Monday, January 4, 2016

Soldiers attacked Adama University students, protests underway in Oromia, Jan 4, 2016


Soldiers attacked Adama University students today. One studnet is reportedly dead and another is in critical condition in hospital. Jan 4, 2016
Ergaa Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknoloojii Adaamaa irraa amma nu dhaqqabe.(Waliif Dabarsaa)
Amma ganama barii irraa eegallee diddaa keenya itti fufnee jirra.sababni keenya inni guddaan barattonni oromoo sadi Yuunivarsiitii Diillaatti boonbiin deengadda ajjeefamanii turan isaan keessaa tokko dhalataa magaalaa Adaamaati.manni warra gurbaa kanaa Yuunivarsiitii keenya waliin walitti dhiyeenya qaba.reenfi isaa gara maatii isaa waan dhufeef boohicha gahuuf ganamaan kaane.garuu akka boohicha hin geenye humni waraanaa Yuunivarsiiticha keessa qubate nu dhorkee duubatti nu dhowweera.”nuyis jiraa du’aa keenya akka wal hin qunnamne maalif nu dhorkitu” jennee diddaa keenya eegalle.
Amma walitti bu’insi barattootaa fi humna waraanaa akkuma itti fufetti jira,namoonni miidhamanis heddudha.qaamni ilmaan oromoo ajjeesuun galata argachaa jiru kunoo ammas hidhannoo guutuun ol nutti duudee nu shororkeessaa jira.namuu nuuf birmachuu akka qabu dhaammanna.
Diddaan Didduma Jabaadhu Oromoo koo!
adma-univesity
#‎OromoProtests‬ Qobo, East Hararge January 4, 2016
Mormii ummata Qoboo, Harargee Bahaa
Guyyaa Wixataa yeroo ammaa kanatti Harargee Aanaa Dadar Magaalaa Qobbotti ummatni mormii geggeessaa jira.
Qobo, East Hararge January 4-2016
Qobo, East Hararge January 4-2016
At Dilla University, Students Dorm which hosts 280 Students and named Sawa was on fire. It is said to burned down completely. The students are facing a problem in Dilla and neighbors village. The roads from Dilla to other city are closed for any student from Dilla University. God payback…….!!!!!!dilla-university-dorm
January 4, 2016 Oromia

No comments:

Post a Comment