Sunday, September 4, 2016

Bookkisni Muummee Ministeeraa Wayyaanee fi dhaabota jalee sirnichaa qorannoon Unkuruun Gaaffii Mirgaa Ummatoonni Kaasan Hin Ukkaamsu!

Fulbaana 3, 2016  
Impaayerri Itoophiyaa Warraaqsaa fi fincila ummataa seenaa ishii keessatti argitee hin beekneen raafamaa jirti. Biyyattii roorroo fi hiraarri gitni bittootaa ummatota irraan gahan hammaachuurraa diddaa fi qabsoon barootaa bokokee roga hundaa dhoowaa jiru tana keessatti rakkoon siyaasaa, abbootii irree masaraa Minilikirra bara-baraaf jiraatuu abjootaniin sadarkaa ukkaamsuun dandahamurra taree, dhabama sirna impaayerattii as kaleessaa jira.Aadaa fi amala moototaa fi sirnoota Impaayera tana bitanii tahee warreen ummata bulchina jedhan gaaffii mirgaa fi hawwii lammiileetiif karaa nagaatiin deebisaa kennanii hin beekan. Ijaa-gurra banatanii ummata qalbiin caqasuu mannaa shiraa fi humnaan fedhii sabaa ukkaamsanii aangoo qabatanirra bubbuluu filatu.Warraaqsa biyyoolessaa guutummaa Oromiyaa keessaa Ji’oota 9 oliif finiinaa jiruu fi sochiilee naannolee Impaayerattii adda addaa keessatti akkaan jabaataa jiraniin dhabamni sirna isaa dhiyaachuu kan hubate mootummaan wayyaanee, ammallee qarqara bool’aarra taa’ee akka homaa hin jirre fakkeessuun hojiidhuma aadaa fi amala isaa tahetti fuulleffatee jira.Sirni murna bicuu gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa Ummanni Oromoo gaafataa jiru, kan odoo inni ukkaamsuuf tattaafatuu goototni Oromoo wareegamaan addunyaaf ifa baasan, akkasumas mormii fi diddaa guutummaa biyyattii keessaa mootummaa isaarratti deemaa jiru, ifatti ummatarratti lola labsuu fi ergamtoota ummatatti bobbaasee afanfaajjii uumuun ukkaamsuuf abbala.
Muummeen Ministeeraa Wayyaanee Haylamaariyaam Dassaalany ibsa jidduu kana laateen, humnoonni waraanaa, poolisaa, tikaa fi hidhattoonni sirnichaa gaaffii mirgaa ummatoonni kaasaa jiran dhaamsuun TPLF aangoorra tursuuf ajjeechaa, hidhaa fi dararaa suukaneessaa dabalatee tarkaanfii barbaachisaa jedhan akka fudhatan ifatti labsuun sadarkaa muddamaa sirni EPRDF irra jiru agarsiiseera.Ummanni Oromoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa barootaaf gaggeessaa jiru addattis warraaqsa biyyoolessaa ji’oota 9n dabraniif walitti fufiinsaan gaggeessaa jiruun keessaa-alaan, xiqqaa-guddaan walqabatee falmaa godheen injifannoo seena-qabeessa galmeessee jira; wareegama qaaliis baaseera.Sochii warraaqsaa Goototni Qeerroon Oromoo duree tahuun gaggeessaa jiran kanaanis kutaalee hawaasaa fi ilmaan Oromoo waajjiraalee fi caasaalee mootummaa garagaraa keessa jiran ofitti hawwatuun Fincilli Xumura Gabrummaa finiinaa jiru wayyaanee fi jala-fiigdota isaa hundeen raasaa jira.Dambalii galaanaa warraaqsa ummataatiin liqimfamuun isaa akka hin oolle kan hubatee murni wayyaanee, rakkoo jiru amanee fudhachuun furmaata waaraaf hojjechuu mannaa akkuma aadaa fi amala isaa shira xaxuu, olola diiggaa oofuun afanfaajjii uumuu fi dhaabolee maxxannee maqaa ummatoota biyyattiitiin of jalatti bixxillate unkuruutti deebi’ee jira. Walgahiin Koree Giddugaleessaa PDOlee wayyaanee wayta ammaa kana adeemsifamaa jiru kanaaf ragaa tokko dha.Dhaabni ergamtuun TPLF Oromiyaa keessa bobbaafate, OPDOn, magaalaa Adaamaatti, maxxanneen Amaaraa ANDM Baahir-daaritti akkasuma kan Ummatoota Kibbaa ammoo magaalaa Hawaasaa irratti walgahii gaggeessaa jiru.Akeekni ijoon walgahii dhoksaan tohannoo fi tika akkaan jabaa jalatti gaggeeffamaa jiru kanaa “Caasaan Keenya Diinaan Dhuunfatameera.” kan jedhuun dahatamee PDOlee kanneen keessaa kan aantummaa ummataa agarsiisanii fi sabboonummaa qabaatuun shakkan rukutuun, lukkeelee haaraadhaan bakka buusuu dha. Walgahii qondaalonni amanamoo TPLF dursan kanarratti kanneen hirmaatan doorsisaa fi tohannoo jabaa cabsuun gaaffilee ummanni kaasaa jiru sodaa malee dhiyeessaa jiru.
