Friday, July 17, 2015

Bineensi Bineessuma!

Baarentuu Gadaa Irraa
imagesBineessi ykn waraabechi maqaa akkamiituu baafatu, maqaan akkamiituu itti mogga’u bineessuma! Haala kam keessattuu bineessi bineessummaa isaa jijjirreechuu hin danda’u. Garaa isaa guttachuuf qurxee nama
nyaachuu,dallaa namaa diigee, mooraa namaa seenee loon abbaa qabu yaasurraa duubatti hin jedhu. Bineensummaan isaa umamarraa waan ta’eef, maqaa masoo akkamiituu itti baasan, Itillee, ykn Gogaa beelada
kamiituu yoo itti uwwusan keessi isaa bineensuma waan ta’eef wanti bineensummaa irraa isa jijjiiru hin jiru. Eenyuyyuu maaliyyuu jedhu,maqaa akkamiituu itti moggaasu bineensummaa ykn waraabechummaa
isaa umamaan qaburraa isa hin jijjiiru. Wayyaaneenis kanuma! Wayyaaneen bineessa! waraabeecha dargaggoota Oromoo waggoottan 24n darbaniif qarxamsitee nyaachaa turte!. Bineessa qabeenya Oromoo heeyyama ummata Oromoo malee saamtee nyaachaa fi Tigraayitti guurrachaa turtee fi jirtuudha! Wayyaaneen bineensa ija hin qabne, bineensa Oromoof gara laafina tokkolleen hin qabne, bineensa jira nama nyaachuuf hamummattuudha. Bineessa nagahee hin beekne, bineessa quufee hin beekne, Bineensa Soraati!.
Wayyaaneen saamichaa fi ajjeechaa malee nagahas, misoomas, dimookiraasis hin beektu. Wanti waggoottan 24n darbaniif Impaayeera Itiyoophiyaa keessatti keessumaawuu addatti ummata Oromoorratti xiyyeeffattee wanti gaggeessaa turtee fi jirtu hidhaa, ajjeechaa fi saamicha qofaadha. Oromoon haala kanaan Wayyaanee beeka. Dhugaan har’a biyya Wayyaaneen bulaa jirtu keessa jirus kanuma.Dhugaa kana haalanii Wayyaaneen abbaa misoomaati,abbaa nageenyatti, abbaa dimookiraasiti jedhanii hololuun ammoo yoo of gowwoomsuu ta’e malee saboota cunqorfamoo biyyattii keessa jiran, keessumaawuu ummata Oromoo moogsuun hin danda’amu.Oromoon Wayyaaneen bineensa ykn waraabecha goggaa hoolaa uffatee mooraa loonii seene ta’uu eenyu caalayyuu ni beeka!

Murna akkanaa;murna waan namni namarratti ni raawwata jedhamee hin yaadamne ummata Oromoorratti raawwachaa turee fi jirtu tanammoo eenyuyyuu, karaa kamiinuu maqaa abbaa misoomaa,abbaa nagahaa, abbaa dimookiraasii jedhee itti moggaasus, dhaqee daawwatus ummanni Oromoo kaleessarraa kaasee hammeenya ishii,beneensa gogaa hoolaa uffate ta’uu ishii beeka waan ta’eef gurra itti hin qabu! Oromoon oduu akkasii, holola bineesa ciibsee nama nyaatun abbaa nageenyati, abbaa misoomaati jedhuuf gongumaa akka iddoo hin laanne eenyu jalaayyuu dhokataa miti! murna isaa fi ilmaan isaa qayee fi qabeenya isaarratti hidhaa, dararaa, ajjeesaa fi biyyaa baqachiisaa turteen, Murna saamichaa hanga hin qabne biyya Oromoorratti gaggeessaa turtee fi jirtuun eenyuyyuu maqaa akkamiituu itti moggaasu, yoo yeroof sobee faarsu ta’e malee dhugaa ummanni Oromoo beeku hin jijjiru. Gootota Oromoos qobsoorraa hin dhaabu.

