Tuesday, August 5, 2014

Frankfurt: Hawaasni Oromoo Biyoota Europe Garagaraa keessaa, QBO fi ABO Daranuu ni Cimsina Jedhani

Oromootni Europe keessa jiraatan gaafa 1 Hagayya, 2014 ummanni Oromoon Itoophiyaatiin koloneeffatameerra, nuti Habshaas miti jedhani.
Gabrummaa jalaa bahuufis ABO fi WBO cinaa dhaabbachuun qabsoo bilisumaa Oromoo waan danda'aniin timmisuuf walii galani.
             Wal-gahii hawaasa Oromoo Europe, Germany, Frankfurt, 01 Hagayya, 2014
Wal-gahii Frankfurt sana irratti dhimmootni hedduu barumsii kennameera.
Obbo Bakar Yusuuf maata-duree "QOODA OROMOOTA BIYYA AMBAA" jedhu keessati, Oromotni biyya ambaa jiran "Oromoota biyya keessatti mootummaa gabrooffataa Itoophiyaa dhufaa dabraatiin, dabaree ajjeefamaa, hidhamaa fi lafti irraa samamaa yoona gaheef, bakka jirutti sagalee dhageessisuu fi ambaasaddara ta'uutu irraa eegama" jedhani.
Dr. Alamaayyoo Kumsaa, saammicha lafaa Oromoo irratti qorannoo dhiheessaniin, imaammatni gurgurtaa laafaa Itoophiyaa, imaammata lafa uummata qawween bitamaa jiruu saamuu ti jedhani. Addattimmoo lafa Oromo fi saboota cunqurfamoo impaayeritti keessaa saamuun hiyyoomsee, lafarraa buqqisaa fi naannoo faalessaa jira jedhani. Kan itti duroomaa jirus warra Tigraayii fi sooressoota ambaa ti jedhani.
Dr. Gizaachoo Teessoo, sagantaa Pilaanii qindaawaa magaalaa FF fi naannoo ishee irratti barumsa kennani. Dr Gizachoon kaartaan haaraa suni akka mootumaan jedhutti misooma kan fidu osoo hin taane Oromoota naannoo kan hiyyoomsee lafarraa buqqisu, seenaa, aadaa, dudhaa, safuu, amantaa fi hambaa Oromoo kan baleessee  halagaa duroomsu dha jedhani.
Dura taa'aan hawaasa Oromoo Frankfurt Dr. Tarrafaa G/tsadiqi, karaa ABO cimee galiin qabsoo bilisummaa Oromo galma gahuu dandahurratti yaada kennaniiru. kana malees hawaasni isaani QBO fi Oromoota biyya keessaa rakkachaa jiran cinaa dhaabbachuuf tattaaffi gochaa jiru ibsani.
Hiraarsa mana hidhaa Impaayera Itoophiya akeessatti Oromoorra gahuu fi FDG qeerroon deemaa jiru irratti Caalaa Haayiluu fi Guddataa Shuubeetiin wal-duraa duubaan hirmaattotaaf ibsi kennameera.
Qooda dubartootnii fi shammarreen Oromoo QBO keessatti qaban guddaa ta'uu isaa aadde Ilillii fi Falmattuun bifa hirmmaattota onnachiisuun ibsa kennani.
Dhumarratti haala yoroo fi adeemsa QBO irratti miseensi KHR-ABO, Dr. Dagafaa Abdiisaatiin ibsi erga kennamee booda marii, yaadaa fi gaaffiin hirmmaattotaatiin itti fufe.
Haga barii sa'aa 06tti weellisaa Haayiluu Kitaabaa uummata bohaarssaa bule. Lakkofsi Oromoota biyyaa Germany, Sweeden, Norwey, UK, Netherlands, fi Switzerland irra qooda fudhatanii hedduu dha. Harki caalaan hirmaattotaa dargaggoota yoroo ta'an, onnee guutuun irraa qooda fudhachaa fi ijaaramuun gara QBO itti makamuu akka fehan ibsachaa turani.
posted 05.08.2014

No comments:

Post a Comment