Wednesday, August 26, 2015

Kora Gamtaa Miseensotaaf Deggartoota ABO Kaaba Noorweyii Kan bara 2015

Nuti miseensoniif deegartoota ABO kan kaaba Norweyyiitti argamnu wal-gayii gaafaa guyyaa 22-08-2015 gaaggeefanne irratti marii balla’aa waa’ee sochii biyyaa keessaa qeerroo fi WBOn gochaa jiru walumaagalatti haala yeroo irratti erga mari’anee booda ibsa ejjenno armaan gadii dabarfanneerra:
1. Waraana bilisummaa Oromoo yeroo amma kana kan yeroo kamiyyuu caala tarkaanfii boonsaa diina Oromoo irratti fudhachaa jiru baay’ee kan itti gammannu fi gara fuula duraattis akka cimsee itti fuufu gargaarsa barbaachisaa ta’een akka cinaa dhaabannu nimirkaneessina.
2. Addi Bilisummaa Oromoo kallachaa bilisummaa ummaata Oromoo ta’uu hubannee gargaarsa nurra eegamu maraan bira dhaabachuuf waada keenyaa ni haromfannaa.
3. Qeerrooniif baratoonni oromoo biyyaa keessa hawwii bilisummaaf isaan qaban abdachiisa waan ta’eef karaa barbaachisaa ta’ee hundaan bira ni dhaabana ni deeggaraas.
4. Tumsaa ABOf gochaa tureef itti jiru gara fuula duraatti kan yeroo kamiyyuu caala daraan ciimsinee itti fufnu ta’uu waada keenya ni haarofanani mirkaneesinas.
5. Kallachi qabsoo bilisumma oromoo kan tahee ABO qofa ta’uu hubannee itti amanna waan ta’eef warreen nuti ABOdha jechuun maqaa ofitti moggaassuun ergama diina fi dandaata yeroodhaaf bitamanii qabsoo bilisummaa oromoo laamshesuuf yaalani akka irra of qusatanniif waan darbee irraa hubachuun gara QBO itti akka deebi’aniifi dantaa ummataa isaani akka dursaan ciminaan ni hubachiifnaan.
6. Torbaan “Diaspora” jechuun waltajjii wayyaaneen gantootaf qopheesite keessatti kanneen hirmaatan ummata oromoo biyya hambaa jiraatan akka bakka hin buune ummaanni oromoo biyya keessa jiraatu akka nuuf huuf huubatu cimsinee ni beeksifna.

No comments:

Post a Comment