Sunday, September 4, 2016

Goototnii fi sabboontotni wareegamuun qabsoo bilisummaa saba Oromoo yo jabeesse malee hin laaffisu. Aadam Mahaammad Diimaa kufus, kumaatamatu bakka isaa bu’a




Aadam-Mahaammad-Diimaa-e1472936586587Ummatni Oromoo guyyaa humna gabroomfattuu fi weerartuu gita bittaa Habashaan cabee harqoota gabrummaa jalatti kufee kaasee biyya isaaf, mirga isaaf, bilisummaa fi qabeenya isaaf osoo falmuu, utuu qabsaa’uu har’a gahe. Qabsoo farra gabrummaa, kan bilisummaa ofii deebifachuu kana keessatti wareegama dorgomaa hin qabne, wareegama qaqqaalii kafalaa as gahe. Falmaalee sirna cunqursaa of irraa darbee biyya isaa irratti bilisummaan jiraachuuf taasisaa ture kana keessatti goota hedduu, sabboontota lakkaa’uun hin danda’amne wareegeera. Wareegamni baafame garuu bu’aa tilmaamuun hin hin salphanne mul’iseera. Firii lafa irraa mul’atu godhateera.
Keessumaa hogganni QBO ABOn erga hundeeffamee kaasee falmaa fi qabsoon mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummatni Oromoo geggeessu bifa jaarmayaa akka qabaatuu fi galii qabsoo akeeka siyaasaa ifaa xaliilawaa lafa kaawee falmaa caalu adeemsisuu danda’eera. Ummatni Oromoo dhaaba isaa ABO jalatti ijaaramee biyya isaaf, bilisummaa isaaf, qabeenya isaaf, aadaa, seenaa fi afaan isaaf falmii godheen, qabsoo hadhaawaa adeemsiseen injifannoolee boonsoo, eenyullee haaluu hin dandeenyee fi ifee mul’atu gonfachuu danda’eera. Injifannoo qabsoon ABOn hogganamu argamsiise kana keessatti ilmaan biyyaa, gootowwan Oromoo, qaroon sabaa, sabboontotni biyyaa qaqqaaliin, walumaagalatti murnoota hawaasa Oromoo hunda irraa wareegama olaanaa fi guddaa baasaniiru. Oromoon akka sabaatti, Oromiyaan akka biyyaatti, aadaa fi afaan Oromoo dhabama irraa hafanii addunyaa keessatti mul’achuu danda’uuf sababaan wareegama ilmaan Oromoo kanneeniini.
Wareegama baafameen injifannooleen argamanis galiin QBO ABOn durfamu bilisummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaa mirkaneessuu jedhu bakka hin ga’in jira. Isa kana bakkaan ga’atuuf ummatni Oromoo fi ABOn kan yeroo kami caalaatti falmaa finiinsuu irratti argaman.
Wareegamni miseensotni ABO, miseensotni WBO, sabboontotnii fi waliigalli ummata Oromoo baasaa turanii fi jiran adeemsa qabsoo Oromoo ni shaffisan malee akka diinni yaade kan laaffisan ykn dhabamsiisan hin taane; hin ta’us.
Har’as ummatni Oromoo, miseensotni ABO fi WBO qabsoo kana bakkaan ga’uuf, bilisummaa biyyaa mirkaneessuuf kan yeroo kamii caalaatti falmaa finiinsuu irratti argaman. Wareegamni baafamaa jirus olaanaa dha. Wareegama gama hundaa.
Dargaggootni Oromoo Qeerrummaan ijaaramanii wareegama baay’ee gaalii ta’e kan lubbuu baasuun qabsoo kanatti xumura gochuuf adda duree hiriiranii jiran. Kana milkeessuuf, warraaqsa biyyaalessaa Oromiyaa FXG qabsiisuun baatii 9 oliif diina hudhanii qabanii, caasaa sirna wayyaanee akka deebi’ee hin bayyaannanne taasisaniiru; ammas jabinaan itti jiran. Kana keessatti yo xiqqaate ilmaan Oromoo 1000 ol ta’an wareegamaniiru. Kumoota hedduun qaamaa hir’ataniiru. Kumootni kudhanootni hidhaa keessatti hiraarfamaa jiran. Wareegamni sabboontotni, miseensotni ABO fi WBO waliigalatti ummatni Oromoo baasaa jiru sirna gabrummaa wayyaaneetti xumura godhee bilisummaa akka mul’isu shakkiin hin jiru.