Wayyaaneen bineensa bosona galu caalaa hamtuu dha. Bineensa Oromoo qayee fi qabeenya isaarraa buqqisaa turtee fi jirtudha. Bineensa akkanaa; bineensa ifatti ummata Oromoo qayee fi qabeenya isaarraa buqqistee ajjeesaa, nyaachaa turtee fi jirtun ammoo; namni kamuu maqaa barbaade yoo itti moggaase Oromoon bineensummaa ykn Waraabeechummaa Wayyaanee sammuu isaa keessaa hin haqu,ykn hin haalu. Oromoon murni tun; murna ilmaan isaa qacalee boruuf bakka nabu’a jedhee eeggatu qarxamsitee nyaatte ta’uu tolcheet beeka. Beekuu qofas osoo hin ta’in bineensa gara laafina tokko malee dhiiga ilmaan isaa dhugaa turtee fi jirtu tana ofirraa buqqisuuf qabsoo walirraa hin cinne gaggeessaa jira. Gootonni ilmaan isaa halkanii-guyyaa, baddaa gammoojjitti qabsaawaa jiru. Qasoo ummanni Oromoo gaggeessaa jiru kanaanis oolee haabulu malee bineensa ykn waraabeecha gogaa hoolaa uffatee nama gowwoomsuuf yaaltu caccabsee mooraa isaa keessaa baasuun hin hafu! Yeroof haafakkaatu malee daawwannaan Baaraak Huseen Obaamaas ta’ee ofumaa of faarsuun Wayyaanee kun gongumaa bineessa gogaa hoolaa uffatee mooraa loonii seene ta’uu Wayyaanee kana hin haguugu. Murna saamichaa, murna hidhaa, murna ajjeechaa fi dararaa ta’uu isii hin dhiksu,Gaafatama jalaayis hin baasu. Ummanni Oromoo qabsoo isaa jabeessee itti fufnaan gogaan sobaa kun irree mulqamee waaroo salphinaa uffachuun Wayyaanee waan hafuu miti. Eenyuyyuu murna guyyaan, addabaabaayitti ummattoota biyyattii ajjeesaa, biyyaa baqachiisaa fi kumootaan hidhuu fi dararuun “Ati malee’ika” jedhullee dhugaa biyyattii keessa jiru jijjiruu hin danda’u. qabsoo ummataas laaffisuu hin danda’u!
Faaruun sobaa har’a Wayyaaneen ani abbaa dimookiraasiti, abbaa misoomaati jettee ittiin of faarsaa jirtus ta’e, daawwannaan Pireezidaantii Ameerikaa baaraak H.Obaamaa gongumaa Wayyaanee kufaatiirraa hin oolchu! Gama kamiinuu qabsoo ummanni Oromoo, qeerroon dargaggoon Oromoo, WBOn bilisummaa ummata Oromoof gaggeessaa jiran daran yoo jabeesse malee kan daqiiqaa muraasaafilleen harkifachiisuu miti, kan danda’us miti. Amma Wayyaaneen saamicha, hidhaa, dararaa fi ajjeechaa akkasumas biyyaa baqachiisuu ummata Oromoorratti gaggeessaa jirtu dhaabdutti, amma biyya Oromoo gadi dhiiftee baatutti, amma mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu galama gahutti ummanni Oromoo qabsoo bilisummaaf egale jabeessee kan itti fufu ta’uu shakkiin hin jiru!,Qabsoon walirraa hin cinne cimeet itti fufa! Lammiin Oromoos ta’e deeggartoonni bilisummaa Oromoo bakkayyuu jranis holola diinaa bubuutuu/Yartuu/ tanaaf osoo gurra hin kennin, Bineensi yoomiyyuu bineessuma ta’u hubachuun qabsoo bilisummaa eegalame galamaan gahuuf waan danda’e hunda gumaachuu, qasaawoota cinaa haadhaabbachuun Dubbii Fardiidha

No comments:

Post a Comment