Friday, September 12, 2014

Seenaa Gabaabaa Aadde Faaxumaa Galmoo


Aadde Faaxumaa Galmoo, 1930-2014
Aadde Faaxumaa Galmoo, 1930-2014
(Haadha Abdii)
1930-2014
Qabsoo ummanni Oromoo gabrummaa jalaa bahuuf godhaa jiru keessatti injifannoon hamma yoonaa galmaawan heddu. Injifannoolee tana galmeeysuuf, biyya keessa qofa odoo hin taane, biyyoota alaa keessattiis wal’aansoo cimtuu tu adeemsifame. Akkuma kan biyya keessaatti, wal’aansooleen biyya alaatti godhamaniis seenaa if dandaye qabu.
Biyyoota sabni Oromoo maalummaa isaanii falmachuuf qabsoo cimtuu itti adeemsisan keessaa takka Somaalee dha. Tan lamadaa Jabuuti. Biyya Jabuutii keessatti maalummaa ifii beeysisuuf wal’aansoon Oromootaan godhamte, tan biyya Soomaalee tiin waldhabbii qabaattullee haala walfakkiitiis guddo qabdi. Kan biraa yo hanqate, hawaasa biyya sanii Oromummaa fudhachiisuuf qabsoon godamtee fii wareegamni saniif bahe tan biyya Soomaalee irraa gadii miti.
Akkuma kan biyya keessaatti, wal’aansoolee biyyoota alaatti godhaman keessattiis namoota seena qabeessa tahan tu jira. Haala kanaan, qabsoo Oromummaa beeysisuuf biyya Jabuutii keessatti adeemsifamte keessatti, warri maqaan isaanii alagaa fii lammii biratti sadarkaa duraatti beekkame keessaa tokko kan Aadde Faaxumaa Galmoo ti. Aadde Faaxumaa Galmoo, abbaa isii Obbo Aammad Muummad Galmoo fii haadha isii Aadde Aaminaa Alii irraa Bitooteessa 15, bara 1930-tti magaalaa Dirree Dhawaatti dhalatte. Abbaa fii haati aadde Faaxumaa, isii malees, ilmaan dhiiraa sadihii fii tan dubartii afur horan. Warri aadde Faaxumaa, Warri Galmoo, warra guddaa Dirree Dhawaa fii naannoo isiitti haalaan beekkame.
Gaafa umrin aadde Faaxumaa heerumaaf gaye, hireen bultii, Obbo Aammad Sheekh Usmaan Qawwee, nama dhaloonni Yakkaa, kan barnoota amantii tiif qe’eerraa fagaatee odoo daddeemuu Dirree dhawaa qubate, waliin walitti hiite.
Obbo Aammad akka aaddee Faaxuma fuudheen, bara 1964 keessa, hujii baabura gubbaa tan hojjachaa tureen haala walqabateen, gama Jabuutii deemuu mudate. Akka achi seeneen, warra aadde Sa’iidaa Abdallaa Kaamil, haadha warra Usmaail Galmootti dhihaate. Haati warra Usmaa’il Galmoo nama saba Affar irraa dhalate. Soddoonni obbo Aammad Jabuutii keessatti arkate gargaarsa barbaaduun itti dirmatanii, akka xiqqo tureen, hujii mootummaatti galmeeysan. Inniniis akka qubachuu isaa mirkaneeffateen, bara 1968 keessa, maatii isaa Dirree Dhawaa irraa if biratti godaansise.
Yaroon aadde Faaxuma biyya Jabuutii itti seente, yaroo warri biyyaa bulchiinsa Faransaayii ifirraa kaasuuf qabsaawaa turani. Aadde Faaxuma, nama sossoohinsi Afran Qalloo Dirree Dhawaa keessatti duruu onnee danfise waan taateef, dhibdee warra biyyaa hubachuuf yaroo irraa hin fuune. Falmaa abbaa biyyummaa fii fincilli sirna koloneeffataa ifirraa buqqaasuuf biyya Jabuutii keessatti godhamaa jiru, haala biyya abbaa isii tiin waan itti walfaakateef, guututti bira dhaabachuun barbaachisa tahuu daftee hubatte.
Aadde Faaxuma, sossoohinsa ummanni biyya Jabuutii godhaa jiran, kan ija isii tiin agarterraa hiis hubannootaa fii dammaqiinsa gudda arkatte. Kuni dammaqiinsa sossooha Afran Qalloo irraa arkatte daranuu keessatti cimse. If bira tartee, dubartoota Oromoo kanneen dammaqiinsa akka isii qaban, warra akka aadde Zeeynabaa Ibraahimii fii Halloo Sheekhaa (Habo Halloo) waliin tahanii, sossooha warra biyyaa maddii dhaabbachaa, ifiifiis wal gurmeeysuu jalqaban.