Seensa Fulbaana 01,2016tti wareegama sabboonaa fi gooti Oromoo Jaal. Aadam Mahaammad Diimaa/ maqaan qabsoo Galmoo Boruu baases bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf, walabummaa Oromiyaa dhugoomsuuf ta’uun ifee mul’ata. Gootichi Oromoo Jaal. Aadam Mahaammad Diimaa wareegamni lubbuu bilisummaa saba isaaf osoo falmuu baase ummata Oromoo naannoo inni keessa sossohaa turee qofa osoo hin taane, akkuma wareegamtoota keenya biroo ummata Oromoo waliigalaa biratti bara baraan yaadatama. Galmee wareegamtoota Oromoo keessatti dabalama.
Bara 1991 irraa qabee haga guyyaa wareegamuutti sabboonaa fi gootichi Oromoo Jaal. Aadam Mahaammad Diimaa/ Galmoo Boruu deggeraa jabaa ABO ture. Lixa Harargee Biyyoo Karaabaa ykn naannoo Doobbaa keessatti itti gaafatamaa ykn ajajaa Humna Ittisa Ummataa ta’uun ajajaa fi qajeelfama dhaaba isaa ABO irraa fudhatee dirqama isaa ba’achaa ture. “Liyyuu Haayil” kan wayyaaneen jettuun hidhattoota Somali ummata Oromoo irratti duulanii ajjechaa fi saamicha geggeessan, akkanumas waraana wayyaanee humna agaazii dabalatu kanneen warraaqsa biyyaalessaa Oromiyaa FXG dura dhaabbachuu fi ummata hiraarsuuf bobba’an dura dhaabbatee gootummaan lolaa fi lolchiisaa ture.
Wareegama xumuraa Lixa Harargee Ona Doobbaa keessaa bakka Dhooba jedhamutti gaafa Fulbaanatti bari’u baase keessattillee falmaa gootummaa geggeessuun waraana diinaa isa qabuuf itti socho’e garii ajjeesee, garii madeessee akka gootaatti wareegame.
Gootichi Aadam Mahaammad Diimaa nama jabaa, hawaasa naannoo keessatti beekamaa, goota hidhattootaa fi dabballoota, akkasumas lukkeelee diinaa sodaachisaa ture akka ta’e seenaan isaa ni mul’isa. Aangoo fi sossobbii diinaa kamiifuu jilbiinfachuu didee, diina wajjiin dhaabbachuu kan fudhachuu didee fi ifatti ummata isaa cinaa dhaabbatee diinaan loluuf nama murteeyfatee hujiidhaanis mirkansee dha. Qabeenyaa fi maatii isaa irra bilisummaa sabaatiif falmuu caalchifachuun dirree qabsootti kan makamee fi bilisummaa saba isaatiif goota if kennee dha. Akkasuma kaayoo Dhaaba isaatiif amanamummaan jaala wareegamee dha.
Jaalli kun qormaata qabsoo kan bifa hedduu, kan keeysaa fi alaatiin naannoo isaatti isa mudateen  osoo hin hiikamne ykn hin dagamne murannoodhaan dura dhaabbatee akkuma dirree lolaatti gootummaan lolaa ture shiraa fi olola farreenii gosa hedduus kan fashalsee fi qaaneeysuudhaan eenyummaa qabsaawota ABO dhugaa nama hujiidhaan dhugoomsee fakkii seenaa qabu nama hojjate.
Yeroo hedduuf yaalii ajjechaa ykn isa qabuuf diinni godhe jalaa miliqeera. QBO ABOn durfamuuf ittisa ta’ee hojjechaa kan turee fi ajajaa humna ittisa ummataa kan qaama WBO ta’eef, Lixa Harargee keessatti hoggana kennaa kan ture Jaal. Aadam Mahaammad Diimaa/Galmoo Boruu, haga gaafa wareegamuutti naannoo keessa sossohaa ture keessatti hojii dhaaba isaa ABO jabeessaa, diinaa fi farreen dhaaba isaa irraa tiksaa, daandii haqaa qabate irratti nama cichee hojjechaa turee dha.
Kanaaf gootichi Oromoo Aadam Mahaammad Diimaa nama seenaa hojjete, sabboonaa Oromoo seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti yaadatamaa jiraatuu dha. Jaal. Galmoo Boruu dabalatee ilmaan Oromoo baddaa gammoojjii, baadiyaa fi magaalaa akkanumattis mana hidhaa fi bakkoota adda addaatti osoo mirga Oromoof falmanii, bilisummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaaf qabsa’anii wareegaman hundi gumaan isaanii akeekaa fi kaayyoo isaan irratti kufan galiin ga’uu qofaan deebi’a. Mirkanaa’uu bilisummaa ummata Oromoo fi walabummaa Oromiyaan gumaan isaanii deebi’a. Isa kana dhugoomsuuf ummatni Oromoo falmaa itti jiru, warraaqsa biyyaalessaa Oromiyaa FXG jalqabe daran finiinsee itti fufuun sirna gabroomfataa wayyaanee of irraa calaasee bilisummaa fi biyya isaa harkatti galfatuu qaba.

No comments:

Post a Comment