Friday, August 8, 2014

Walllaga Naannoo Giddaa Daallee Sababaa Barattooti Oromoo 8 Irratti Murtiin Hidhaa Baatii 6 fi Qarshiin 400 Murtaayeen Tasgabbiin dhibuu Qeerroon Gabaase

Hagayya 07,2014 Najjoo

FightGabaasa Qeerroo Magaalaa Najjoo Ganda Giddaa Daallee Irraa Hagayya 4/2014 Addeessuun guyyaa har’aa maqaa ABOtiin, farra mootummaa keenyaa,leellistuu ABO fi kanneen uummata keenya kakaasan,ABO faarsan jechuudhaan godina wallagga lixaa aanaa Najjoo ganda Giddaa Daallee jedhamutti sabboontota barattoota oromoo nama 8 irratti hidhaan baatii 6 fi qarshiin 400 itti murteeffame. Barattoota kana yeroodhaa yerootti hordofuudhaan hojii guyyuu isaanii kan mootummaa Wayyaaneef dhiyeessaa ture qindeessaa mana barumsaa Giddaa Daallee kan tahe Barsiisaa Waaqgaarii Teessoo kan jedhamu ganda Giddaa Daallee keessa kan jiraatu yoo tahu ijoollotni kuni maqaan isaaniii akka armaan gadiiti:
1.Gaaddisaa Waaggaarii-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa barata-umurii 23
2.Eebbaa Zarihun-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa; umurii 22
3.Leencoo Fufaa-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa;umurii 26
4.Yohaannis Birraatuu-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa;umurii 24
5.Eebbaa Immiruu-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa;umurii 22
6.Maatiwoos Indaaluu-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa;umurii 24
7.Daanyee Gannatii-mana barumsaa Giddaa Daallee sadarkaa 1ffaa;umurii 25
8.Toliinaa-mana barumsaa Gorii sadarkaa olaanaa kutaa 9ffaa,umurii 26
Barattoota kana irratti erga murtiin darbee kaasee naannoo Najjoo Giddaa Daallee keessa tasgabbiin dhabee jiraachuu Qeerroon naannicha irraa gabaasa.

No comments:

Post a Comment