Wednesday, July 15, 2015

Barattooti Oromoo Yuuniversitiilee Adda Addaa Irraa Boqonnaaf Gara Maatii Isaaniitti Galaa Jiranii fi Ummanni Nagaa Konkolaataa Irraa Qabamuun Hidhamaa Jiru.

Adoolessa 14,2015 Finfinnee
Sakatta'iinsaAkkuma beekamu barattoonni dhaabbilee barnootaa olaanoo irraa eebbifamanii fi boqonnaaf gara maatii isaanitti galanii kan jiran yoo ta’u, mootummaa faashistii Wayyaanee barattoota Oromoo maqaa ‘tola ooltota’ jedhuun siyaasaaf fayyadamuuf baadiyyaa keessa ol gadi naanna’uu adamsaa jira. Kanaaf sabboontonni barattoonni Oromoo godinaalee Oromiyaa keessa jiran hundi shira mootummaa sobduu fi hattuun dhiiga ilmaan keenyaa dhangalaasaa jirtu kana tokkummaan kaanee dura haadhaabbannu, dirqma Oromummaa keenyaa haabannu kan jedhu barattooti dhaammataa jiru.
Yeroo ammaa kanatti barattoota Oromoo Yuuniverstiilee adda addaa keessaa gara maatii isaaniitti galan adamsee qabuun mana hidhaa naannoo godina Wallagaa aanaa Waamaa Hagaloo mana hidhaa Moxxii jedhamu keessatti hidhaa akka jiru gabaasi nu gahe addeessa,hanga ammaatti barattoota hidhaman keessaaSakatta'iinsa 2
  1. Barataa MOHIIBUL MISGAANUU
  2. Barataa DASSAALENY EEBBISAA,
  3. BarataaMOOTUMMAA MISGAANUU,
  4. Barataa FAYISAA OLAANII,TAMASGEEN
  5. Barataa IBSAA,LAMMAA TARFAA,
  6. Barataa HAMBISAA BIRAANUU
Fi akkaan kaan hedduun keessatti argamu.

No comments:

Post a Comment