Monday, August 18, 2014

Odeessa Qeerroo:- Sochiin diddaa gabrummaa Oromiyaa keessaa jabaate itti fufuun Wayyaanee raafam keessa galche;

                                                Qeerroo
Sochiin Dargaggoota,Barattoota Oromoo fi waliigalattii uummaatni Oromoo mirga abbaa Biyyummaa isaa kabachiifachuuf abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO irratti gaggeessa jiru daran jabaachuun mootummaa Wayyaanee raafama ulfaata keessa galchee jira.

Sochiin Qeerroo, barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoon qabsiifame kana danquuf wayyaaneen shiroota garaagaraa xaxaa kan turete yeroo ta’u uummata walitti qabuun sochii kana ABOtu gaggeessa, balaaleffadhaa jedhee godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa deemuun uummaata humna waraanaatiin walitti qabee hiriira baasuuf yaalii godheen uummaata irraa diddaa guddaan isa mudachuun ni yaadatama. Keessattuu shirri Wayyaanee kun Godinaalee dhiha Oromiyaa keessatti mormii guddaa itti kaase.
Uummaanni Oromoos ergaa gaaffii mirgaa gaaffachuu fi qabeenyaa keenya hin saamiina, dhala keenya dhukaastanii hin ajjeesinaa, mirga keenya nu sarbiina, lafa keenya irraa nu hin buqqisinaa, seeraan ala nu hin hidhiinaa, ijoollee keenya barnoota irraa hin arii’ina, mirga dimookiraasii fi namommaa nu hin sarbiina jechuun ABOdha, shororkeessadha, nama jechisiisa ta’ee ,dhibbaan dhibbatti ABO’n sirrii fi dhugaaf kan nuuf falmu ta’uu hubannee jirra jechuun uummaanni dubbatee Wayyaanee qaaneesse jira.
Haala kanaan Wayyaaneen walga’ii uummataa sadarkaa aanaa fi gandaatti godinaalee dhiha Oromiyaa Godina Lixa Shawaa, Godina Horroo Guduruu Wallagaa, Godina Bahaa Wallaggaa, Godina Lixa Wallaggaa , Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraatti haala walfakkatuun uummanni walga’ii Wayyaanee balaaleffachaa jiras. Jaalalli uummaatni Oromoo ABOf godinoota kana keessatti qabu ammaas ABO jechuun uummata Oromoo jechuudha jechuun. Utuu hin jaalatiin dhugaan qabatamaan lafa jiruu uummaatni hundi akka miseensa fi deeggaraa ABO ta’uu ta’ee jira.
Sochiin diddaa gabrummaa Oromiyaa keessaa jabaate itti fufuun Wayyaanee 
raafam keessa galche;
Hagayyaa 16/2014 Sochiin Dargaggoota,Barattoota Oromoo fi waliigalattii uummaatni 
Oromoo mirga abbaa Biyyummaa isaa kabachiifachuuf abbaa irree EPRDF/TPLF/OPDO 
irratti gaggeessa jiru daran jabaachuun mootummaa Wayyaanee raafama ulfaata keessa 
galchee jira.
Sochiin Qeerroo, barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoon qabsiifame kana danquuf 
wayyaaneen shiroota garaagaraa xaxaa kan turete yeroo ta'u uummata walitti qabuun sochii 
kana ABOtu gaggeessa, balaaleffadhaa jedhee godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessa
deemuun uummaata humna waraanaatiin walitti qabee hiriira baasuuf yaalii godheen 
uummaata irraa diddaa guddaan isa mudachuun ni yaadatama. Keessattuu shirri Wayyaanee 
kun Godinaalee dhiha Oromiyaa keessatti mormii guddaa itti kaase. 