Haalli kuni, mootummaa Hayle sillaasee tan Jabuuti falmachaa jirtuu fii aadde Faaxumaa Galmoo walitti buuse. Embaasiin Xoophiyaa haala kanarraa isii qophuuf, waan itti jirtu dhiiftee, jaarmaya Waldaya Gargaarsa Dubartoota Iteege Manan kan ja’amu, kan maqaa niitii Hayle Sillaasee tan xiqqo dura duuteen moggaafametti akka makamtu ajajan. Saniifiis xalayaa miseensummaa dhaaba isaanii manatti erganiif. Garuu, onneen aadde Faaxumaa jibba gabroomsaa tiin guutamtee waan turteef, amrii gabroomfataa gurrattuu hin-qicanne. Inumaatuu, gochi jaraa, haala itti jirtutti daran akka cimtu godhe.
Waxabajjii 27, bara 1977, ummanni Jabuutii bulciinsa Faransaayii jalaa walaba akka tahaniin, Oromoonni biyya san keessa jiran, waldaya wal-gargaarsa Oromootaa kan Caayaa Oromoo-tti beekkamuuf jiraatu heeraan galmeeyfatan. Mootummaan Jabuutii, Maabara Xoophiyaa biratti Caayaa Oromoo galmeeysuun faallaa fedhii mootummaa Xophiyaa ti ture. Garuu murtii akkasii akka fudhattu an dirqe, tin’sa aadde Faaxumaa fii Oromoonni biyya san keessa turan qabsoo bilisummaa isaanii tiif godhani.
Caayaan Oromoo Jabuutii dhaabota biyya alaa keessatti maqaa Oromoo tiin jaaramanii heeraan galmeeffamaniif kan angafaa ti. Caayaan dhaabbatte, lammii Oromoo biyya san keessa qubatan gurmeeysuu malees, sossooha qabsoo bilisummaa Oromiya kan biyya keessatti jalqabameef dugugguuruu (lafee duuydaa) taate. Caayaan Oromoo Jabuutii damee lama qabdi. Dameen tokko kan Dhiiraa yaroo tahu kaan han Duartootaa ti. Damee lameen keessaa kan dubartoota haalaan cimaa ture. Kanaafiis sababni aadde Faaxuma. Gaafa Caayaan dhaabbaterraa, aadde Faaxumaa Galmoo, hooggantuu Caayaan Oromoo damee dubartootaa taate.
Caayaan Oromoo Jabuutitti dhaabbachun, yaroo mootummaan Soomaalee lafa Oromiyaa irraa hamma tokko kutachuuf, Dargii, warra Hayle Sillaasee iraa aangoo fudhatan waliin lola cimaa adeemsisaa turani. Lolli kuni, ummata Oromoo jalaa gubbaan ibiddaaf saaxile. Soomaaleen jalaan, Dargiin gubbaan, madaafa ijaa-gurra hin qabne waliti haruun, namaa-sa’a Oromoo qe’ee gugachiisuu jalqaban. San malees, yaroo sanitti, Dargiin Oromoota magaalota keeysa jiran Soomaalee gargartaniin araraasutti seente. Haalii kun Oromoota magaalotaa fii baadiyyoota lollii keessatti deemaa jiru, baqaaf qaadhime. Xiqqaa fi guddaan hawaasaa, Sheekkotiin, hayyoonni, manguddoon, waliigalatti, qarayyoon lammii odoo hin feene, qe’ee itti dhalatanii guddatan irraa biyyaa fii hawaasa hin beeyne, kan Somaalee fii Jabuutiitti, koluu bahuu jalqaban.
Aadde Faaxumaa Galmoo, tan yaroo tanatti Haadha Abdii taate, haala Oromoota mudate kanarraa akkaan gaddite. Isii fii aabban warraa tiis, ummata yakka tokko malee, qabeenyaa fii biyya isaanii irraa arihaman duratti jiruu sadoo jiraachuu maganfatanii, qabeenyaa fii onnee isaanii lammii isaanii tiif banan. Manaa fii mooraan isaanii kan baqattootaa tahee, Beet-Refuujii, ja’amutti seene.
Haadha Abdii tii fii mieensoonni Caayaa Oromoo Jabuutii, odoo dhibdee haalli armaa olii hawaasa Oromoo mudeef rakkatanuu, haalli qabsoo Oromoo biyya keessatti babal’atee, inniniis gama isaa tiin baqattoota alatti yaasuu jalqabe. Kuni Oromoota Jabuutii keeysa jiran kanneen ifiifuu jiruu jiraa gadii jiraachaa jiranitti ba’aa biraa dabale.
Yaroo tana, aadde Faaxumaa, yaroo hujii xixiqqoo cinatti hojjattee maatiif galii ittiin argaamsiiftu baqattoota gargaaruu irratti fuulleeysite. Baqattoota ummatarratti hiruun, warra ugummaa adda addaa qabanii hujii soquun, warra afaan hinbeeyneef simaa-baloo tahuun, kanneen dhukbsataniif qoricha barbaaduu fii mana yaalaa geeysuun hujii isii tahe.
