuma irraa itti jiraa? moo bilchinaa fi dammaqiinsa akkaataa itti dantaa Oromummaa tarkaanfachiisuuf hojjetamuutu itti hir’ate laata? gaaffii jettu namatti bulcha.
Yaada koo xumuruuf: Oromoon har’a waa’ee eenyummaa ofii fi waa’ee qabsoo bilisummaa isaa irratti dammaqiinsa wayyaa horateera. Dhaabota siyaasaa bilisummaa isaa dhugoomsuuf hojjetanii fi warra kaanis addaan baasee beeka. Hangi oduu ganda keessaa fi odeeffannoo dogoggorsaa namootaa fi qaamota itti gaafatamummaan (Responsibility) itti hin dhagamane irraa maddituun dogoggoru xiqqaa dha. Kan har’a dogoggorus bultumaan hubachaa deema. “Sissiqaati Goobana” akkuma jedhan. Miidiyaalee Oromoo irraa kan eegamu hojiin isaanii harka tokkoon ijaaraa harka kaaniin diiguu akka hin taanee fi ummata si tajaajilla jedhaniin biratti kan isaan taajjabsiisuu fi fudhatama isaanii gadi buusaa deemu akka hin taanetti bilchinaa fi hafuura itti gaafatamummaatiin hojjechuu dha. Yoo akkas hin taane “Ofii jettu mi’aawi yaa soogiddaa dhagaa sehanii si gatuu” mammaaksa jedhu yaadachuu qaban.

No comments:

Post a Comment