Uummaanni Oromoos ergaa gaaffii mirgaa gaaffachuu fi qabeenyaa keenya hin saamiina, 
dhala keenya dhukaastanii hin ajjeesinaa, mirga keenya nu sarbiina, lafa keenya irraa nu hin 
buqqisinaa, seeraan ala nu hin hidhiinaa, ijoollee keenya barnoota irraa hin arii'ina, mirga 
dimookiraasii fi namommaa nu hin sarbiina jechuun ABOdha, shororkeessadha, nama 
jechisiisa ta'ee ,dhibbaan dhibbatti ABO'n sirrii fi dhugaaf kan nuuf falmu ta'uu hubannee 
jirra jechuun uummaanni dubbatee Wayyaanee qaaneesse jira.
Haala kanaan Wayyaaneen walga'ii uummataa sadarkaa aanaa fi gandaatti godinaalee dhiha 
Oromiyaa Godina Lixa Shawaa, Godina Horroo Guduruu Wallagaa, Godina Bahaa 
Wallaggaa, Godina Lixa Wallaggaa , Godina Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraatti haala 
walfakkatuun uummanni walga'ii Wayyaanee balaaleffachaa jiras. Jaalalli uummaatni 
Oromoo ABOf godinoota kana keessatti qabu ammaas ABO jechuun uummata Oromoo
jechuudha jechuun. Utuu hin jaalatiin dhugaan qabatamaan lafa jiruu uummaatni hundi akka 
miseensa fi deeggaraa ABO ta'uu ta'ee jira.
Shirrii wayyaaneen akka tooftatti itti fayyadamuuf yaalii godhaa jirtu uummaatni akka ABOf 
deeggarsa laatu godhee jira. Wayyaaneen shira ofiin qopheessite qaanii isheetti uffise kanatti 
naasuu guddaa keessa seenuun waan qabdee gadhiiftu dhabuun walnyaachuutti deebite jirti.
Akkuma Oromoon yeroo mammaakuu ''Gowwaan kan dandeessuu dhaani jennaan galee niitii 
isaa reebee" jedhan Wayyaaneen haala ishee mudatee jiruu keessaa ba'uu akka hin dandeenye 
waan hubateef niitii ishee OPDO doorsisuutti deebite. OPDO'n waggaa 23 keessatti uummata 
amansiisuu hin dandeenye, ABO's dhabamsiisuu hin dandeenye, har'a daa'imman waggaa 5ni
oliiyyuu ABO faarsaa jirti jechuun OPDO mudduun kun dhalatee jira.
Ergamtuun Wayyaanee OPDO'n muddama gooftolii ishee kanaan jeequmsaa keessa seenuun 
diigamaa jirti. Yeroo ammaa kanas waldhiddaa guddaan jeequmsa keessa OPDOtti dhalateen 
diigamtee badaa jirti.
Sochii Warraaqsaa Qeerroon barattootni Oromoo qabsiisaan birmannaa uummataa biyya 
keessaa fi addunyaa irraatti fudhatamaa fi dhageettii waan argateef, Wayyaaneen haalaan 
waan sodaatteef sochii kana danquuf barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo irraa gara 
maatiitti boqonnaaf deebi'anii maatii bira jiran maqaa walga'ii barattoota jedhuun diraamaa 
kijibaa fi ololaa sochii eebbifamaa bilisummaa uummata Oromoo kabachiisuuf jiru kana dura 
ittin dhaabbachuuf butattee asii fi achi fiigaa jirti. 
Walga'ii kana FDGtti jijjiruuf Qeerroon barattootni Oromoo qophii barbaachisuu ummuruun
akkuma eegaa jiran, ammas kunis wayyaanee yaaddoo ulfaataa keessa galchee jira.
Wayyaaneen Sodaa guddaan waan muddamtee jirtuuf walga'ii barattootaa kanas dhiisuu, 
gaggeessuu utuu jettuu har'a geessee waan qabdee gadiiftu waan dhabdeef walga'icha 
gaggeessuun dura shira qopheessite jirti. Shirrii Wayyaanee kunis:
