Tuesday, January 12, 2016

Sagalee hawaasaa


(Kun sagalee hawaasa Oromoo dhalattoota godina Jimmaa kan biyya gara garaa jiraannuuti)
Hunda dursinee lammiiwwan keenya kan mirgaa saba issanitiif karaa nagaatiin utuu falmatanuu ‘mootummaa’ shororkkeessaa woyyaneetiin lubbuun jaraa badeef gaddi guddaan nutti dhagahamuu isaa ibsina. Kanneen qaama jaraa irraa miidhamni gahes akka Rabbi fayyaa jaraa guutuuf kadhataa hamma dandeenyuu fi karaa jiru hundaan cinaa jaraa akka dhaabbannu ibsina. Maatiiwwan gamoon jaraa jalaa woreegamanis akka Rabbi obsaa fi cimina jaraa laatu hawwina. Hidhaa fi ajjeechaa seeraan alaa kan gita bittuu kanaan ummata keenya irratti raawwatamaa jirus jabeessinee balaaleffataa kanneen yakka kana raawwatanis akka seeratti dhihaatanu cimsinee gaafanna.
Akkuma beekamu yeroo ammaa ummanni Oromoo sirna bittaa alagaa jaarraa tokkoo ol irratti fe’amee ture ofirraa buusuuf falmii woreegama guddaa gaafatu kallacha hundaan geggeessaa jira. Falmiin woreegama dhiigaa fi lubbuu nama gaafatu kun Oromiyaa bahaa lixaan kaabaa kibbaan akkasumas giddu galeessatti kan deemaa jiru yoo ta’u ummanni biyya isaatii alatti argamus waan barbaachisu hundaan falmii kana bira dhaabbachuu isaa hojiin argisiisaa jira.
Hacuucaan ummata keenya irra gahaa jiru yoom irrallee kan hammaatee fi sadarkaa daguuggaa sanyii irra gahuun isaa hegeree keenya gaaffii keessa kan galche ta’eera. Kanaafis ummanni keenya yeroo kamillee caalaatti garaa garummaa kamiinuu cinaatti dhiisuun wol faana diina irratti kan bobba’aa jiruuf.
Falmii murannaa jabaadhaan si’ana deemaa jiru kana keessa sochiin mullataan sabas boonsee diina rifachiisu kara godina keenyaa (Jimmatti) mullachuu dhabuun isaa kan nu yaaddesse dhalattoonni kutaa kana (kan biyya adda addaa jiraannu) wolitti dhufuun dhimma kana irratti ballinaan maryanneerra. Haalli amma mullataa jirus akka sirraahuu qabu hawaasa keenya hubachiisuu fi dadammaqasuun jijjiiramni qabatamaa ta’e akka uumamu wolii galleerra.
Marii Amajii 9 2016 geggeessineen :
Hawaasni keenya kan biyya alaa jiraatu kara siyaasaas ta’ee akka hawaasaatti sochii isa irraa eegamu cimsee itti fufuun Falmiin Xumura Gabrummaa (FXG) ummanni keenya geggeessaa jiru injiffannoon hamma xumuramutti waan isa irraa eegamu hunda akka bahachuu qabu wol hubanneera.
Hawaasni keenya kan biyya jirus akka qaama Oromoo tokkootti guyyaa hamaa kana miidhamni lammii isaa irra gahaa jiru miidhama isaa ta’uu hubatee rakkoon haala kamiinuu jiraatu cabsee bahuu akka qabu darbees ergamtoota gita bittaa maqaa isaatiin dubbachuun falmii ummata Oromoo dura dhaabbataa jiranu ofirraa mormachuu akka qabu waamicha dabarsina.
‘Hawaasni magaala Jimmaa barattoota Yunivarsitii irratti ulaa isaa cufate, dabarsees diinatti laate’ jechuun komii social media (facebook kkf) irratti bahu ni argina. Gar tokkoon dubbiin kun dhugaa ta’uu fi ta’uu baachuu isaa mirkaneeffachuun heddu rakkisaadha. Gara biraatiin olola gitni bittootaa barattoota Oomoo fi hawaasa keenya gidduutti qaawwa uumuuf ololanu yoo ta’es hin beeknu. Kana irratti akkuma magaallan Oromiyaa gurguddoo biraa jiraattonni magaala kanaa irra guddaan sabaa fi sab lammoota biro ta’uun jaraa quunnamtii barattootaa fi hawaasa gidduu jiraatu irratti gufuu guddaa akka ta’u hubanna. Kanaafuu barattoonni keenya haal qabatamaa magaala sanaa gadi fageenyaan akka hubatanu gaafataa hawaasni keenyas lafa barbaachisaa ta’e hundatti akka inni dhala Oromoo kamuu ofitti qabuun ulee diinaa irraa qolatu waamicha keenya dabarsina. Haalli akkanaa dhugaati yoo uumame dogoggora cimaa akka ta’u hubachuun hawaasni keenya kanas akka sirreeffatu gaafanna.
Sabaa fi sablammoonni jiraattota godina kanaa ta’anis falmiin mirgaa ummanni keenya geggeessaa jiru haqa ta’uu isaa hubachuun gara biraatiin kabajamuun mirga dhala namaa hundaafuu wobii nageenyaa fi jireenyaa ta’uu beekanii faallaa utuu hin dhaabbatin ummata keenya wojjin hiriiruun qaama qabsoo kanaa akka ta’anu mootummaa abbaa irree kanas ofirraa buusuun sirna haqaa hundaa eegu akka falmatanu gaafanna.
Dabbaloonni (ergamtoonni) woyyaanee kan maqaa hawaasa kanaatiin jiruu dhuunfaa jaraatiifis ta’ee aangoo mootolii jaraa mirkaneessuu jecha mirga sabaa cabsaa jiranu kan darbees ummata haqa male ajjeefame irra tarkaanfatanii worra biyya namaatti dhufe gara jabinaan nama ajjeesu faarsanuu fi galateeffatanu itti galli jaraa kufaatii seeraanis seenaanis jara gaafachiisu yakka hamaa raawwataa akka jiranu akka hubatanu sagalee keenya dhaggeessifana.
Fuula durattis akka hawaasaatti marii keenya itti fufuudhaan hir’ina mullatu qorataa fi sirreeffataa gumaacha qabsoon Oromoo nurraa eeggatu kamuu bahachuudhaaf lafa jirru hundatti akka itti fufnu mutteeffanneerra.
Tokkummaan ummata Oromoo ha dagaagu!
Ergamtoonni diinaa ni barbadoofti!
Ormiyaan ni bilisoomti!

No comments:

Post a Comment