Tuesday, August 9, 2016

OROMOO !! QALBIFADHUU !!!!!



SEENAA Y.G(2005)

Qabsoon Oromoo kallattii isaa ofiin of himaa jira. Halagaan ammoo kallattiin sun maal akka ta’ee ofiif ifa gochaa jira. Oromoon mana namaa keessa taa’ee dachee kiyyaa jechaa hin jiru. manuma isaa keessatti irratti roorrifamuu dabree , akka fedha diinaatti ajjeefamaa jira. Hegareen badii kanaa maal akka ta’uu malu, Oromootu ta’ee jedhee akka ofii barbaadutti tolfataa jira osoo hin taanee dirqamee itti seenuuf jira. Adeemsi qabsoo Oromoo yeroo fi tartiiba isaa eeggatee, diindii irra deemuu qabu irra imalee kunoo sadarkaa murteessaa irra ga’ee jira. Sochiin amma ammaatti jiru, lafarra harkifatees jennu, duubatti harkifatees jennuu,  yerooma isaa eeggatee har’a irra ga’ee jira.
Wareegamni har’a kafalaa jirru haalaan dabalaa dhufeera. Injifannoo hegaree keenyaaf jecha,  osooma beeknuu ykn haala diinaa osoo beeknuu waan dursuu qabnuu dursuun dirqii taatee, aarsaa ulfaataa baasaa jirra. Aarsaan kun gama kamiinuu kan hafuu miti. garuu isa dursuu qabu dursuu keenyaan injifannoo dacha galmeesisaa jirra.karaa nagaa jennee lubbuu qaqqaalii kafalaa jirra. Faallaa isaa injifannoon galmeessine ammoo, dachaa gumaa wareegamtootaa baasuun ol aanaadha. Wareegamni nu eeggatu kana irra hammaatu danda’a. kana duuba wareegama qaalii kafalluu caalaa, diina kafalsiisuuf akka teenyu diinatu nu dirqisiisaa jira.
Wareegamni Ilmaan Oromoo fi badiin diinaa kallattii nu eeggattu ifatti nutti mul’isaa jirti. Tarkaanfiin diinaas hegaree keenyaaf maal gochuu akka dandeenye suduudaan nu dhaamaa jira. Kana dogoggora malee irratti hojjachuun ammoo qooda keenya. Har’a waan murteessaa irra geenye kanaaf marii kamiyyuu nu hin barbaachiisu. Falli keenya xiinxala kamuu hin barbaadu. Kan nu barbaachiisu, mata duree hin taanee kaasanii yeroo gubuu irra, fala dinni nu kaa’aa irratti hojjannee ummata mirga isaa deeffachuuf murteeffatee hiriirsuu qofaadha. Jalqaba dubbiiwwan Ummata keessatti bifa adda addaan ka’an akka qabsiisuu barbaachisa. maalfaati ?
  1. Sochii amma jiruun duuba humni jiramoo hin jiru ?
  2. Amaarri nu duuba ka’ee ykn meeshaa hidhatanii jiruu, fi Hidhannoo nu barbaachiisaa,
  3. Dhaabbilee siyaasaa Oromoo maaf humnaan itti hin hirmaatan? Kanneen jedhaniidha.
1ffaa. Sochii amma Oromoon itti jiru kana duuba humni jiraachuu fi dhiisuu namoonni inuma shakkan. Ijoolleen ofumaan fiigdii jedhan. Garuu hedduu qalbii laafatanii jiran. Wanni moggaa taa’aanii isa kaan irraa eeggatan kanuma nama dubbachiisa. Haasaa warra dabeessaa. Waan hin saganteeffamnee tokko ykn hin qindeeffamne tokko akkamiin baatii 9 guutuu adeemaa ? isayyuu lubbuun itti wareegamaa isa jedhuuf deebii maalii akka laatan hin beeku. kan baatii sagalii dhiisaatii guyyaa tokkotti, magaalaaleen OROMIYAA 200 yeroo tokkotti ka’uun maal irraati ? facebookin