Monday, August 25, 2014

Gaaffii Mirga Oromoo Yuuniversitii Amboo Keessatti Ka’een Wal Qabatee Ammas Hagayya 22,2014 Irraa Kaasee Barattooti 230 Hidhaman

Hagayya 24,2014 Amboo
BilisummaaGootonni barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota ol aanoo wal gahii mootummaan abbaa hirree waame Yuuniversiitiiwwan garaagaraa keessatti mormuun gaaffii mirgaa karaaa nagaa dhageessisaa jiran manneen hidhaatti ugguramaa jiru. Akka kanaan gootonni barattoota Oromoo Yuuniversiitii Amboo keessatti wal gahii  dirqanii amansiisuu jedhu Wayyaaneen qopheesse  mormuun gaaffiiwwan mirgaa garaagaraa dursu deebii argatuu qaba sababa jedhuun sagalee isaanii dhageessisaan Hagayya 22 bara 2014 galgala irraa eegalee mana hidhaa ykn kaampii leenjii poolisa Sanqalleetti guurramaa jiru. Akka gabaasa Qeerroo maadhee poolisa Federaalaa keessatti haga ammaa lakkoofsi barattoota buufta leenjii poolisii kana keessatti guurraman 230 ta’uu mirkaneessa.
Barattoonni kenneen yeroo bakka kanatti guurraman poolisoota federaalaan reebichi hagana hin jedhamne irra gahuun miidhaa haga qaama hir’inaatti irra qaqqabee jira.
Barattoota kaampii kana keessatti guurraman keessaa kanneen haalaan dararaan irraan gahamee fi FDG qindeesitan jedhanii sadarkaa guddaatti reebicha irraa gahamaa jiru keessaa gariin:-
1. Abush Fiqaaduu, barataa civil Injineeriingii waggaa 2ffaa.
2. Girmaa Caalaa, barataa seeraa waggaa 3ffaa
3. Haabtaamuu Geetaachoo, barataa injineeriingii waggaa 4ffaa.
4. Fufaa Galataa, barataa fayyaa waggaa 2ffaa.
5. Qaabataa Itichaa, barataa seeraa waggaa 2ffaa
6. Tesfaayee Guutuu, barataa fayyaa waggaa 3ffaa
Kanneen jedhaman yeroo ta’u.Gama fuula duraa barattoota fi sabboontota Oromoo sababaa FDG hidhamanii fi qaamaan miidhaman Qeerroon baldhnaan ni gabaasa.

No comments:

Post a Comment