Friday, July 31, 2015

Uummata Oromoo Keessattti Sabonumma Akkamittin jabeessuun Danda’amaa?

Boonsa Caalchisa irraa
I love Oromia & I am A Proud Oromo
I love Oromia & I am A Proud Oromo
Sabonummaa uummata oromoo keessatti jabeessuun baayee barbaachisadha. Sabonummaan kun Karalee adda addaan adeemsifama ture. Qabsoonis godhamee lubbuun beektotaafi Gootota hedduu darbeera. Isaan haa bu’uureessaan malee nuti immoo dhaloota amaa akkamittin sabonumma jabeessu qabnaa? Gaafin gaafi namoota hundumaa yoo ta’u yaada garagaraa kaasun ni mala. Haa ta’u malee namni kammiyyu hangaa hubannoo isaa yoo dubbate cubbuu hin qabu.
Sabonummaa uumata keenya keessatti jabeessuf mana irra jalqaba. Inni dura Eenyummafi Afaan ofi barsisuudha. Kuni hangaa tokko godhama jira garuu, hanga barbaadamu kan gahuu miti. Sababii isaa haala yeroon walqabsisnee wal hubaachisuun barbaachisadha. Yeroo amma kana hubannoodhan haa ta’u hubannoo malee namoonni xiyyeeffanno kan itti kennani da’immaan barsisaan eenyummaa isaani osoo hin ta’iin Amantidhadha. Kana jechuun dogoggoora jechu koo osoo hin taane wal biraa qabaani barsisuun filatamaadha ykn Eenyumma dursuun dirqamaadha. Da’imnii keenya wa’ee eenyummaafi aadaa isaani hin bariin dhimma amanti qofarraati xiyyeeffachuun guddacha adeemu yoo ta’ee waa’ee Eenyummaa isaanifi saba isaani ni dagaatu. Amantiin kammiyyu ergaa eenyummaa ofi baraani qofa malee dura miti. Amantifi eenyummaan wanti walitti fidu hin jiru. Garuu Aadaafi Eenyummaan wal qabaatadha. Addaa baasani ilaaluun eenyummaa ofi keessa ba’uu ta’a. Kanaaf, gara fuldurraati dhimmoonni kun xiyyeeffannoo keessa hin galee yoo ta’ee qabsoon of bilisoomsuu hafee qabsoo amantii qofaaf ta’aa. Da’immaan keenya akkumma dhimma amantii keenyaa xiyyeeffannoo itti kennine barsifnu waa’ee aadaa, sabummaafi eenyummaa barsisuun dirqamaa keenya.
  1. Akkuma dhimma amantii manaa keessafi lafa kadhannaatti barsisnuu waa’ee eenyumma, bilisummaafi aadaa isaani barsisuun gaaridha.
  2. Mana barumsaa keessatti akka sagantaa tokkootti barsisuufi namoota dandeetti lamummaa barsisuu danda’aan hafeerun barsisuu.
  3. Amantii kam keessatti namni eenyummaa isaafi adaa isaa akka baruuf dangeeffamu hin qabaan. Sababiin isaa Aadaan ofi agarsisaa eenyummaa ofitti. Aadaan saba tokko maal akka fakkatu jireenya hawasummaa keessati kan ittin madalamudhaa.
Waluma galaatti, sabonummaa dhaloota keessatti jabeessuun beektootafi qabsa’oota keenyarraa ni egama.Sabooummaan hawaasa keessatti hin jabannee yoo ta’e qabsoos ta’e bilisummaan takkumma argamuun ni ulfata. Akkasummaas ilaalcha gandummaa, amantiin wal qoodufi dhaabboota maqaa oromoon guyya guyyatti ijaara oluun dhimoota xiyyeeffannoo keessa galanidha.

No comments:

Post a Comment