qofaadhaa ? sochii qindoomiin irra taree mootummaa wayyaanee rifaasisee waan qabduu fi gadhiiftu wallaalte ijaan osoo agarruu maaf waan kana liqifachuu dadhabna ? hayyee mee humna duubaayyuu haa dhabuu, Injifannoo Oromoof galmeesisaa jiru qofaa ilaallee maaliif gumaacha nurraa barbaachisu gumaachuuf hin qophoofnu ?? dhalooti har’aa harka rukuttaa daawwattootaa kan barbaadan mitii, kachachaluu dhiifnee qooda qabsoon tokkon tokko keenyaaf bakka jirrutti nuun ga’uuf teessuuf of haa qopheessinu.
2ffaa, Amaarri meeshaa hidhatee jiraa jennee wareegama Ilmaan OROMOO busheessuu kan yaalluu hedduu warra of taajjabsiisaa jirruudha. Amaarri meeshaan yoo lolee haa lolu. Meeshaa haa qabaatu. Wayyaanee haa gonbisu. Amaarrii meeshaa qabachu arginee maaliif meeshaa dhabuu keenyaan baargna? ? meeshaa dhabuun keenya bara meeqa ? kun kan nu argisiisuu meeshaa yaaduu irra ga’uu keenyadha. Kanuma. Kun ammoo yeroo isaatii. Sadarkaama qalbii ummata keenyaatu kana uume,,, yeroo isaatii . meeshaa kana argachuu fi dhiisuu harkuma keenya keessa jira. Harka qullaa dursuun keenya waan nu fayyadee qaba. boris nu fayyaduu danda’a. meeshaa barbaachuu eegaluu jechuun, meeshaa argannaan duulatti kaanaa jechuu akka hin taanee beekuu barbaachisaadhaa.
Bara wayyaanee kana keessa ykn addunyaa waan barbaadan amma manaatti namaa feetu keessatti hagas maraa meesha adhabnee jennee aaruu fi mataa of irraa ciruu hin barbaachisu. Yeroo meeshaan Ummata harka galuu maal akka ta’uu gama hundaan yaaduu barbaachisa. meeshaan yoomif isa jedhuu , meeshaa akkamiin itti fayyadamu ? isa jedhu irratti hedduu hojjachuu nama barbaachisa. kun waan ogummaan wal qabatuudha. Ummata haala kana irratti yennaa kakaafnuu, katabnuu fi dubbannu hedduu of eeggachuu barbaachisa. wayyaaneen Oromoo fi saboota biraa walitti diranii waan barbaadan hojjachuuf hedduu hojjachaa akka jiran beeku barbaachisaadha.meeshaan leenjii barbaada. Leenjiinis bakka qaba. meeshaa ummtaaf magaalaa keessatti qooduun gootummaa ykn beekumsaa miti.
kanaaf warri dhimmi kun isaan ialaallatu qaamaa qalbiin irratti hojjatuu  jedheen yaada. Ummati meeshaan akka tasaa harka galee illee akkaataa fayyadama isaa bifa waliigalaan yoo hin ta’iin, nuumatu wal fixa.of eeggachuu nu barbaachisa. kun qaama ilaallatuuf osoo dhiifamee dansaa ta’aa. Diina mana keenya nu jiru, meeshaa malee of irraa yaasuun ni danda’ama. Gara fuula duraatti irratti hojjanna.meeshaa argachuu waliin waan itti yaadamuu qabu waa hedduutu jiraa Ummati keenya kana irratti of eeggannoo cimaa gochuu barbaachisa. meeshaan intarneeta irratti lallabaa hojjatan kunis bu’aa isaa irra midhaa isaatu caala. Magaazana akka eeggatan taasisaa jirra yaa firaa.mata duree kana miisiyaa irraa buufnee lafa jala irratti haa hojjannu.meeshaa hin qabnuus hin heddummeessinaa. Namni diina hadheeffatee ykn kan aarii qabuu xaxxaaxa’aa hin deemu. Waan fedhu hojumaan mul’isa hubadhaa.intarneeta irratti labsa ebaluu fixaa waliin hin dhaamiinaa. Aadaa qabnaa. Goota nama ajjeessuu guututti qabnaa. Kun waan lubbuuti. Waan ragaa wal irratti qabuuti.
