Monday, June 27, 2016

Garbummaan Dheerate Bilisumaan Ijaa taate maalifi?



Bonsaa Caalchisaa
7450513_1449512740.1396_r
Yeroo dheeradhaaf uummaannii qabsoo mootummaata Itiyoophiyaa dhufa darbaan waliin qabsoo gaggeessuun isaa wal nama hin gaafachisu. Haa tahuu malee erga bara 1963 Waldaan Macaaf Tulamaa hundeeffame as bifa qinda’aafi walitti fufaan mirgaa ofif falmachuu, abbaa biyyumma gonfachuu, aadaafi Afaan ofi kabachiffachuu irratti hojiin bonsaan hojjetamuun isa guyya gara gara guyyaati cima dhufe. Kaayyoon isaas eenyummaa Oromoo gabbisuu fi mirga Oromoof qabsaawuuf ture. Yeroo sana keessaatti namoonni dandeetifi bilchinaa sammuu qabaan barnoota osoo hin ta’iin kennaa raabbii isaanif kenneen haala mijataa akkasi keessatti jalqabuufi kallatti agarsisuun isaani Uumaata Oromoof seena bu’uraa ta’ame yaadatama jira. Dinni ilmaan oromoos, yeroo gara yerootti teessoo wal jijjiruun toofta jijjirachuun ilmaan Oromoo ajjeessuufi hidhuudha irra dubbatti kan hin jenneefi namoonnii garaaf jedhaani sabboontota ilmaan Oromoo dabarsaani kennaan guyyaan dhalacha jiru. Dabalataanis dhaabni ilmaan Ororomoo bilisoomsuuf mirgaa abbaa bviyyummaan gonfachisuuf Addii Bilisumaa Oromoo dhabbaateture. Addii bilisummaa Oromoos kaayyoon isaa Oromoofi Oromiyaa abbaa biyyumma mirkanneessuuf mirga sarbamee deefachuufi ofiin of bulchuu ture. Gama Waldaa macaafi Tulamaan kaayyoo isaa osoo hin milka’iin harkaa mootummaa hangoo qabuun bara 2011 yoo cufamu ,Addii Bilisummaa Oromoo injiffannoo argatatee gargaraamee hangoo gonfachuu hin dandeenye.haa ta’u malee qabsoon addii BilisummaaUummataa Oromoof godheekan dagatamuumiti. Keessummaa dhimma Afaan ofi barachuu danda’uufi Dangaa oromiyaa adda baase lafa ka’uu,dinnaafi firaa Oromoo eenyuu akka tahee bira gahuu irratti hojii gaarii hojechaa turun yoomiyyuu kan dagatamu miti.
Dhimma Ijoo dubbii
Adeemsaa hedduu darbamee qabsoon hedduun godhamee, lubbuun baayeen darbee, milka’insadhabuun gara namanyaati. Kun immoo umurii dinna Oromoo dheerressuufi garbumma dheerressuu taate naati mul’aati. Yeroo amma kana Uummaanni keenya bifa wal qixxaa taheen eenyumma isaafi waa’ee isaa beeke jira. Kana fiduufis qabsoon akka tahee eenyumma dura dhokata miti. Haa tahuu malee garbummaan isaa durii caala jabaacha kan bulteefi lubbuun namoota kumatamaa darbaa jirti. Kun immoo qabsoo godhamu gari tahe qabsoon Oromoon garamitti isaa jedheef gaaffii ta’aa?
  1. Dhaabbilleen qoodamuun tokkummaa dhabuun: wal qoodinsa gabisuun qabsoo lafisu irratti yoo argamu dinni lafaachu qabu jabate argamejira
  2. Waliitti dhunfinsa beektoota Oromoo: kuni adeemsa qabsoo godhama jiruu keessatti argamee hin jiru. Gara fulduraatti garuu,ilmaan Oromoo Addunyaa irra jirataan wal tumsuun ogummaa qabaanin deegarsa kennuufi hirmachuun tokkumma cima tahe ummuun gaaridha.
  3. Qorannoon dhimma rakkoo qabsoo irratti godhamuu dhabbuun kufinsa jaarmiyyalee Oromootif sababa gudda tahee argama. Kana jechuun adeemsa ofi ilaalufi dogoggoora ofi irra baruun fopyyeefachuuf yaalun gochuu dadhabu.
  4. Dursa jireenyaofif bakkaloachuun kan Uummata dursu dhabuufi gantummaan dhaabbiilleewwan keessatti wal horuun kaayyoon dhaabbillee lafuufi nquba walitti qabuun sababa gudda tahe argama.
Erga Qaamota armaan Gadittiif:
Yeroo amma kana haallii uummanni keenya itti jiru hubaachuun rakkoo qabnuu furachuun furmata barbaadachuun dirqama keenya tahu hubaachu qabna. Dhimmoota kana yaada keessa hin galfanee yoo tahee dheerri garbummaa jarraa heedduu nurratti lakka’u akka danda’uu hubachuu qabna.
  1. Beektoota ilmaan Oromoo Addunyaa kamkessa jiraataniif
  2. Gaggeessitoo dhaabbiillee Oromoo addunyaarra jirtaanif
  3. Uummata Oromoo biyya keessafi alaa jirtaan hundaaf
Qaamoonni kun ijarsaa cima horachuun qorannoo gadii fageenya akkamitti bilisummaan dhufu akka danda’uufi qabsoon ogummaan deegarame godhamu akka qabu qorannoo gaggeessuun lafa nuuf akka keessan.                                                                                                                           Garbumma gababsuuf tumsii keenya murteessadha.  Galatoma !!

No comments:

Post a Comment