Monday, September 22, 2014

Iyyata Baqattoota Oromoo Yaman

Fulbaataa 21, 2014
Waajjirri Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman, Haala Yaroo Ammaa kan baqattoonni Oromoo Biyya YAMAN keesa jiraatan irra Sababii Walibu’iinsa Lolaa Kan Mootummaa YAMAN fi Mormitoota biyyattii Jidduu Yaroo ammaa Magaalaa Guddittii YAMAN Sana’aa keesatti Lola Guddaa yaroo yaroon dabalaa jiru kanaaf jacha, jiraattooni lammiilee biyyaattii irra guddiinsi lola kana Lubbuu isaanii baraaruuf jacha magaalaa Sana’aa keesaa gara Magaaloota biraatti Godaanaa jiru.
Akkasuma Jiraattooni Baqattoota Oromoo kan magaalaa Sana’aa keesa jiraatan gara baqattoota 7500 hamma 10,000 kan gayan yootahu Baqattoota kanneen keesaa Baqattoota Oromoo heduminni saanii hamma Nama 50 irraa 70 kan ta’an sababii naannoo keesa jiraatan iddoo Lolli itti jalqabe taheef, karaa ittiin bahan dhabuun Guyyaa sadi dhukaasa lolaatiin marsamanii afaan ibiddaa keesa jiran.
Kana kanta’eef Yaroo ammaakana Dhukaasni lolaa kun magaalaa Sana’aa Waliingahaa jira waan taheef, Haalli Baqattoota Oromoo Yaman,yaroo ammaa gaagama hamaa keysa jira kanta’eef.
Koreen Waajjirra Koominitii Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman, Lallabbii Lamummaa gara Mediyaalee Oromoo-Kominiitiilee Maraa fi Waldayaalee dhimmi Baqattoota Oromoo tiif dhaabbate Martinuu akka Nu’iyyaafachuudhaan Rakkina Cimaa keesa jirru kana Gara Hawaasa Oromoo Biyya Ambbaa Keesa Jiraatan Marattii fi Gara Waajjiroota Dhimma Baqattootaatiif dhaabattan nitti Nuu iyyattan, Maqaa Hawaasa Baqattoota Oromoo Yamaniin Khabajaan isin Gaafanna.
GALATOOMAA,
Koree Waajjirra Tokkummaa Baqattoota Hawaasa Oromoo Yaman,

No comments:

Post a Comment