3ffaa, Dhaabbileen siyaasaa Oromoo qooda qaban ifatti himachuu fi dhiisuun sochii kana jabeessuu fi dhiisuu keessatti yaadooti dhihaatan jabiinaa fi bilchina hin qaban. Kaayyoon dhaaba tokko inni duraa Ummata sadrkaa ammaa irra geesisuudhaa. dammaqiinsi siyaasaa Oromoo qajeelfamaa fi dammaqiinsa dhaaboota irraa barbaadu irra taree, sadarkaa ofiin of ijaaruu irra ga’ee jira. Kanaaf dhaabbileen siyaasaa OROMOO hegaree oromoo keessatti , karaa siyaasaa , dingadee , Bulchiinsaa fi kanneen kana fakkaatan akkamiin qindoominaan deemaa yoo jedhanii qophee gamanuma godhan malee, amma wanni haala jiru irratti isaan dudubbachiisu hin jiru. Ummati waan barbaadu kunoo dhiigaa lafee isaa itti caccabsee shakki tokko malee itti ergisisaa jira. Kana irratti dhaabbatanii hegaree siyaasa OROMOO OROMIYAA keessatti gaggeeffamu wixinee keewwachu qofaatu irraa eegama. Bakka jiru irraa yaaduu malee , ammas bakkuma kaleessaa lafa dhiituun gonkumaa bu’aa hin qabaatu.
Akka walii galatti , kana booda waan goonu hundaa irratti of eeggachuu fi qorannoo deeggaramnee hojjachuu nu barbaachisa. dogoggora gonkumaa hojjachuu hin qabnu. Nuuti kana booda of kabachiisuu qofaatu furmaata keenya. Adeemsa diinaa kana caalaa hin ilaallu. Nu ajjeesanii jiraachudha. Nuti kana irraa of ittisuuf, gama hundaan qophii taasisuutu furmaata. Waan nu barbaachisu hundaan itti yaadu nu barbaachisa. gala fi waan nu barbaachisuu kuufachuu qabna. Dubbii akka salphaatti hin ilaaliinaa. Waan itti seenuuf jirru waan galgala tokkotti xumuramu ta’uu dhiisuu mala. Qabnee kan gadi lakkifnuus miti. kanaaf waa hundaan qophee barbaada. sochiin kana boodaa opdo irratti ta’uu qaba. riqicha diinaa kana of gidduutii baafnee, diina isa dhumaaf of irraa galchuu qofaatu furmaata. Opdo Tigireetti of gattee, isaanumatti akka galan of keessaa baasuudha. Gatii dhiiga ilamaanii fi ummata keenyaa baafnee ishee haftee isaanuma waliin ari’uudha. OPDO oromiyaa keessaa baasuu !!!!!!!!!!!isa itti aanu dachee keenya irratti ofirraa deebifna. Kan jiru kana qofaadha.
Kanaaf OROMOO !!!!! HUBADHUUTI QAlBIFADHU !!dura qophii ga’aa nu barbaachisa.oromoon Biyya keessaa fi alaa. filmaata tokko qofaa qabna. Filmaata kana ammoo ga’ummaan keessa dabruu qabna. Hundumtuu bakka jirutti qophaa’ii. OPDO of irraa baasii ari’ii. Kaabinee qofaa miti. hunda ishee. Isa booda Tigireetu Tigiriffaan nu bulchaa arginaa. Kanaaf ammas qophii ga’aa nu barbaachiisaa qalbifadhaa !!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!!! eessaa akka eegalamuu fi eessatti akka xumuramu adda ba’uu qaba.
HORAA BULAA !!!!

No comments:

Post a Comment