Monday, November 16, 2015

WBOn Oromiyaa Keessatti Tarkaanfii Hidhattoota Wayyaanee Irratti Fudhateen 9 Ol Hojiin Ala Godhe

Irree fi Gaachanni Ummata Oromoo WBOn Godina Kibba Baha Oromiyaa Keessatti Tarkaanfii Hidhattoota Wayyaanee Irratti Fudhateen 9 Ol Hojiin Ala Godhe; Meeshaalee Waraanaas Booji’e. Hidhattootni Diinaa 5nis WBOtti Harka Kennatan.
wbo(SBO – Sadaasa 14,2015) Humnaa fi qabeenya qabu irratti hundaawee mirga abbaa biyyummaa fi bilisummaa ummata Oromoo mirkaneessuuf qabsoo of irratti hirkannoon falmaa diina irratti godhu finiinsaa kan jiru gootichi WBO, godinaalee Oromiyaa adda addaa keessatti tarkaanfilee diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatu daran cimsuu irratti argama.
Haaluma kanaan abdii fi gaachanni ummata Oromoo WBOn Kibba Baha Oromiyaa Godina Baalee keessa sossohu tibbana diina irratti tarkaanfii laalessaa fudhateen injifannoo boonsaa galmeessee jira.
Haaluma kanaan Humni Addaa WBO Risaa jedhamu Sadaasa 10,2015 Godina Baalee Ona Gooroo Baqaqsaa bakka Qalqalcha Bultii Tafarii jedhamutti ganama barii sa’aa 5:00 irratti humna diinaa ummata dararuu fi sochii WBO danquuf bobbaa irra ture haxiidhaan haleelee loltoota 5 yeroo irraa ajjeesu, 4 ol ammoo madeessuun meeshaalee waraanaa adda addaa irraa booji’uun dantaa qabsoo bilisummaa Oromoof akka oolche Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa beeksisee jira.
Humni Risaa tarkaanfii boonsaa kana fudhate diina irraa qawwee AKM-47 5, boombii harkaa F1 jedhamu 20, boorsaa waraanaa kan dugdatti baatamu 5 mi’a qabu waliinii fi meeshaalee biroo diina irraa booji’uun bu’aa qabsoo bilisummaa Oromoof akka taasise beekuun danda’ameera.
Kana malees Humni Addaa WBO (Risaan) Godina Baalee Ona Gooroo Baqaqsaa bakka Qalqalcha Bultii Tafarii jedhamutti wayta tarkaanfii kana fudhatetti sabboontota Oromoo hidhattootni wayyaanee maqaa ABO fi WBO gargaartu, nu rukuchiistu jedhuun qabanii deemaa turan keessaa tokko akka harkaa baases oduun kun ni hubachiisa.
Hidhattoota wayyaanee tarkaanfii humna addaa WBO Risaan haleelaman keessa turan keessaa 5 (shan) hidhannoo isaanii guutuu waliin WBOtti akka harka isaanii kennatan Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa mirkaneessee jira.
Tarkaanfiin diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhatamu jabinaan kan itti fufu ta’uus Ajaji WBO Godina Kibba Baha Oromiyaa hubachiisee jira.
Xumura irratti Oromoota dabalatee ilmaan ummatoota cunqurfamoo sirna wayyaaneef meeshaa ta’uun qabsoo bilisummaa fi mirga isaanii deebifachuuf ummatootni kun taasisaa jiranitti gufuu ta’anii jiran hidhannoo isaanii sirna wayyaanee diina ummatoota cunqurfamoo empaayerattii ta’ee jirutti nannessuun xumura sirna gabrummaa isaa akka shaffisan WBOn hiree kanaan yaamicha isaa haaromsee jira.

No comments:

Post a Comment