Friday, September 5, 2014

Ibsa Ejjennoo Barattoota Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa

QeerrooMootummaan faashistii EPRDF/TPLF/OPDO humna waraanaatiin biyya bulchaa jiru humnaan walitti nuqabuun walga’ii isaanii akka teenyu nu dirqisiisus nuti Qeerroon barattooni Yunbarisitii Jimmaa ibsa ejjennoo baafannee ka’uuf dirqamneerra.
Akkuma beekamu guyyaa 16n darban kana humna waraanaatti fayyadamuun tarsiimoo maqaa walga’ii jedhuun  dirqamaan humna waraanaan walitti nu qabee, holola sobaa tole jennee akka fudhannuuf hoomaa waraanaa fi humna agaaziitiin doorsifamaa guyyaa har’aa geenyeerra.
Walga’ii dirqamaa kana yeroo xumurru mootummaan Wayyaanee EPRDF farra misoomaa,  dimokiraasii fi abbaa irree ta’uu isaa, dugugginsa sanyii uummata keenya Oromoo irratti gaggeessaa jiraachuu, diina ilmaan Oromoo akka ta’ee fi darbee caalaadhumattuu OPDOn ergamtuu fi galtuu Wayyaanee akka taate haalaan kan mirkaneeffannee yeroo ta’u, nuti barattootni Oromoo Qeerroon Bilisummaa Yunbersiitii Jimmaa abbaa irree Wayyaanee dhabamsiisuuf Warraaqsa FDG karaa nagaa fi dimookiraasii eegallee jirru jabeessinee kan itti fufnu ta’uu gadi jabeessinee beeksisuun ibsa ejjennoo armaan gadii dabarfannee jirra:
1. Karoorri Master pilaanii Finfinnee fi gurgurtaa magaalota naannawaa Finfinnee haqamee hanga miidiyaa hawaasaatiin beeksifamutti;
2. Hidhaa fi reebichi barattootaa fi hawaasa Oromoo guyyaa guyyaan itti fufaa jiru hanga nurraa dhaabbatutti;
3. Barattootnii fi hawaasni Oromoo mana hidhaa jiranis hanga gadi lakkifamanitti;
4. Mirgi namoomaa fi dimokiraasii hawaasa keenyaa hanga kabajamutti;
5. Doorsifni hoomaa waraanaa fi humna Agaazii hanga nurraa dhaabbatutti;
6. Sobni midiiyaa biyyattiitiin hawaasatti lallabamaa jiru fi ololli kijibaa miidiyaalee kanaan afarsaa jiran hanga nurraa dhaabbatanitti;
7. Waajjiraaleen bulchinsa biyyaa Oromiyaa hanga ilmaan Oromootiin hogganamanitti;
8. Barattootaa fi hawaasa Oromoo gaaffii haqaa, mirga abbaa biyyummaa isaanii karaa nagaa gaafataniif  qaabani farra misoomaa fi dimokiraasiiti jedhuun maqaa yakkee dararaa jiran hanga seeratti nuuf dhiyaatutti;
9. Qaamni barattoota Oromoo barnoota irraa hiisisee fi ariisise amma illee gochaa kana itti fufee jiru farra misoomaa fi guddinaa waan ta’eef hanga seeratti nuuf dhitaatutti.
10.Qaamni barattootaa fi hawaasa keenya karaa nagaa gaaffii mirgaa gaafateef deebii rasaasaa taasise farra dimokiraasii waan ta’eef hanga seeratti nuuf dhiyaatutti;
11. Barattoota Oromoo seeraan ala wareegamaniif mootummaan kun seeratti dhiyaatee hanga itti gaafatamutti;
12. Walumaa galatti gaaffii uummata Oromoo hanga aammaatti gaafatamaa ture hundi hanga deebii sirnaa argatutti nuti barattoonni Oromoo fi Uummatni Keenyaa Oromoon sadarkaa fi haala garaagaraa keessa jirru bakka jirruutti FDG jabeessuun itti fufna.
Ilmaan Oromoo maqaa ‘Oromoo’ jettuun wal-barbaadnee walgurmeessuun mirga abbaa biyyummaa keenya kabachiifachuuf qabsoo egallee jirru daran jabeesinee kan itti fufnu  ta’uu sagalee tokkoon waadaa qabsoo bilisummaa Oromoof qabnu haaromsanna. FDG jabeesinee itti fufuun walga’ii fi olola wayyaanee kamuu uummatni Oromoo bakka jirtan hundaa akka dura dhaabbatnu. Harka walqabannee bilisummaa uummataa keenyaa fi walabummaa biyyaa keenyaa Oromiyaatiif ni falmanna jechuun ibsa ejjeennoo qabxii 12 of keessa qabu dabarsuun guyyaa har’aas FDG gaggeessa jirruu jabeessuun itti fufnee jirra.
Akkasumas gochaan diinummaa Wayyaanee yeroo ammaa kana barattootaa fi hawaasa keenya irratti raawwatamaa jiruu fi raawwatamuuf aggaammatee jiru kamiyyuu diddaa gabrummaa uummata keenyaa kan duubatti hin deebifne ta’uu isaa cimsinee hubachiifna!
Injifannoo Uummata Oromoof !
Fulbaana 3/2014
Jimmaa

No comments:

Post a Comment