Wednesday, November 18, 2015

Ibsa Ejjannoo Hirmaatto Marii Maastar Pilaanii Finfinnee Magaalaa Minneapolis

Ibsa Ejjannoo Hirmaatto Marii Maastar Pilaanii Finfinnee Magaalaa Minneapolis

Posted: Sadaasa/November 18, 2015
Nuti hirmaattooni walgahii shira Marii Maastar Pilaanii Finfinnee waliin walqabatee balaa ummata Oromoo irratti aggaammate ilaalchisee marii bal’aa erga goone booda murtiilee armaan gadii dabarfannee jirra.
1) Karoorri maqaa Maastar Pilaanii Finfineetin mootummaan TPLF/EPRDF dhiibaa jiru, kan magaalota 37 Oromiyaa irraa muruufi, qunnaan bultoota miliyoonotaan lakkaayaman ol lafa isaanitirraa buqqaasu ta’u waan amannuuf akka fashalu ni qabsoofna
2) Akeekni karoora kanaa maqaa magaalaa babal’isuutiin Oromoo lafa isaatirraa buqqisanii gaaga’ama hamaaf kan saaxilu waan ta’eef dura dhaabbanna
3) Magaalota kana dhuunfannaa Oromiyaa jalaa baasuun gahee Oromoon aadaafi sochii diinagdee magaalotaa keessaa qabaachuu malu hoongessuu waan ta’eef fashaluu qaba
4) Labsiin Magaalota Oromiyaa dhihoo kana bahe shira Maastar Pilaanii Oromoon mormu kana kara biraatin hojiirra oolchuuf kan saganteeffame waan ta’eef ni balaaleffanna.
5) Karoorri Maastar Pilaanii qaama imaammata duula saamichaa lafaa Oromiyaa guututti godhaamaa jiru keessaa tokko ta’uu isaatiin ni mormina
6) Saamichi lafaa Oromiyaa gututti deemaa jiru imaammata Oromoo hiddaan buqqisuufi duguuginsa sanyii waan ta’eef fashalsamuu qaba.
7) Olollii mootummaan sun akka waan Maastar Pilaanii kana mormuun guddina diinagdeefi ammayyummaa jibbuu fakkeessuuf yaalu dhara. Oromoon kan mormaa jiru guddina diinagdeefi amayyummaa osoo hin taane saamicha lafaa abba biyyaa hiyyoomsee amba sooromsuudha.
8) Qabsoo barattoonnifi qaamoleen Oromoo biroo karoora diinaa kana hoongessuuf godhaa jiran ni deeggarra.
9) Tattaffii dhaabbileen siyaasaafi sivikii Oromoo dhimma kanarratti hubannaan akka uumamuuf, ummanni tokkummaan akka sochoo’uuf godhaa jiran ni dinqisiifanna, waan dandeenhyu maraan bira dhaabbanna.
10) Tarkaanfii ukkaamsaa mootummaan barattootaafi jaarmayoota Oromoo Maastar Pilaanii kana kara nagaan morman irratti fudhatu cimsinee balaaleffanna.
11) Ummanni keenya bakka jiru maratti shira maqaa Maastar Pilaanitin oofamaa jiru kana tokkummaandhaan daran akka mormu waamicha goona.
12) Mootummaan shira saamicha lafaa Oromoon hundi tokkummaan mormaa jiru kana humaanaan dhiibuun gaaga’amaa hamaa fiduu malee faaydaa biraa akka hin qabane hubatee badii isaatirraa akka dhaabbatu akeekkachiifna
13) Balaa sabaaba Maastar Pilaanii kanaan walqabtee uumamuu malu hundaaf itti gaafatamaan mootummaa TPLF ta’uu hubachiifna.
14) Nuti jaarmayoonni siyaasaa marii kana irratti hirmaannes, gargarummaa xixiqqaa qabnu moggaatti dhiifnee Maastar Pilaanii Finfinnee dura dhaabbachuufi fi dantaa saba Oromoo hundarratti waliin hajjachuu fi marii fakkaataa itti fufuuf waliif gallee jirra.
15) Shira Maastar Pilaanii kanaafi roorroo bifa adda addaatin Oromorratti godhamaa jiru hambisuuf furmanni dhumaa Oromoon sirna gabroomfataa kana hiddaan buqqisee bilisummaa isaa goonfatee abba biyyummaa isaa mirkaneeffachuu qofa. Kana mirkaneessuuf ammoo qabsoo roga hundaan bifa qindaaween geggeessuun barbaachisaadha.
16) Oromia Media Network (OMN) marii seena-qabeessa kana qopheessuu isaatiif galateeffachaa, miidiyaan kun daran jabaatee hojii kana caalaa akka hojjatuuf gargaarsa keenyaan bira dhaabbanna; ummanni Oromoolleen deeggarsa OMNif godhaa jiru dacha dachaan addaan kutiinsa malee akka itti fufu waamicha goona.
Sadaasa 15, 2015
Minneapolis, Minnesota
– Misooma Hin Falminu

No comments:

Post a Comment