Saturday, June 18, 2016

Dhaabnii Mirga Ilmaan Namaa Oromiyaan To’annuma Waraanaa Jala Jirti Jedhus Mootummaan Itoophiyaa Garuu Dhaabni Kun Dharuma Gabaasa Jedha

4539B7F2-7ADC-4B04-A11C-D0ACB87C0657_cx0_cy0_cw91_w987_r1_s_r1
Faayilii – Humnoota mootummaa Itoophiyaa mormii Oromiyaa irratti

Tigist Gammee
Gabaasnii Hiwumanan Raayitis Waach (HRW) fi koomishiniin Mirga Dhala nama Itoophiyaa, mormiin Oromiyaa irratti midhaa gahe, akkasumaas lakkoofsa namoota ajjeefamanii fi hidhamanii himuu iratti adda adummaa guddaa qaban.
Ministirri dhimmoota koominikeeshinii Itoophiyaa, obboo Getachoo Raddaa, “dhabni lamaan ammuma techoon wajjira saanii walirraa fagaatan gabaasni isaanis addaan fagaata,” jedhee, gaafi fi deebii gabaasa Raadiyo Ameerikaa, Heenook Samagzaabeerwajjin godheen. Getaachoon, Hiwuman Raaytis Waach akkataan itti waan jiru irratti daddabalee dhiheessu duris ammas fudhatama akka hin qabne dubata.
HRW irrammoo qorataa Itoophiyaa fi Eertiraa han ta’e Fiilix Hoorn, “Koomishiiniin Mirga Dhala Namaa Itoophiyaa tarkaanfiin humnoota mootummaatin fudhatame madalawaa dha jechuudhaa waan isaa dandeechise hin beeknu” jedhee, baratoota roorroo fi rakkiina qaban karaa nagahaa dhageechisifachuu dha karaatti bahan irratti humnoonni mootummaa dhukaasa kalattiidhan irratti banuun madalawwaa wan ta’e miti jedha.
Mormii Oromiyaatin wal-qabatee dhimmota HRW irratti xiyyeeffate keessaa han biraan, hidhamuu weelistoota, gazeexeessotaa fi hoggantootaf miseensota paartii siyaasaa mormiituu kessumattu kan Kongressi Federaalii Oromooti.
Karaa birratin ,mootummaan Itoophiyaa namoota qulqulluu morii Oromiyaa irratti lubun isaanii badee gadda itti dhagahamu ibsee maatii isaanii jajjabeessuu fi gumaa kaffaluufiidha waadaa galuun isaa hin yadatama. Qorataan HRW dubbisne garuu, maatii ijoolleen jalaa du’an baayyee dubisuu isaanii fi motummaan waan kanaa akka isaan hin qunnamne itti himuu dubbata.
Haala Oromiyaa amma akkamitti ibista jennanin, Fiilix “ammas haa xinnatu malee mormmin jira” jedhee yeroo amma kana Oromiyaa keessa sodaa guddaan jiraachuun isa hima. Dabaluudhaanis, “Kuni bu’aa tarkaanfii gara jabinaa mootummaan fudhateeti” han jedhu qorataan HRW kun, Oromiyaan ammas to’annaa human waraanaa jala jiraachuu ishii mirkaneessa.
Gabaasnni HRW biyyoonni alaa mootummaa Itiyoophiyaa kara adda addaatin qarqaaran yeroo humnoonni nageenya mootummaa Oromiyaa keessatti dhiiga nama hedduu dhangalaasan callisanii guddina Itiyoophiyaa dhaadhesan,jedhee, guddina biyyattin akka guddattu hoo barbaadan duramirggi namaa akka kabajamuu, keessaattu mirga dubbachuu fi warri miidhame haqa akka argatan dhibbaa gahaa gochuutu irraa eegama jedha.

No comments:

Post a Comment