Wednesday, November 18, 2015

Korri waggaa Miseensotaa ABO biyya UK Ibsa Ejjennoo baafatuun xumurame.

November 18.2015
Korri waggaa kan Miseensotaa ABO biyya UK fi walgahii hawaasaa Oromoo biyya UK kun Sadaasa 14, 2015 magaalaa Bolton (naannoo Manchester) tti geggeeffame.
Walgahiilee kanarratti miseensotni, deeggartootnii fi hawaasni Oromoo haala yaroo amma biyya Oromoo keessa jirtuu fi qabsoo bilsummaa ABO karaa adda addaa geggeessaa jiru irratti bal’inaan erga mariihatanii booda ibsa ejjennoo armaan gadii baafataniiru.
  1. Mootummaan Itoophiyaa kan wayyaaneen hogganamaa jiru itti fufinsaan ummata, saba fi sablammiiwwan biyyattii keessatti argaman irraan cunqursaa daangaa hin qabne irraan gayaa jiru akka dhaabu​.​
  2. Lammiiwwan Oromoo sirna cunqursaa wayyaanee jalaa baqatanii biyyoota ollaatti jiran jala basaastota bobbaassun ukkamsanii dhabamsiisuu, ajjeessu fi jireenya isaanii balaaf saaxiluu ni balaaleffanna​.
  3. WBOn hundee qabsoo bilisummaa keenyaa fi gaachana Oromoo ta’uu isaa hubannee caalaatti kan bira dhaabannu ta’uu keenya ibsanna.
  4. Dhaabni keenya ABOn qabsoo bilisummaa gama hidhannoo fi karaa adda addaa taasifmaa jiru caalaatti jabeessuuf jecha Tumsaa Ummatootaa Bilisummaa fi Dimokrasiif (TUBD/PAFD) Onkoloolessaa 24, 2015 ummatoota cunqurfamoo biroo walii taasifame ni deeggarra; hujii irra ooluusaafis waan nurraa eegamu ni goona.
  5. Motummaan wayyaanee gama tokkoon sirna hannaa fi saamichaa biyyattii keessatti diriirsuudhaan, ummata lafa fi qabeenya isaa irraa buqqisuu, bosona ciruu fi summeessuudhaan haalli naannoo balaa keessa galee ummatni beelaaf akka saaxilamu gochuun yakka raawwatamaniif sirnichi ittigaafatamummaa akka fudhatu fi hojii balaafamaa kana irraa akka dhaabatu gaafatna​.
  6. Mootummaan wayyaanee baqattoota Oromo biyyoota ollaatti baqatan jala deemanii ajjeesuu, yakkuu fi hawaasa baqataa gidduutti wal jibbaa fi wal shakkii ijaaruu irraa akka of qusatu, ummatnis kana irratti dammaqee ergamtoota sirnichaa dura dhaabatu.
  7. Jaalatamaa fi beekaa Oromoo Obbo Dabbasee Guyyoo biyya baqaa keessaa utuu jiranii wayyaanee ukkaamsitee miliqisuu ishee ni mormina; namni kun haal duree tokko malee gadhiifamee maatii isaatii akka deebi’u gaaftna.
  8. Miseensotni ABO UK gidiraa mootummaan ummata Oromo irraa gayaa jiru hundee isaa irraa buqqisee bilisummaa Ummata Oromoo mirkaneessuuf sochii godhamu keessatti shoora keenya cimsinee akka itti fufnu irra deebinee mirkaneessina.
  9. Nu hawaasni oromoo UK keessa jiraatnu hundi umriin, saalaan, amantaa fi naannootiin otoo hin qoqqoodamiin shira wayyaaneen biyya keessaa fi alatti ummata keenya qoqqooduuf asiif achi fiigdu dura dhaabbatna, namoota beekaas ta’e gowwomsamanii badii kana keessatti hirmaatanis akka hojii balaafamaa kana irraa of qaban cimsinee hubachiifna.
Injifannoon kan ummata Oromoo fi Saboota cunqurfamoo ti!
Bolton, UK – Sadaasa 14, 2015

No comments:

Post a Comment