Mootummaan wayyaanee wayta qabsoon ummatoonni gaggeessan hudhee isa qabu diraamaa kijibaa qindeessee dhaabota mirgaa fi bilisummaa ummata isaaniif falmaa haqaa gaggeessan kan akka ABO ittiin yakkuuf qabatee as baha. Ololli gola TPLF keessatti qophaayee diraamaan qindaayee dhiyaatu kunis karaa tokkoon ummatoonni akka dhaabolee kanneen jibbanii deeggarsa waakkatan taasisuuf, karaa kaaniin ammoo yakka sirnichi raawwate isaanitti haqatuuf kan akeekkate dha.
Diraamaan bifa jijjiirratee barootaaf irra deddeebi’ee dhiyeeffamu ummatoota biyyattiin nuffamuu fi akeekni isaa itti dammaqamuurraa fudhatama dhabsiifameera.
Kunis tahee sirnichi gocha shororkeessummaa humnoota waraanaa, poolisaa, tikaa fi hidhattoota bobbaaseen guutummaa Oromiyaa keessatti ilmaan Oromoorratti raawwate qaama biraatti haqachuuf diraamaan qindeeffame murni TPLF/EPRDF yoomiyyuu mootummaa dogoggora isaarraa baratee ummatoota biyyattiif kabaja malu laachuun gaaffii isaanii dhaggeeffatu akka hin taane mirkaneesseera.
Mootummaan ilmaan ummataa harka duwwaa gaaffii mirgaa gaafatan kumootaan lafarraa fixaa jiru ammallee labsii baasuun duula biraaf qophaawuun, murni bara ummanni dammaqee mirga isaaf hanga wareegama lubbuu baasaa jiru kanatti ammayyuugaraaf-bultoota filadheen dhara dhugaa fakkeessee ololuun aangoorran bubbulajedhee yaaduurraa PDOlee isaa qorannoon mudduun, ajjeechaa, hidhaa fi zaliilii suukaneessaa fuula addunyaa duratti lammiiwwan irratti raawwatameef yakkamtoota fuula seeraatti hin dhiyeessu jechuun hidhattoota hanga gandeen baadiyyaatti bobbaasee hojii cubbamaa itti fufuun, jeequmsa siyaasaa fi rakkoo diinagdee Impaayerattii Cittoo irratti Fanxoo akka jedhan taasisa.
Keessa sirna isaa nyaatamee dhumatee fi ergamtoota ummataan tufaman suphuu fi dhaadhessuun mootummaa wayyaanee, Ummata Oromoo gabrummaa jaarraa tokkoo olii hadheeffatee cichoominaan qabsaawaa jiru addatti dhaloota haaraa Gabrummaan Nurratti Xumura Argachuu Qaba jechuun Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaa mirkaneessuuf wareegama bifa fedhee baasuuf murate akkasuma ummatoota Impaayerattii baroota Kurna Lamaa oliif sagaleen isaanii humnaan ukkaamamuurraa keessi isaanii bokoke daranuu dallansiisuun kufaatii wayyaanee shaffisiisa malee, qabsicha hin danqu.
Wayta ol’aantummaa murna bicuu Impaayera Itoophiyaa keessa buufatee jiruun caasaan waraanaa, tikaa, waajjiraalee mootummaa fi iddoowwan hojii akkasumas bakkootni diinagdee furtuu dha jedhaman hundi Waardiyyummaa dabalatee ilmaan Tirgaayiin dhuunfatamuu fi kan qubaan lakkaawaman haftes amanamtoota sirnichaatiin qabamuurraa ummatni Oromoo fi sabootni cunqurfamoon biyyattii biroonis moggeeffamuun addunyaaf ifa bahe kanatti, humnaan aangoorra bubbuluuf shirri dalagamuu fi bookkisni TPLF sirnichi guyyaa xumuraarra gahuu isaa addeessa.
Qabsoon Ummanni Oromoo wareegama ilmaan isaatiin asiin gahee fi ammallee wareegamaan itti fufee finiinsaa jiru hanga galii akeekkateef kan maayii, Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaatiin mirkanaa’utti homtuu akka of booda isa hin deebisne ABOn irra deebi’ee mirkaneessa. Kanuma waliin Ummanni Oromoo of dhaaduu, labsiin waraanaa, walgahiin ergamtoota olii gadi fiigsuu fi ololli diraamaa dharaa dalagamaa jiru kun, jabina qabsoo Oromoo fi kufaatii diinaa akka agarsiisu hubachuun Fincila eegaleen gabrummaatti xumura gochuuf akka jabinaan falmaa itti fufu dhaamna.

No comments:

Post a Comment