Gama biraa iin, yo namni Oromoo toko du’e, khafana barbaaduun, lafa qabrii qotuu fii tajaajila reeyfaaf barbaachisu godhanii heeraan awwaaluun hujii abbaa Abdii yo tahu, awwaalchaa fii taaziyaa galte gurra namaatiin geeyuun hujii haadha Abdii tahe. Kana godhuuf, oowwa  biyya  Jabuutii kan halkanii fii guyya adda hin filanne keeysa, fooxaa isii mataarra kaayyattee, haga tokko lafarraa harkisaa, akka nama maratetti gandarra daddeemti. Haala isii kanarraa qalbiin fayyaa miti warri jechaa turan heddu. Awwaala boodaas, gaddi nama fira hin qabnee bakki itti taa’amu, yaroo baayyee, mana haadha Abdii ti. Akkasiin haati Abdii kan du’e awwaaltee, kan awwalcha dhuufe nyaachifte, addaan galchiti.
Haati Abdii, oggaa nama Oromoo tokkorra rakkoo tu gayee jachuu dhageeyse, gargaarsaaf yaroo itti lafaa kaatu if quba hin qabdu. Akkuma yaroo gaddaatti, fooxaa lafarra harkisaa, gandarra kaatti. Warra hojii qaburraa maallaqa hamma danda’an irraa funaantee kan rakkate rakkoo baafti. Waliigalatti, magaalaa Jabuutii keessatti yo namni Oromoo tokko hidhame kan gargaarsaaf yaammatu ykn himatu aadde Faaxuma . Kan dura dirmatuus isuma tahe.
Rakkoon baqataa Oromoo tii fii Oromiyan gabrummaa Habashaa jala jiraachuu haadha Abdii tiif takkaa hiriiba hin laanne. Dhuma bara torbaatamootaa, obboleeysi isii sab-boonaan, sossooha Afran Qallootiif utubaa ture, Obbo Usmaa’il Galmoo, manguddoota sossooha san tin’isaa turan waliin qabamee mootummaa Dargiitiin hidhame. Dargiin, isaa fii warra kaaniis hamma tokkoo eega mana hidhaa keessatti eega araraasan booda, galgala Waxabajjii 07a, bara 1979ii, mana hidhaa keessaa dhooysaan baasanii hiraataaf rasaasa nyaachisan. Kan kana godhaniif, firoottanii fii Oromoota biraa ittiin doorsisuu fi. Haa tahu malee, kuni, garaa aadde Faaxumaa daranuu jabeeysee, murannoo qabsoo bilisummaa tiif qabdu caalaa godhe.
Haati Abdii, guyyaan hunda caalaa isitti hammaate, kan isiin iraanfachu hindandeenye, bara 1991 keeysa, gaafa ummanni Issaa baqattoota Oromoorrati duula bananiin lammii isii bayyinaan qaqqalan tahuu mararfattee dubatti. Gaafana, baqattoota dhibba lamaa olii tu mana isiitti dhokote. Guyyaan kun guyya dukkanawaa jireenya isii tahee hafe.
Aadde Faaxuma, haala armaa olii tiin, jireenya sii guutuu, manaa fii maatii isii hadiyyeessitee, hara-galfii malee, arjummaa hambaa hinqabneen, baqataa Oromo tii fii qabsoo bilisummaa Oromoo gargaaraa akka turte, Oromoota haala baqattummaa tiin Jabuutii keeysa dabran, saboontaa fii qabsaawota bira dabree alagaanilleen ragaa bahaniif.
Haati Abdii, nama faxina dafee waa hubatuu fii baratu. Nama yaroo waa’ee saba isii haasawutti kaate, yaanni akka galaanaati qoma keessaa burqu dhagayamee hin quufamne. Nama odoo mana barnootaa hin dhaqin, afaan Oromoo malees, kan Arabaa, Soomaalee, Affaar, Amaara, Adaree fii Faransaayii sirritti dubbatu.
Jaalalti haati Abdii bilisumaa ummata Oromo tiif qabdu hoonga hin qabdu. Haa tahu malee, dhibdee dadarkaa umrii fii if tajaajiluu dhabarraa itti dhufteen, baroota as aanaa kana dhukubsattee siree mudatte. Yaroo hamma tokkoof, maatii isii tiin odoo tajaajilamaa jirtuu, bilisummaa saba isii tiif hawwitu odoo ijaan hin arkin, Fulbaana 09, bara 2014, biyyuma baqattoota Oromoo kumaatama gargaaraa turtetti, gara fuula Rabbitti  deebite.
Haati Abdii, Abdi malees, haadha Fooziya (Hiddii), Usmaan, Sa’iida, Aniisaa fii Aaminaa ti. Aadde Faaxumaa Galmoo, seena fincila diiddaa gabrummaa kan bara dheeraaf deemaa jiru keeysati qoodni laatte haalaan gudda. Qooda qabsoo saba Oromootifi gumaachite, seenaan qabsoo bilisummaa Oromiyaa bara baraan yaadata.
Rabbi jannataan haa qanani’u.
Qabsaawaan ni kufa, qabsoon itti fufa!
Oromiyaan ni bilisoomti!
Abbaa Faayoo / Abbaa Urjii

No comments:

Post a Comment