1. Barattoota duraan Godina dhaloota keessanii fi Yuunibarsitii isinitti dhiyaatutti ta'a
jechuun kan dubbatee turte, amma dubbiin itti hammachaa waan jiruuf barattoota Godinaalee 
sodaatan irraa wal jala dabarsuun teesisuuf murteessite jirti. FKN barattoota Oromoo Godina
lixa Wallaaggaa jiran Yuunibarsiitii Jimmaatti teesisuuf, kanneen Amboo jiran immoo lixa 
Wallaggaa geessuuf, kanneen Adaamaatti waamaman Harommayyaatti geessuuf yaadan 
waldhahaa keessa galtee jirti. 
2. Barattoota miseensota OPDO ta'an dursitee teesisuuf waamuuf murteesitee jirti. 
Barattootni Oromoo immoo nuti barattoota Oromoo dhaloota qubeetii malee OPDO' miti 
jechuun miseensummaa OPDO balaaleffachuun icciitii akka miseensatti itti himamee 
barattoota Oromoo hundaaf ibsaa jiru.
3. Barattoota gargar qoqqoodanii teesisuuf yaala jiru. Akka siirnoota darbanii gochaa turan 
Oromoon akka yaadaan wal hin hubanneef jedhanii waan yaadaniifi Oromoo qoqqoodanii 
bituun dhaabbachuu qaba jechuun goototni barattootni Oromoo dhalootni qubee dhaamsa 
waliif dabarsaa jiru.
4. Guyyaa walga'iin kun itti waamamee jiru jijjiiruu murteeffattee jirti. Qophiin FDG 
barattootni gochaa jiran haalan cimaa fi sirna kan qabu waan ta'eef guyyaa walga'ii jijjiruu 
qabna jechuun wayyaaneen walga'ii hagayyaa 10/2006 A.LH tti waamtee jirtu gara hagayyaa 
13 fi 14/2006 A.LH tti akka jijjiramu murteesuun dubbatama jira. Walumaa galatti goototni 
dargaggootni qeerroon baratootni Oromoo walga'iin wayyaaneen gaggeessuuf wan qabdee 
gadhiiftu dhabdee wawwaachaa jirtu kana dura dhaabbachuuf iyyannoo marsaa 2ffaa jedhuu
kan gaffii 10 of irraa qabu qopheeffaachuun guutummaa Oromiyaa irratti barattoota Oromoo 
hundaaf kard copy, fi Softcopy isaa waliif raabsaa jiraachuun qophii barbaachiisu
xummarachaa jiraachuun ibsame jira. Kana malees barruulee warraaqsaa ergaa gaggababaa fi 
bineensummaa Wayyaanee saaxiluu fi suuraa ilmaan Oromoo warraqsa irratti wareegamanii
waliif raabsuu irratti argamu. Wayyaaneen barattoota Oromoo wal jala jijjirtuus, bakka 
walga'ii jijjirtuus, guyyaa walga'ii jijjirtuus, ilmaan habashaa afaan Oromoo danda'anii fi 
Oromiyaa keessatti dhalatan miseensa OPDO gootee dursitee walitti qabuuf yaaltus kun 
sochii keenya matumaa gufachiisuun hin danda'uu jechuun dhaamsa waliigalaa Waliif
dabarsina. Biyya keenya Oromiyaa keessa naannoofnee uummata keenya dammaqfachuun, 
mirga uummata keenyaa kabajamuu fi mirga abbaa biyyummaa uummata keenya eegsisuun 
murtoo keenya jechuun dhaamsa dabarfachuu barbaanna. Maayyii irraatti ilmaan Oromoo 
hundi bakka jirtanii ka'aa FDG itti fufa mirga keenyaaf falmanna, Dimookiraasii fiduuf 
falmanna, Oromoo bilisoomsuuf falmannaa, Oromiyaa walabomsuuf kutannoon kaanee
ka'aa! Oromoo jechuun waamichaa wal irraa hin citne dabarfaachaa jiru.
Injifatnoon uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Hagayyaa 16/2014

No comments:

Post a Comment