Monday, September 29, 2014

Wayyaaneen maqaa Walgaa’ii Tarsiimoo siyaasaa abbaa irruummaa ishee qabattee, Adeemtuun kasaaraa siyaasaa keessa seente jirti!.

Gaafa Fulbaana 23/2014 Mootummaan Abbaa Irree wayyaanee maqaa walga’ii tarsiimoo siyaasaa isaa afaan qawweetti fayyadamuun barattoota Yuunibarsiitii, barsiisota manneen barnootaa Sadarkaa 2ffaa fi barsiisota kolleejjii barsiisota Oromiyaa bakkotaa garaagaraatti torbee lamaa oliif humna waraanatti fayyadamuun walitti qabee humnaan
miseensummaa wayyaanee akka fudhataniif dirqa ture milkii malee
fashalaa’e.
Beektotni Oromoo Walga’ii Wayyaaneen waan qabdee gadhiiftu dhabuun sagalee uummata Oromoo biyyaa keessa fi biyyoota garaagaraa keessatti dhageesifamaa jiru dura dhaabbachuuf walga’ii afaan faajjeessa eenyu iyyuu irratti dammaquu danda’u butatee fiiguun kufaatii isaa saffisiisa jechuun sabboontotni Oromoo walgaa’ii kana
irratti gaaffiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo irratti finiinaa turee fi kan Wayyaaneen gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo ukkamsuuf humna waraanaa beektota Oromoo dura ittin dhaabbachaa jirtu ta’uun seenaa keessatti bakka guddaa qabacha jira. Dargaggootni barattootni , fi barsiisotni Oromoo garbummaa humnaan nutti fe’amaa jiruu kana bara baraan baatnee hin adeemnuu, uummatni keenya bakka hundaa bulchiinsa sirna faashistii wayyaaneetti akka hin jilbeeffannee, bakka jirruu gurmuu keenya jabeeffachuun gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa finiinsuun bilisummaa keenyaa haa gonfannu. Bilisummaa afaan qawween mulqamaa jirru sagalee keenyaa fi FDG sochii dargaggoota biyaaleessa Oromiyaa Qeerrootti makamuun mirga
keenya kabachiisuuf qabsoon karaa nagaa fi dimookiraasii gaggeeffamaa jiruu furmaata waan ta’eef bakka jirruu gara dirree qabsoo FDG tti haa dirmannu jechuun utuu wayyaaneen miseensummaaf jettee gucha miseensummaa itti guutan baattee barattoota fi barsiisota afaan faajjeessuuf yaalii gootuu barattootni nuti miseensummaa mootummaa bineensa dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasaa jiruu hin fudhannuu jechuun
gucha miseensummaa wayyaanootaan qophaa’ee zeeroo taasisuun mormii fi gaaffiin mirga abbaa biyyummaa barsiisotaa fi barattootaan gaafatamaa jiru deebii tokko illee utuu hin argatiin gargar kan ba’an ta’uu madden keenya Oromiyaa godinoota garaagaraa irraa nuuf gabaasan.
Dhumarratti uummata Oromoo hundaaf dhaamsa hirmaatota walga’ii Wayyaanee barattoota Oromoo yuunibarsiitii walga’ii wayyaanee marsaa 2ffaa ta’aan, barsiisota manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qophaa’inaa fi barsiisota Oromoo koolleejjii barsiisota Oromiyaa garaagaraa irraa walitti qabaman irraa darbe.
1. Ilmaan Oromoo walga’ii wayyaaneen maqaa tarsiimoo siyaasaa abbaa
irrummaa ishee fi umrii bittaa ishee dheereffachuuf beektota mataa
hidhuuf tattaafachaa jirtu itti fufinsaan uummatni Oromoo marti dura
dhaabbachuu qaba.
2. Wayyaaneen xummura Walga’ii afaan fajjeessaa ishee irratti dirqamaan dhaaba ofiif iyyuu diigamaa fi wayyaaneedhan ukkanfamaa jiru miseensa OPDO ta’aa jechuun guca miseensummaa baatee oliif gadi fiiga jirtu uummatni Oromoo akka hin fudhannee fi miseensummaa afaan qawween nama kaadhima jiru akka hin fudhannee dhaamsa dabarsaan. Yeroo amma kanatti OPDO keessatti illee ilmaan Oromoo dhalootaan Oromoo ta’an Oromummaan shakkamanii angoo wayyaaneen itti kennamte irraa kaafamuun arii’amaa, bakka isaanii immoo ilmaan habashaa tigiree fi amhaara Oromiyaa keessatti dhalatee guddatee fi kanneen afaan Oromoo dubbatan bakka buusuun aangawoota Oromiyaa gochuun halagaan nurratti muudamaa waan jiruuf yeroon kun yeroo itti miseensa OPDO ta’an utuu hin ta’iin yeroo itti ilmaan Oromoo OPDO keessa jiran iyyuu gara sochii warraaqsa dargaggoota Oromootti makamaa jiran ta’uu hubachuun ilmaan Oromoo humnaan wayyaaneen kaadhimaa jirtu kana irraa akka qooda tokko illee hin kennine dhaamsa keenya dabarsina!!
3. Wayyaaneen abbaa irree barrii itti dhumte kun of jiraachiisuu fi umrii garbummaa uummata Oromoo fi sabaa fi sablammoota biyyatti irratti dheereffachuuf olola hin jirree baattee abdii kutaannaa tokko malee kasaaraa siyaasaa baattee fiigaa waan jirtuuf mirga keenya kabachiisuuf bakka hundattii sochii wayyaanee kana hanga dhumaatti
dura haa dhaabbannu!!
4. Wayyaaneen qarabaa qara hin qabneen qarabaa qara qabuu muruuf walgaa’ii afaan faajjeessaa kana dhaabbilee barnoota olaanoo irraa kan eegalte ta’uun saaxilamee jira. Walga’iin wayyaanee kun gara barattoota manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi qonnaan bultoota fi hawaasa walii galaatti illee adeemaa waan jiruuf yeroon uummtni Oromoo sochii wayyaanee kana akka dhaabsisuuf FDG( fincillii diddaa garbummaa ) jabaatee akka itti fufuu , hundi keenyaa irraas qooda akka fudhannu dhaamsa keenya dabarsina.
5. Mootummaan wayyaanee gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo bukkeetti qabuun adeemsa siyaasaa isaa galmaan ga’uuf fiigaa waan jiruuf , gaaffiin mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo deebii qubsaa argatuttii fi Oromiyaan hanga bilisoomtuttiwarraaqsii FDG jabaatee ittu fufaa jechuun dhaamsa waliigalaa uummata oromoo hundaaf dabrsuun gabaafameera.

No comments:

Post a Comment